Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Maatiin keenya eessa akka jirru hin beekan' - Dhalattoota Tigraay Naannoo Kibbaatti hidhaman
Jiraataa magaalaa Finfinnee ta'u kan himu Hagoos* hojiif osoo gara magaalaa Samaraa adeemaa jiru humnoota nageenyaan akka to'atameefi Adoolesa 12 eegalee hanga ammaa magaalaa Shonee jedhamtuu keessa hidhamee akka jiru hima.
''Hojjetaa konistiraakshiniidha. Boqonnaa waggaa fudhee hojii dhuunfaaf osoon gara Samaraa adeemaa jiru konkolaataa keessaa na qabani. Akkan hojjetaa ta'e ragaa itti agarsiiseera. Haa ta'u malee, ummata ture waliin gara Naannoo Kibbaa nu fidani,'' jechuun hima.
Hagoos Godina Hadiyyaa magaalaa Shonee keessa kan argamu damee yunivarsiitii Waachaamooti jedhuufi 'giddugala qorannoo qonnaa' jedhu keessatti hidhamee akka jiru hima.
Bakka kana murtii malee hidhamneerra kan jedhan dhalattoonni Tigraay kumaa ol akka jiran himu.
Mana hidhaa kana keessa bilbila qabachuun dhorkaa ta'u kan himan kunneen, dhoksinee bilbila itti fayyadamaa jirra jedhaniin BBC'n isaan dubbiseera.
Sababa itti hidhamaniif akka hin beekne, mana murtii akka hin dhihaanne, nyaata, bishaaniifi qoricha gahaa bakka hin jirretti haala rakkisaa keessa jirra jechuun himan.
Qondaalli olaanoo Naannoo Kibbaa Aadde Sannaayit Solomoon himannaa dhihaate hin fudhatan, naannicha keessa hammi namoota hidhaman ibsaman jiraachuu isaanii akka hin beekne ibsan.
Dhalattoonni Tigraay maal jedhu?
Baatii Waxabajjii darbe Sa'udii Arabiyaarraa gara Itoophiyaa deebi'u kan himan dhalattoonni Tigraay Lamlamiifi Barrihu jedhaman gama isaaniin biyyatti deebi'anii torban isaatti hidhamanii achi turuu himu.
Waggaafi ji'a saddeetiif mana hidhaa Sa'udii keessa turuu kan himu Barrihuun haala walfakkaatuun ji'oota sagal darbaniif magaalaa Shonee keessa hidhamee akka jiru hima.
Waraanni waggaa darbe Naannoo Tigraayitti jalqabe gama Naannoo Affaariifi Amaaraatti ce'ee badii guddaa geessiseera.
Jalqaba waggaa kanaa finciltoonni Tigraay gara Finfinnee qajeeluu isaanii hordofee Labsiin Yeroo Muddamaa labsamee ture.
Kana hordofees dhaabbileen mirga namoomaa hidhaan 'sabarratti xiyyeeffate' jedhan raawwachuu himaa turan. Poolisiin himannaa kana hin fudhatu.
Gareen Humaan Raayitis Waach (HRW) gabaasa baatii Amajji keessa baasen mootummaan lammiilee Sa'uudiitti dararamanii deebifamaniifi dhalattootaan Tigraay ta'an 'hidheera, achi buutee dhabamsiiseera' jechuun himateera.
Dubbii Himaan mootummaa Dr Laggasa Tulluu baati Sadaasa keessa deebii kennaniin kanneen hidhaman 'dhalattoota Tigraay miti garee shororkeessummaan tarreeffaman; Shaneefi TPLF'dha,' jedhan.
'Gara manaa jedhanii as nu fidani'
Hidhaa baatii shan booda Waxabajjii 28, 2013 Sa'udii Arabiyaaraa gara Itoophiyaa dhufuu kan himtu Lamlam torban tokko booda gara Tigraay imalaa osoo jirtuu Naannoo Affaar magaalaa Samaraatti hidhamuu himti.
''Adoolessa shan hoteela Samaraa keessa dhufanii nu qaban. Gara manaa deemtu nuun jedhanii gara kanaa (magaalaa Shonee) nu fidani.''
Barrihuun gama isaatiin ''Sa'udiitti waggaafi ji'a saddeet ol hidhamnee Finfinnee gallee guyya lama akkuma bulleen gara Tigraay imala eegalle.
''Ani buufata Miille jedhamuttin hidhame. Sababa isaa hin beeku. Miseensota poolisii federaalaatu nu qabe,'' jedha.
Namoonni kuni sababa saba isaaniin hidhamuu himu. Hanga yoonaa mana murtii akka hin dhihaanneefi sababa hidhamaniif qaamni isaaniif ibse akka hin jirre dubbatu.
Mootummaan Labsii Yeroo Atattamaa erga kaase booda baatii Guraandhala eegalee dhalattoonni Tigraay bakkeewwan garagaraatii bal'inaan hiikamaniiru.
Haa ta'u malee, Naannoo Kibbaa magaalaa Shoneetti kan hidhamanii jiran akka hin gadhiifamne himu.
'Kan garaatti baataniifi dhihoo dahan jiru'
Namoonni mana hidhaa sana keessa dubartoonni garaatti baataniifi daa'imman akka jiran dubbatan kunneen, dhiyeessiin qorichaa gahaan akka hin jirreefi namoonni mana hidhaa keessatti lubbuunsaanii darbe jiraachuu dubbatu.
''Dubartoota 130 ta'aniitu jira. Kanneen garaatti baatan, kan reefu dahan, akkasumas kanneen dhukkubsatan jiru. Haala cimaatu jira. Dhiheenya kana namni abdii kutannaan baqachuuf yaalee ture tokko ajjeefameera. Namoonni lama ammo dhukkubsachuun du'aniiru,'' jedha Hagos.
Dhimma kana irratti BBC'n qondaala mootummaa dhimmi isaa kallattiin ilaallaturraa hin mirkaneeffanne.
Dubartoota garaatti baatan keessa sadan isaanii achuma mana hidhaa keessatti dahu dubbata Hagoos.
Isaan keessaa namoonni Saawud Arabiyaatti waggoota shaniif hidhaman jiraachu kan dubbatu Hagoos, ''gara biyyasaanii yoo dhufan ammo yakka tokko malee hidhamaniiru'' jedha.
Barriihunis ''haala cimaa keessa jirra'' jechuun waan keessatti argaman ibsa. ''Dhiqannaaf ta'ee mana fincaanii sa'aatiidhaan hin fayyadamnu. Sa'aatii 24f nutti cufameeti teenya. Kan nuuf banamu sa'aatii ciree, laaqanaafi irbaataa qofaaf.''
''Dubartoonni daa'ima qabatan jiru. Ulfis jiru'' kan jettu Lamlam gama isheetiin, dallicha keessatti keessattuu jireenyi dubartootaaf cimaa akka ta'e ibsiti.
Yeroo sadiif ni hiikamtu qophaa'aa jedhamee itti himamee akka ture kan himan hidhamtoonni kunneen, amma yoonaatti garuu mana hidhaa keessatti itti cufamee jiraachuu dubbatu.
''Maatiin keenya eessa akka jirru hin beekan''
Saawudi Arabiyaa irraa deebi'uun gara Tigraay osoo imalaa jiranuu hidhaaf saaxilamuu kan himan Lamlamiifi Barrihuun, maatiin isaanii waa'ee isaanii wanti beekan homtu akka hin jirre himu.
Bara darbe Waxabajjii keessa humnootiin Tigraay erga Maqalee to'ataniin booda Tigraay keessa tajaajilli bilbilaa adda citeera.
''Firoottan keenya Sa'udiitti argaman walin wal quunnamaa turre. Amma garuu bilbilli keenya fudhatameera. Maatiin keenyaa Tigraayiitti argaman garuu eessa akka jirru hin beekan,'' jetti Lamlam.
Haaluma walfakkaatun, Bariihunis maatiisaa Tigraayiitti argamaniin wal quunnamanii akka hin beekne hima.
Ministeera Dhimma Alaa itoophiyaatti dubbi himaa kan ta'an Ambaasaddar Diinaa Muuftii fi itti gaafatamtoota Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa irraa dhimma kanarratti ibsa argachuuf yaaliin taasifne yeroo nuuf hin milkoofne.
Haata'u malee, Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa waa'ee dhimma namoota Yunivarsitii Waachamootti hidhamanii jiranii hordofaa jiraachuu BBCn dhaabbaticha irraa odeeffateera.
Ta'us dhimmicharratti odeeffannoo gadi fageenyaan argachuun hin danda'amne.
Naannoo Ummattoota Kibbaatti Itti gaafatamtuu Sabaa Himaa Ummataa Aadde Sannaayiti Salamoon garuu himannaan kun sobą jechuun kuffisaniiru.
''Yunivarsitiin Waachamoo kaampaasii Shonee jedhamu hin qabu. Kan qabu Kaampaasii Duraamee jedhamuudha. Bulchiinsi Magaalaa Shoonee jedhamu garuu godina Haadiyaa keessatti ni argamti.
''Kanaafu duraan dursee 'hidhamtoonni Kaampaasii Shoonee jedhamutti argamna' kan jedhu odeeffannoo dogongora kan qabu natti fakkaata.
"Kanaan alatti naannoo kamiittu kanneen sochii seeraan alaa taasisan ykn kanneen seera cabsan hidhamu danda'u.
''Garuu ammoo Godina Haadiyaa keessatti namoonni lakkoofsa hanga kanaa hidhaman hin jiran. Haala kanaan ykn sababii saba isaanitiif adda baafamuun kan hidhaman akka hinjirreen beeka,'' jechuun BBC'f deebisan.
*BBC namoota hidhaman kanneen nageenya isaaniif jecha maqaasaanii geeddareera.