Gareen dhiheenya Godina Baaleetti to'atame dhuguma al-Shabaab waliin hidhata qabaa?

Madda suuraa, EBC irraa kan kaafame
Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhiheenya kana gareen 'Kawarijaa' jedhamu, Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti to'annoo jala oolchuu hime.
Akka ibsa qaamoolee nageenyaa naannichaatti, garee kun al-shabaab waliin hidhata qaba.
Gareen to'annoo jala oolfameera jedhame kunis maqaa 'Islamic State Centre' jedhuun akka of waamu Itti-Gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Obbo Jibriil Ahimed BBC'tti himan.
Akka Aanga'aa kun jedhaniitti, gareen kun namoota filee, kaan mooraa leenjii galchuun, kaan ammoo leenjiif qopheessee osoo jiruu hordoffii qaama nageenyaan to'annoo jala oolfaman.
Kaayyoon isaanii ''humnaan mootummaa ammaa kana garagalchuun mootummaa Islaamaa hundeessuudha'' jechuun himu.
Namoota to'annoo jala oolan keessatti dargaggoonnii fi dubartootni ni argamu.
Gareen kun yeroo dheeraaf aanaa Dalloo Mannaa keessa socho'aa fi ilaalcha amantaa isaanii barsiisaa, namoota amansiisuun ofitti dabalaa akka turan jiraattonni BBC'n dubbise himan.
Gareen kun maqaa ''Kawariyaa'' jedhamuun akka of waamu dubbatu jiraattoonni.
Yeroo bulchiinsa MM duraanii Obbo Mallas Zeenawwii irraa eegaluun aanichatti sochii gochaa akka turanis himu.
Gareen 'Kawaariyaa' kun eenyu?
Jiraataa aanaa Dalloo Mannaa kan tahan Obbo Sulxaan gareen kun waggaa dheeraaf aanaa isaanii keessa socho'aa turuu BBCtti himan.
Hordoftoota amantaa Islaamaa kaan irraa adda of baasuun, ilaalcha finxaalessummaa qabachuun kanneen socho'anidha jedhan.
''Kawarijaa'' jedhamuun akka of waaman kan himan Obbo Sulxaan, gariin isaanii naannoo Somaalee, Harar, Wallaggaa fi bakkee biroo irraas kan dhufan keessatti argamu jedhan.
''Asii namoota hedduu isaanitti makamanis beekna. Barsiisanii ofitti dabalaa turan. Islaamaan wal hin fedhan. Gareen kun waggaa dheeraaf warra amantii keenya balleessanidha. Mootummaan nuuf haa to'atu jechuun uummanni himataa ture.''
Obbo Sulxaan, gareen ''Kawaariyaa'' jedhamuun beekamu kun aanaa Dalloo Mannaa iddoowwan Haayoodaa fi Shaawwee jedhaman keessa qubatanii akka turan himan.
''Amma immoo meeshaa qabatanii baddaatti galaniiru. Achittis walitti bu'insi uumamuun hidhataan tokko du'uus quba qabna. Dubartoonni keessa jiru. Humna nageenyaan walitti dhukaasanii gariin baqachuun, kaan ammoo qabamanii hidhamuu isaanii beekna.''
Sheeh Huseen Aliyyii jiraataa aanaa Dalloo Mannaa fi hogganaa Majilisaa aanichaati. Waa'ee garee kanaa akkasiin BBC'tti himan.
''Dur Kawarijaa jedhamuun beekamu. Amma immoo mootummaa Islaamaa dhaabna jedhu. Kun ammoo kan Islaamaa qulqulluu miti. Hidhata qaamolee alaa akka 'Daa'esh' fa'i akka qaban dhageenya. Bara bulchiinsa Mallasii keessallee himataa turre. Garuu qabanii gadhiisaa turan.''
'Gibirra kaffaluun Haraama'
Gareen kun waggaa dheeraaf barsiisa amantaa isaanii kennaa, aanicha keessa socho'aa akka turan jiraattotni BBCn dubbise kunneen ni himu.
Jiraataan aanichaa kan ta'an Obbo Sulxaan, gareen kun ''mootummaa kaafiraan hin bullu. Yoo tures aangoo ni qabanna jedhanii amanu. Ejjennoo isaaniis uummanni ni beeka'' jedhan.
Itti dabaluunis ''Gibira mootummaa kanaaf kaffaluu hin fedhan. Gibirri Rabbiif qofaaf kaffalama. Gibirri kaffalamu haraama warra jedhanidha. Dubartoota illee kan walii isaanii malee hin fuudhan,'' jedhan Obbo Sulxaan.
Gareen ''Kawaarijaa'' ofiin jedhan kun kanneen ilaalcha 'mootummaa Islaamaa tokko qofa dhaabuun isa jalatti bulla' jedhan waliin barsiisa wal fakkaataa akka qaban, hogganaan Majilisaa aanaa Dalloo Mannaa Sheeh Huseen Aliyyii ni himu.
'Masjiida keenyatti hin salaatan'
Hogganaan Majiliisa aanaa Dalloo Mannaa Sheeh Huseen, gareen kun Masjiida hordoftoonni Islaamaa kaan itti salaatan hin dhufan. Salaanni isaaniis addadha jedhan.
Kaayyoon isaaniis nama yaada isaanii faalleesse, islaamas ta'u kiristaana ajjeesuufi balleessudha jedhan.
''Halkan sa'a afurii hanga sagalii mana nama tokkootti wal gahuun erga mari'atanii booda osoo lafti hin bari'iin addaan akka faca'an dhagahaa turre. Booda ammoo mootummaa Islaamaa kan mataa keenyaa dhaabna. Qaraxa mootummaaf hin kaffaliinaa. Bataskaanaa fi Masjiidi amma jiru kunillee gubachuu qaba'' jechuun warra socho'aa turanidha jedhan.
Gabaasa EBC'n namoota to'annoo jala oolan keessaa nama maqaan Ahimed Raashad jedhamu dubbisuun dhiyeesseen, barsiisni garee kanaa kan 'Islamic State' ykn IS waliin wal fakkaachuu akka danda'u hime.
Sheeh Huseen ammoo akka hawwaasa Islaamaatti waa'ee isaanii ilaalchisee hubannaan kennamaa turuus himu. ''Barsiisni isaanii dogoggora guddaa uuma. Qabiyyee Qur'aanaa jallisanii himu. Nama sirriitti Qur'aana hin beekne dogoggorsuu danda'u,'' jedhan.
Akkasumas Obbo Sulxaan, gareen kun sheekaa addatti akka qaban himuun, ''bakka Garba Harree jedhamutti isaan barsiisas'' jedhan.
Mootummaan maal jedhe?
Itti gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Oromiyaa Obbo Jibiriil Ahimed gareen 'Kawarijaa' jechuun of waamu kun kan gocha shororkeessummaaf qophii taasisaa ture jedhan.
''Bakka adda addaatii namoota walitti qabachuun, humna haaraa leenjisuuf mooraa galchaniiru. Leenjiin leenjiisaniis kan hidhannooti. Qophii irraa kan jiranis akkasuma jiru. Nageenya Itoophiyaa keessaa jeequun kan gaanfa Afrikaa jeequuf kan kaayyeffate fakkata,'' jedhan Obbo Jibiriil.
Obbo Jibriil, gareen kun kaayyoon isaanii irra keessaa mootummaa Islaamaa hundeessuu kan jedhu haa ta'u iyyuu malee, humnoota akka al-Shabaab kan Somaaliyaa keessa socho'u waliin walitti hidhachuun nageenya biyyaa jeequu fi shororkeessuufidha jedhan.
''Ergama al-Shabaab fudhachuun kan biyya keessa socho'aa turaniidha. Qaama nageenyaa irratti dhukaasa bananii ture. Qaama nageenyaa fi garee kana keessaa namootni ajjeefamanis jiru'' jedhan Obbo Jibriil.
Qondaalli nageenyaa mootummaa kun kana haa jedhaniyyuu malee garee kanarraa haga ammaa wanti dhagahame hin jiru.
Dabalataan bakki leenjii isaanii qophaa'aa tures bira gahamee diigamuu himan. Namoonni to'annoo jala oolan leenjii loltummaa fudhataa akka turan himaniiru Obbo Jibriil.
Ammas qaamni nageenyaa naannoo isaan keessa socho'aa turanitti hordoffii gochaa akka jiru dubbatan.
Haata'u malee gareen jedhamee kunis qaama akkamiin akka hogganamuu fi gariin baqataniiru jedhamanis lakkoofsaan hammam akka ta'an ammatti wanti ifatti barame hin jiru.
Itoophiyaan waggaa lamaan dura loltoota garee IS jedhan daangaa ishee irratti to'achuu beeksiifte turte.
Miseensoonni gareen Al-shabaabi illeen Itoophiyaa galuuf tattaaffii gochaa turanillee hordofee to'achuusaa, qondaalli raayyaa ittisaa tokko yeroo sana BBCtti himanii turan.
Miseensoonni to'ataman jedhamanis magaaloota Jigjigaa, Dire Dhawaa akkasumas Dollootti akka qabaman himame.
















