Shehbaz Sharif: Muddama torban tokkoon booda Paakistaan MM haaraa argatte

Leaders of opposition political parties from Bilawal Bhutto Zardari (L) of Pakistan People Party and Shehbaz Sharif (2-L) of Pakistan Muslim League Nawaz (PMLN) talk with journalists after the country's top court on 07 April, set aside the government's move to block a no-trust vote and subsequent decision to dissolve the parliament.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Shehbaz Sharif (gidduu kan mul'atan) mormii Imraan Khan irratti gaggeeffame dursaa turan

Paarlaamaan Paakistaan Shehbaz Sharif Ministira Muummee haaraa gochuun filate. Kunis erga Imraan Khan sagalee kennameen deeggarsa qaban dhabuun, aangoorraa kahaniin boodadha.

Dursaan waltahinsa mormitootaa kun MM duraanii Khan buqqisuuf kan duulaa ture wayita tahu, mana marichaa keessa deeggarsa olaanaa argateera.

Aabba Shehbaz Sharif hanga filannoon Hagayya 2023 gahutti, mootummaa haaraa hangasitti turu ni hundeessu.

Namni ganna 69 Obboo Khan, taatee siyaasaa guyyootaan booda sagalee kennameen aangoo gadhiisan.

Obboo Khan deeggarsa qabuufi dhabuusaanii irratti sagalee kennuuf adeemsa ture, paarlaamaa diiguun, akkasumas filannoo atattamaa waamuun dhaabuuf yaalee ture.

Tahus garuu manni murtii waliigalaa biyyattii himannaa mormituun 'gochaan isaa kun heeraan ala' jechuun dhiyeesseef fudhachuun, sagaleen deeggarsaa akka kennamu heeyyame.

Gaafa Wiixataa Aabba Shariif paarlaamaan sagalee guddaa argachuun, ministira muummee Paakistaan 23ffaa tahuun aangoo fudhatan.

Miseensonni mana marichaa paartii Tehreek-e-Insaf jedhamuufi kan Obboo Khaaniin durfamu sirna sagalee kenninsaa mormuun, paarlaamaa dhiisanii bahan.

Sagaleen erga kennamee obba'e booda, Obboo Shariif mootummaan MM duraanii Khan diinagdee biyyattii sirnaan hin hoogganne jechuun erga komatanii booda, bakkatti deebisuun hojii cimaa akka itti tahu himan.

A protester wears an Imran Khan supporter shirt at a rally in Karachi on Sunday night

Madda suuraa, EPA

Haatahu malee Imran Khan, aangoo isaanii ministira muummeerraa kahuuf ammallee ''shira biyya alaatu duuba jira'' jechuun komata.

Akka inni jedhutti, mormitoonni isaa Ameerikaa wajjiin waltahuun aangoorraa kaasuuf itti malatan - kanaafis sababadha kan jedhu, ejjennoo imaammata hajaa alaa Afgaanistaan, Raashiyaa fi Chaayinaa irratti qabuuni.

Ameerikaan himannaa kana cimsitee kan haalte oggaa tahu, mormitoonni isaas himannaa isaa kanaaf guddoo isa komatan, itti qoosan.

Tahus garuu taphataan kirikeet duraanii kun kophaasaa miti - ejjennoo isaa Ameerikaan faallaan dhaabbachuu kun deeggartoonni isaa hedduunis ni amanu.