Al-Shabaab mootummaa caalaa gibira guddaa sassaaba jedhame

Madda suuraa, AFP
Somaaliyaa kan madheefate garee shororkeessaan, al-Shabaab, doorsisaafi hokkoraan galii mootummaan biyyattii galfatuun qixxee galfataa jedhe qorannoon.
Akka dhaabbatni Hiraal Inistitiyuut jedhamu gabaasetti gareen shororkeessaa kun ji'atti yoo xiqqaate galii doolaara miiliyoona 15 galfata.
Harki caalaan galii kana ammoo magaala guddoo biyyattii Moqaadishoorraa argama.
Dhaabbileen daldalaa tokko tokko garee hidhattootaa kanaaf akkasumas mootummaa Soomaaliyaa beekamtii idila addunyaa qabuufiis gibira kaffaluu jedha dhaabbatni qo'annoo gaggeesse kun.
al-shabaab waggoota 10 oliif mootummaa Somaaliyaa waraanaa jira. Gareen kun gidduugalaafi Kibba biyyattii hedduu to'atee kan jiru yoo ta'u, gara magaala guddoo Moqaadishoottis dhiibbaa uumaa jira.
Uummata baadiyyaa jirurraa halli maallaqa itti sassaabu 'gara-jabeenya' jechuun ibseera dhaabbatichi.
Akka gabaasa dhaabbatichaatti ''kaka'uumsi takkittiin al-Shabaabiif gibira kaffaluu Sodaafi jireenya isaaniirra yaaddoon nageenyaa jiraachuudha.''
Mootummaan biyyattii hanqina maallaqaa qabaatuus, faallaa kanaan al-Shabaab maallaqa '' irraa hafaa'' qaba jedha qorannoon kun.
Hangi maallaqaa waggaa waggaan sassaabu dabalaa deemuun akkasumas baasiin duula gaggeessuuf baasus hangi isaa dhaabbataa ta'uun maallaqa 'irraa hafaa' qabaachuu isaaf sababa jedhameera.
Dhaabbatni qo'annoo kana gaggeesse miseensota al-Shabaab, abbootii daldalaa, hooggantoota mootummaa fi kaaniis dubbisee ragaa walitti qabeen, kaampaniiwwan gurguddon biyyattii galii isaanii irraa dhibbeentaa 2.5 'Zakat' jechuun garee kanaaf wagga waggaan gumaachuu ji'attis maallaqa kennantu jiraa jedha.
Namootni daldalaa naannolee bulchiinsa mootummaa jala jiran keessatti socho'an qaama lamaaf gibira kaffalaa jirra jechuun komatu.
Buufatni doonii madda galii guddaa mootummaa Somaaliyaa ta'uus, gareen hidhattootaa garuu meeshaalee alaa galanirraas hooggantoota buufata doonirraa ni qooddatuu jedhama.
Hojjettootni mootummaa hedduuniis mindaa isaaniirraa garee kanaaf maallaqa hanga ta'e akka kennan hojjeettoota mootummaa dubbiseera hubachuu Hiraal Inistitiyuut ibseera.
Sababni mindaa isaaniirraa kennaniif ammoo al-shabaab haleellaawwan raawwatuun isaan akka qiyyaafannoo isaa hin taane abdachuuni.
Miseensonni garee al-Shabaab moobaayilaa isaaniirratti ergaa erguun ykn bilbiluun maallaqa akka kennaniif akka gaafatamanillee hojjettootni mootummaa dubbifaman himaniiru.
Nannolee to'annoo garee kanaa jala jiran keessatti gareen jihaadistoota kanaa galii walitti qabu kallattiin abbootii qabeenyaa bira dhaquun kaffaltii gaafatu.

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaa waraana al-Shabaabiif gibira kanfala
Hogganaan waraana mootummaa Somaaliyaa garee kanaan lolatti jiru akkamiin garee kanaaf maallaqa kennuuf akka dirqame dhaabbata qorannoo gaggeesse kanatti himeera.
Namni biroon nama waraanaa kanaaf mana ijaaraa ture gareen al-Shabaab maallaqa gaafatee namichi kaffaluu didnaan inni mana ijaaruuf hojii dhaabe.
Boodas konkolaatan meeshaalee ijaarsaa deddeebisuus maallaqa waan gaafatameef hojii dhaabe.
Sababa kanaan ijaarsa manaa dhaabuufi jihaadistoota kanaaf maallaqa kaffaluu keessaa filachuun dirqama ta'e jedha komaandarri humna waraanaa kun.
Boodas ''haala nama gaabbisiisuun doolaara 3,600 kaffaleen manni koo ijaaramee dhume'' jedhu.
Jihaadistootni kun akkuma meeshaalee alaa galan irratti xiyyeeffannoo addaa godhan seektara riil isteetiirraas ija hin buqqifatanii jedha gabaasni kun.
Magaala Qarqara galaanaa taate Kismaayyootti namni daldala riil isteetaa si'eessu hanga maallaqaa sochoosanii akka ibsu hidhattootaan gaafatamee waakkiifi muggutii malee maallaqa hanga kaffalu itti himamee innis hanga jedhame kaffaluu hiriyaan isaa hojii walfakkaatu dalagu Inistitiiyuutii kanatti himeera.
Al-Shabaab naannolee baadiyyaatti akka bakka bu'aa mootummaa ta'ee galii sassaabaa oola, horii, omishaalee fi itti fayyadama bishaaniirratti osoo hin hafiin gibira tilmaamas jedha.
Baadiyyaa keessatti qonnaan bulaan Tiraakatara qabu gatii tiraaktarri isaa hojjetuuf hidhattoota kanaaf kaffaltii akka raawwatu gaafatamuusa hima. Tiraaktarri isaa hojiin ala taatuus kanfaltii akka raawwatullee komata.
''Kaffaltiin fedha keenyaan ala dirqiin raawwatamas'' jedha
Qaamoleen mootummaa keessaafi isaa ala jiran hunduu al-Shabaabiif kanfaltii kan raawwatan fedhaan alaitti sodaarraa ka'uun ta'uu Hiraal Inistitiyuuttitti himaniru.















