Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa miseensota al-Shabaab 35 ajjeesuu ibse

Madda suuraa, AP
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa loltoota al-Shabaab 35 Somaaliyaatti ajjeesuu isaa ibsa miidiyaan biyyaalessaaf ergeen beeksise.
Kanneen du’an alatti 14 mada’aa’uu gabaasni EBC ibsa.
Balaan kunis osoo Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa waraana Somaaliyaa Baayirdowaa jiruf meeshaalee geessaa jiru karaatti al-Shabaab haleellaa banuf yeroo yaaletti Raayyaan Itoophiyaa deebi’see haleeluuni jedhameera.
Waraana Itoophiyaa osoo rakkoon hin qunnamiin bakka gahuu qahu qaqqabuu isaa gabaafameera.
Humni Qilleensa Itoophiyaa bakkeewwan hidhattoonni al-Shabaab jiru jedhaman irratti haleellaa geessisuun ‘miidhaa gurguddaa’ dhaqqabsiiseera jedha ibsi Raayyaan Ittisaa EBC’tti erge.
Kanaanis, namni naannichatti fanjii kiyyeessuun beekamuufi ‘Jabil’ jedhamu kanneen du’an keessa jira jedhameera.
Humni Qilleensaa Itoophiyaa tarkaanfii Somaaliyaa keessatti garee 'fanjii' al-Shabaab irratti fdhateen hedduu ajjeesuu Raayyaan Ittisaa torban dura beeksiseera.
Humni Qilleensaa Itoophiyaa tarkaanfii kana kan fudhate Somaaliyaa keessa bakkawwan Kortolleefi Hirkut jedhamanittidha.
Haa ta'u malee, yeroos hidhattoonni al-Shabaab ajjeefaman jedhaman kan amma gabaafameerraa gadihda.
Al-Shabaab mootummaa Somaaliyaa giddu-galeessaafi humnoota alaa irratti magaalaa guddittii biyyattii Moqaadishoofi bakkawwan gara garaatti yeroo gara garaa boombii dhoosuudhaan miidhaa cimaa garee qaqqabsiisaa jirudha.
Gama kaaniin, Itoophiyaan kana dura loltoota garee IS jedhuun of waamuufi Somaaliyaa keessatti socho'u magaalota daangaa Itoophiyaa Somaaliyaa fi Keenyaa daangessan qabu ishee beeksisuun ni yaadatama.















