Al-Shabaab pireezidantiifi MM Somaaliyaarratti haleellaa raawwachuuf ta'uun saaxilame

Pireezidant Mahaammood armaajoofi Ministira Muummee Huseen Rooblee

Madda suuraa, AFP

Ejensiin basaasaa Somaaliyaa hidhattootni al-Qaayidaafi al-Shabaab pireezidantiifi Ministira Muummee Somaaliyaarratti haleellaa addaa qiyyaafachuu bira gaheera jedhe.

Ejensiin Basaasaafi nageenya biyyaalessaa Somaaliyaa tiwiitara gubbaatti yaada baarreesseen hidhattoota al-Shabaabiin ''shira haleellaa qophaaye'' ilaalchisee hooggantoota biyyaaf of eeggannoo dabarseera jedhera.

Ejensichi yoomiifi eessatti haaleellaan kun raawwatamuuf akka karoorfame akkasuma dhimmicha irratti odeeffannoo dabalataa hin kennine. Haata'u malee qaama dhimmi ilaaluun hunda waliin dhimmicha irratti mariyachuu ibseera.

Akeekkachiifni haleellaa shororkeessummaa dureewwan biyyaarratti xiyyeefate kun kan dhagaahame filannoo akkaa ol dheerate ilaalchisee rakkoon siyaasaa pireezidantii fi Ministira Muummee gidduutti dhalate hammaachaa wayita jirutti.

Al-Shabaab gama isaan haleellaawwan Somaaliyaa keessatti raawwatu jabeessee jira.

Garichi dhiyeenya kana qaama buufata xiyyaaraa kan waajiraaleen UN, eembasiiwwaniifi hawaasni dippiloomaatiikii keessa qubataniifi eegumsi jabaan godhamuuf magaalaa guddittii Moqadishoo keessatti haleeleera.

Haleellaawwan boombii of wareegaa lamaan gidduugala magaalaa Beledewwyiin keessatti dhiyeenya raawwateenis dubartii miseensa paarlaamaa taate tokko dabalatee namootni 48 ajjeefamaniiru.

Al-Shabaab waggaa waggaan kallattiifi al-kallattiin galii lammiilee biyyattiirraa sassaabu kan mootummaan biyyattii sasasabuun gadi miti.

Akka dhaabbatni Hiraal Inistitiyuut jedhamu gabaasetti gareen shororkeessaa kun ji'atti yoo xiqqaate galii doolaara miiliyoona 15 galfata.

Harki caalaan galii kana ammoo magaala guddoo biyyattii Moqaadishoorraa argama.

Al-Shabaab bara 2021 keessa doolaara miiliyoona 24 ta'uun meeshaa waraanaa bitachuu, qorannoon dhaabbata Moqaadishoo keessa jiruun hojjetame beeksiseera.

Hiraal Inistituut gabaasa haaraa baaseen gareen kun bara 2021 keessa galii doolaara miiliyoona 180 ta'u walitti qabeera jedhe.

Kanaanis maallaqa doolaara miiliyoonota hedduun meeshaalee waraanaa ammayyaa waggaa waggaan bitachaa akka jiru dhaabbileen walabaa qorannoo gaggeessan ni himu.