Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan Mana Maree mirga namoomaa UN keessaa baafamuurratti Afrikaan miira walmakaa agarsiiste
UN Kora waliigalaa Kamisa kaleessaa gaggeesseen, yakka waraanaa Raashiyaan Yuukireen keessatti raawwatte akka sababaatti eeruun, biyyattii sagalee guutuun mana maree mirgoota namoomaa isaa keessaa baaseera, dippiloomaatonni Afrikaa hedduun garuu tarkaanfii kana hin deeggarre.
Gochi Raashiyaa weerara ta'uu fi weerara kanas balaaleffachuuf sagalee Bitootessa darbe jalqabarratti yaa'ii UN irratti kenname irratti hirmaannaan biyyoota Afrikaa kan ammaa waliin yoo walbira qabamu walgata.
Kan ammaarratti baayyeen ni morman, kaan ammoo callisa filatan. Biyyoota Afrikaa 54 keessaa 24 ni callisan, Angoolaa, Masrii, Gaanaa, Naayijeeriyaa, Senegaal fi Afrikaan Kibbaa as keessa jiru.
Itoophiyaa fi Aljeeriyaa dabalatee sagal tarkaanfii UN kana mormaniiru. Biyyoonni lameen Raashiyaa waliin hariiroo gaarii fi seena qabeessa qabu.
Biyyoonni 11 ammoo adeemsa sagalee kennuurratti hin hirmaatin hafan.
Afrikaa keessaa biyyoota torba qofatu sagalee deeggarsaa kennan, isaanis Chaad, Komoroos, Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo, Ivory Coast, Liibyaa, Maalaawwii fi Siishelsi.
Garuu biyyoota Afrikaa gidduutti garaagarummaan haganaa maaliif uumame?
Yeroo lamaanuu tarkaanfii Raashiyaa irratti fudhatame deeggaruurra kan callisa filatte biyyi Afrikaa keessaa diinagdee cimaa qabdu Afrikaan Kibbaa rakkoo kan uume dadhabina UN jette.
Gabaasa AFP keessatti pireezidantiin biyyattii Siiril Raamaafoosaa, ''Waraanni kun dadhabina Mana Maree Nageenyaa UN saaxile. Dirqama nageenyaa fi tasgabbii addunyaa eegsisuuf qabu akka raawwataa hin jirre mul'ise,'' jedhan.
Miseensonni Mana Maree Nageenyaa UN kan dhaabbiidhaan Chaayinaa, Firaans, Raashiyaa, UK fi US of keessaa qabu kan yeroon itti darbee fi hunda kan hin haammanne akkasumas bakka bu'ummaansaa kan gaaffii keessa jiruudha jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Naledi Pandor gamasaaaniin biyyisaanii hundarraa wallaba ta'uun callisa filachuun sirrii ta'uu ibsan.
Waraana kanarratti hawaasi idil-addunyaa fakkeessaa fi loogiidhaan kan guutame ta'uu hubanneerra jedhan.