MM fi pireezidantiin Somaaliyaa ari'amuu bakka bu'aa Gamtaa Afrikaa irratti wal-dhaban

Madda suuraa, AFP
MM Somaaliyaa Mohaammad Huseen Rooblee bakka bu'aan addaa Gamtaa Afrikaa sa'aatii 48 keessatti Somaaliyaa gadi dhiisanii akka bahan yoo ajajan, pireezidant Formaajoon ammoo ajaja kana kufaa godhan.
Somaaliyaatti bakka bu'aan addaa Gamtaa Afrikaa Firaansiiskoo Madeeraa "gocha sadarkaa inni irra jiru hin madaalle" keessatti qooda fudhate jechuun biyyattii gadi dhiisee akka bahu kan ajajaman.
Aab Madeeraa lammii Moozaambiik yoo ta'an Somaaliyaatti bakka bu'aa addaa Gamtaa Afrikaa ta'uun kan muudaman bara 2015 ture.
Gochi dippiloomaatiin kun akka ari'amu isaan taasise maal akka ta'e ifatti wanti himame hin jiru.
Pireezidantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Formaajoo ammoo ajaja MM Mohaammad Huseen Rooblee kufaa gochuun "mootummaan tarkaanfii seera-qabeessa hin taane kamuu hin deeggaru" jedhan.
"Imaammatni alaa keenya miiraa fi fedhii dhunfaa faallaa Aab Madeeraa" namootni qabaniin kan taliigamu miti jedhan.
Tarkaanfiin wal faallessu kun aanga'oota olaanoo Somaaliyaa jidduutti yoo mul'atu kun kan jalqabaa miti.
Mudde darbe pirezidant Mohaammad Abdullaahi Farmaajo Ministira Muummee biyyattii saamicha lafaa keessa qooda qabu jedhanii himachuun aangoorraa dhorkanii turan.
Haata'u malee waajjirri MM Mohaammad Huseen Rooblee garuu murti pirezidantichaa mormuun ministirri muummee hojii itti fufu jedhe.
Humnoonni nageenyaa ajaja MM Rooblee irraa malee Farmaajoo irraa akka hin fudhannes ibsee ture.
Sana dura Fulbaana keessa basaastuun Somaaliyaa ganna 25 Ikraan Tahliil jedhamtu achi buuteen ishii dhabamuu hordofee, MM Roobleen hogganaa ejensii tikaa biyyattii Fahaad Yaasin hojiirraa dhorkee ture.
Basaastuu kana irra maaltu gahe kan jedhu sa'a 48 keessatti gabaasuu dhiisuun ajajakoo cabsiteetta jechuun hojiirraa dhorke.
Haata'u malee pireezidant Formaajoon gidduu galuun ministirri muummee aangoo qondaala kana ari'uu hin qabu jechuun Aab Fahaad Yaasiniin hojiitti deebise.
Kana hordofees pirezidaant Farmaajoon ''maal na dhibdeen tarkaanfii rakkoo siyaasaa fi nageenyaa fidu fudhate,'' jechuun aangoo MM Mohaammad Huseen Rooblee daangessee ture.
Garuu Aab Roobleen ajaja kana hin fudhadhu, heeraan ala jechuun mormee ture.
Wal-diddaan aanga'oota lamaan jidduu jiru filannoon biyyaalessaa erga Guraandhala bara darbeetii lafarra gangalataa jiru akka hin milkoofne gochaa jira.














