Bara darbe al-Shabaab doolaar miiliyoona 24'n meeshaa waraanaa bitate-Gabaasa

File image of Somalia al-Shabab fighters in Elasha Biyaha

Madda suuraa, AFP

Gareen hidhataa Somaaliyaa keessa socho'u al-Shabaab bara 2021 keessa doolaara miiliyoona 24 ta'uun meeshaa waraanaa bitachuu, qorannoon dhaabbata Moqaadishoo keessa jiruun hojjetame beeksise.

Hiraal Inistituut gabaasa haaraa baaseen gareen amantaa Islaamaa Mankaraarsuufi garee shororkeessaa idila addunyaa al-Qaayidaa waliin hariiroo qabu kun bara 2021 keessa galii doolaara miiliyoona 180 ta'u walitti qabeera jedhe.

Gabaasa haaraa mata-duree 'Al-Shabab's Arsenal - From Taxes to Terror' jedhuun baase irratti gareen kun meeshaa waranaa toftaa adda addaan akka bitatu ibseera.

Gabaa meeshaa waraanaa seeraan alaa biyya keessaa, daldaltoota meeshaa waraanaa gurguruuf hayyama qabaniifi gara caalu Yaman irraa kallattiin Somaaliyaatti ergamuni waraana jabeeffata jedhe.

Hidhattootni al-Shabaab naannolee Somaaliyaa hedduu to'atanii maloota adda addaan uummata irra dhiibbaa gochuun gibira akka sassaabuufi bulchu jaarmiyaan kun ibseera.

Barreessitootni gabaasa kana al-Shabaab meeshaa waraanaa haaraa dhuunfachuu akka itti hin fufnee fi sochii isaa danquuf meeshaa galoo Aden irraa galu ittisuu qaba yaada jedhu kennaniiru.

al-Shabaab, doorsisaafi hokkoraan galii mootummaan biyyattii galfatuun qixxee galfataa jedhe ture dhaabbatni Hiraal Inistitiyuut gabaasa isaa bara 2020 bahee tureen. Gareen shororkeessaa kun ji'atti yoo xiqqaate galii doolaara miiliyoona 15 galfatas jedhe.

Harki caalaan galii kanaa magaala guddoo biyyattii Moqaadishoorraa kan argamu yeroo ta'u, dhaabbileen daldalaa tokko tokko garee hidhattootaa kanaaf akkasumas mootummaa Soomaaliyaa beekamtii idila addunyaa qabuufiis gibira kaffaluu jedha dhaabbatni qo'annoo gaggeesse kun.

Hojjettootni mootummaa hedduuniis mindaa isaaniirraa garee kanaaf maallaqa hanga ta'e akka kennan hojjeettoota mootummaa dubbiserraa hubachuu Hiraal Inistitiyuut gaaasa isaa waggaa lama dura baheen ibseera.