US Human Ittisaa Itoophiyaaf deggarsa dolaara mil 2.9 kennite

Madda suuraa, U.S. Embassy Addis Ababa
Ameerikaan damee Humna Ittisaa Itoophiyaaf deggarsa taasisuu itti fufuun dolaara miliyoona 2.9 kennuu ishee Imbaasiin biyyattii kan magaalaa Finfinnee jiru beeksiseera.
Deggarsi Ameerikaan damee Humna Ittisaa Itoophiyaaf gootu kunis dammeen raayyaa biyyattii daranuu jabaatee akka rakkoo nageenyaa naannawaa Baha Afriikaaf furmaata ta'u gochuuf kan kaayyeffatedha.
Ji’a kana keessa mootummaan US deggarsa leenjiifi meeshaalee waraanaa dolaara Ameerikaa miiliyoona 2.9’tti tilmaamu Humna Ittisaa Itoophiyaaf taasiseera.
Deggarsi kunis humni waraanaa Itoophiyaa garee al-Shabaab Somaaliyaa keessa socho’uufi garee shororkeessitootaa qolachuu keessatti humna akka jabeeffatuuf yaadameeti.
Deggarsi doolaara miiliyoona 3tti siquufi amma taasisamee kunis kanneen humna lafoo deggeran, humna galaanarraa kan tumsan, ambuulaansiiwwan, kaargoo fi konkolaataa fe’umsa boba’aa, kompiyuutaroota dhimma nageenyaaf oolan fi meeshaalee nageenyaa biro of keessatti hammata.
Deggarsa karaalee ittiin mootummaan US hojii Itoophiyaan shororkeessitoota qolachuuf hojjechaa jirtu deggeran keessaa tokko.
Itoophiyaa fi US hariiroo waggoota hedduu gama leenjii humna waraanaa fi shaakalliiwwan biro hedduu kanneen nageenya eegsisuuf tumsan waliin qabaachaa turan.
Duula farra shororkeessummaarrattis waggootaaf wal deggeraa turaniiru.













