Somaaliyaa: Pirezidant Farmaajon aangoorraa dhorkanis Ministirrri Muummee ajaja didan

Pirezidaanti Mohaamad Abdullaahii Faarmaajoo
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaanti Mohaamad Abdullaahii Faarmaajoo

Pirezidantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahi Farmaajo Ministira Muummee biyyattii saamicha lafaa keessa qooda qabu jedhamanii himataman aangoorraa dhorkan.

Waajjirri Mohaammad Huseen Rooblee garuu murti pirezidantichaa mormuun ministirri muummee hojii itti fufu jedhe.

Humnoonni nageenyaa ajaja isaanirraa malee Farmaajoo irraa akka hin fudhanne himan.

Humnoonni nageenyaa Pirezidantichaaf amanamoo ta'an MM Roobleen waajjira isaanii akka hin seenne yaalanis hin milkoofne, jedhu gargaartonni ministira muummichaa.

Waldhabdeen qondaaltota siyaasaa kanneen jidduutti uumame to'annoon ala akka hin baaneefi deeggartoota isaanii jidduutti walitti bu'iinsa waraanaa akka hin umamneef sodaatameera.

Imbasiin US Somaaliyaatti argamu hogganoonni lamaan waldhibdee hammeessuurra akka of qusatan dhaame.

Maaltu adeemaa jira?

Pirezidaantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Mohaammad kan Farmaajoo jedhamuun beekaman Ministira Muummee biyyattii Mohaammad Huseen Rooblee aangoorraa dhorkuusaanii beeksisaniiru.

Ministirri Mummee dhorkamuuf kan akka sababaatti dhiyaate haala malee aangootti fayyadamuu fi lafa motummaa seeraan ala qabachuu kan jedhudha.

Ministirri I/Aanaa Beeksisaa biyyattii garuu tarkaanfichi ''fonqolcha mootummaa al kallattiiti'' jechuusaanii maddi oduu Rooyitarsi gabaaseera.

Pirezidaantiichi MM Roobleen lafa qabeenyaa raayyaa biyyaaleessa Somaaliyaa ta'e fudhachuu fi qorannoo Ministeerri Raayyaa ittisaa gaggeessuu keessaa seeneera jechuun himatu.

Ministiroonni kaan hojiisaanii itti fufuu jechuun dhorkaan Rooblee qofaa akka ilaalatu ibsan.

Ministirri Mummee Roobleen garuu murtee pirezidaantichaa irratti hanga ammaatti yaada hin kennine.

Haata'u malee, dubbi himaa kan ta'an Mohaammad Ibraahiim Mo'aaliimuu toora Facebook isaanii irratti murteen pirezidantichaa kan heera motummaan deeggaramu miti jechuun mormaniiru.

Itti dabaluunis Ministirri Mummee Roobleen itti-gaafatamumma motummaa isaan irraa eegamu bahuun itti fufuu jedhan.

Ministira Muummee Somaaliyaa Mohaammad Huseen Rooble

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Somaaliyaa Mohaammad Huseen Rooble

Pirezidaantichiifi Ministirri Mummee guyyaa Dilbataa filannoo mana maree gufachiisuun wayita wal himatan dhagahaamanii ture.

Haalli kunis lola mootummaan garee hidhattootaa al- Shabaab kan Al qaa'idaa waliin hidhata qaban irratti gaggeessuurratti dhiibbaa mataasaa ni qabaata jechuun xinxaltoonni akeekkachiisu.

Pirezidanti Farmaajoon Ministira Mummeetiin alattis ajajaa humna galaanaa biyyattii kan ta'an Janaraal Abdiihaamiid Mohaammad Diiriiris aangoorraa dhorkaniiru.

Aanga'oonni lamaanis aangoorraa kan dhorkaman hanga qorannoon gaggeeffamaa jiru xumuramuutti jedhameera.

Naannawa waajjira MM Roobleetti humnootiin nageenyaa bobbaafamuun kan himame yoo ta'u, Ittaanaan Ministira Beeksisaa Abduuraahiim Yusuuf Adaal garuu haalli kun Ministirri Mummee hojiisaanii raawwachuuf gufuu akka hintaane ibsaniiru.

Ittaanaan Ministira kunis fuula Facebook isaanii irratti akka barreessaniitti, ''Wiixata ganama raawwatamaa kan jiru fonqolacha motummaa al idilee ta'eedha, garuu ammooo hin milkaa'u,'' jedhan.

Qorannoo ajjeechaa hojjattuu tikaa Fulbaana keessaa raawwatame tokko hordofuun gaggeefamaa jiruun wal qabatee waldhabdee pirezidaanti Faarmaajoon MM Rooblee aangoorra dhorkanii akka turan ni yaadatama.

Muddama umamee ture qabbaneessuuf jecha jarreen lamaan jidduutti waliigalteen akka bu'u taasifamee ture.

Waldhabdeen pirezidaantichaafi Ministira Mummee jidduu tures baatii Eblaa keessa wayita pirezidantichi bara aangoosaanii waggaa lamaan dheereeffatan kan eegale ture.

Kana hordofees gareewwan aangawoota lamaaniif amanamoo ta'an magaalaa Moqaadishoo keessatti eddoowwan furtuu qabachuun waliitti bu'iinsi uumamee ture.

Muddamni kunis furmaata kan argate erga pirezidaanti Farmaajoon MM Rooblee ittigaafatamaa dhaabbata Tika biyyattii taasisaniin boodaa fi filannoon pirezidaantummaafi miseensoota mana maree akka turu erga waliigalameen booda ture.

Somaaliyaan erga Ziyaad Baarreen bara 1991 aangoorraa kaafamee as mootummaa giddugaleessaa cimaa hin ijaarranne.

Biyyattiin waldhibdee namoota siyaasaafi gosaan yeroo dheeraaf rakkoo kan seente yoo ta'u gama kaaniin immoo hidhattoota al-Shabaabis ofirraa lolaa jirti.

Odeessaalee walfakkaatoo: