Farmaajoo: Pirezidaantiin Somaaliyaa dhiibbaan muddinaan aangoo dheereffachuuf turan dhiisuuf

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Somaaliyaa Mohammad Abdullaahii Farmaajoo sababa hookkarri hammaateefi dhiibbaa irra gaheen aangoo dheereffachuuf turan dhiisan.
Pirezidaantichi aangoonsaa erga obba'ee booda paarlaamaan biyyattii waggaa lamaaf dheeresseefii ture, kanatu hookkara hamaa magaalaa Moqadishoo keessatti kaase.
Gareen pirezidaantichi deggeranii fi morman sabatti wal hiruun magaalaa keessatti wal-waraanuu eegalan.
Haala kanaan daran kan rifatan Pirezidaanti Mohammad Farmaajoo, gara filannootti akka deebi'amuu qabu karaa TV biyyattii ibsaniiru.
Gadaan pirezidaant Farmaajoo Guraandhala darbe goolabameera jechuun, aangoo waggaa lamaaf dheereffame kan morman Ministira Muummee biyyattiis yaadasaaniif galateeffataniiru pirezidaantichi.
Pirezidaant Farmaajoon Sambata dhufu paarlaamaa biyyattiirratti dhiyaachuun, filannoon akkaataa Fulbaana 17 bara 2020 irratti waliigalameen akka raawwatamu dubbachuuf akka jiran himaniiru.
Seerri filannoo yeroo sana irratti waliigalame, aangoo pirezidaantichaa kan akka waggaa lamaaf dheereffamuuf seera baastonni Ebla 12, 2021 mirkaneessan kan diiguudha.
Akkaataa waliigaltee bara 2020 sanaan jalqaba dureewwan gosoota biyyattii bakka buutota isaanii gara Electoral College ergatu, isaan booda achi keessaa seera baastonni filatamu, dhumarratti seera baastonni pirezidaantii filatu.
''Akkuman kanaan dura gochaa ture, wantin mirkaneessuu barbaadu, Somaaliyaa keessatti filannoon yeroodhaan, karaa nagaa fi dimokiraasiin akka gaggeeffamuuf yoomiyyuu qophiidha,'' jedhan Pirezidaant Farmaajoon.
Qaamoleen nageenyaa tarkaanfii hookkara kaasisu kamirraayyuu akka of qusachuu qaban, nageenya lammiilee mirkkaneessuurratti qofa akka xiyyeeffatanis dhaamaniiru pirezidaantichi.
Hookkara dhalate hordofee jiraattonni qe'eesaanii gadi dhiisanii baqataa jiru.
Hedduunsaanii gareen hidhattootaa al-Shabaab qaawwaa uumametti fayyadamuun miidhaa nurraan ga'a sodaa jedhuun baqachaa jiru.















