Paakistaan: Ministirri Muummee Imraan Kaan filannoo 'amantaa irraa dhabuun' aangoorraa kaafame

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muumee Paakistaan Imraan Kaan filannoo 'amantaa irraa dhabu' (no-confidance vote) gaggeeffameen aangoorraa kaafame.
Paartileen mormituu yaada bulchiinsa isaarraa amantaa dhabuu fi sagaleen irratti akka kennamu jedhu kan dhiyeessan torbe darbe yoo ta’u, MM Imraan Kaan garuu dhimma kana paarlaamaa bittimsuun ofirraa ittise.
Murteen Dilbatarra sagalee kennu kan dhufe erga Manni Murtii Olaanaa biyyatti MM heeraan ala socho’e paarlaamaa bittimse jechuun paartilee mormituuf erga murteesse booda.
MM Imraan seenaa Paakistaan keessatti ministira muummee jalqaba filannoo 'amantaa irraa dhabuun' aangoo irraa kaafamedha.
Paarlaamaan biyyatti Wiixata irratti ministira muumme Paakistaan haaraa filachuuf ni mari’atu.
Minitirri Muummee haaraa filatamu hanga filannoon biyyaalessaa itti aanuu Onkololeessa 2023 irratti gaggeeffamutti aangoo qabatee ni tura.
Miseensonni hoggansaa paartilee ykn dubbi himtoonni waan hin jirreef maarii biyyaalessa kan hoggannu Ayaaz Saadiq, waraqaan kaadhimamtoota Dilbata akka dhiyaatu ibseera.
Filannoo 'amantaa irraa dhabuu' gaggeeffammeen miseensota mana maree 342 keessaa paartileen mormituu sagalee 174 argachuu danda’uu isaanii, af-yaa’iin ibseera.
Hogganaan paartii mormituu Sheehbaaz Shariif ergaa Tiwiitara gubbatti barreessaniin, Paakistaan fi paarlaamaan ishee “ dhumaratti rakkoo cimaa jalaa bilasa ta’uu danda’aniiru” jechuun barreessaniiru.
Dabaluunis “guyyaa haaraa kanaaf uummati Paakistaan baga gammadani,” jedhaniiru.
‘Shira Idil-addunyaa’
MM Imraan ragaa utuu hin dhiyeessiin malee, sababa dhimma Raashiyaa fi Chaayinaa irratti US waliin waan dhabbachuu dideef shirri aangoorra isa kaasuu US’n durfame jira jedha.
Irra deddebi’uun paartileen mormituu Paakistaan humnootii biyya alaa wajjiin hojjechaa jiru jedheera.
Himata dhiyaate kana irratti US “dhugaa hin qabu” yoo jettu, MM Imraanis himata isaaf ragaa hin dhiyeessine.

Madda suuraa, Reuters
Filannoon 'amantaa irraa dhabuu' gaggeefamuun daqiiqaa muraasa dura af-yaa’iin mana maree bakka bu'ootaa Paakistaan, waahila MM Imraan ta’e hojii isaa gadhiiseera.
Miseensonni paartii Imraan (PTI) yeroo filannoon kun gaggeefamutti, MM Imraan shira idil-addunyaan miidhamaa jira jechuun gamoo paarlamaa gadhiisanii ba’aniiru.
Dursaa garee gartuu ispoortii Kirikeetii kan ture Imraan ministira muummee ta’uun kan filatame bara 2018 yoo ta’u, malaammaltummaa loluu fi diinagdee sirreessuuf waadaa seenee ture.
Ta’us garuu yemmuu biyyattiin rakkoo diinagdee keessa seentetti waadaa isaa eegu hin dandeenye.
Bitootessa darbe aanga'ooti hedduun yemmuu isa gananitti sagalee qabu dhabaa dhufe, hojii siyaasaa isaa qabatee turuuf rakkachuu eegale.
Seneetarri PTI Faayisal Jaaved Kaan akka jedhanittii Imraan Kaan mana jireenya MM isaa keessa haala “surraa qabuu fi mataa utuu gadi hin cabsatiin,” ba’e.














