Humnooti waraanaa Somaaliyaa mormitoota deeggaraan kaampitti deebi'aa jiru

Madda suuraa, Reuters
Humnooti waraanaa Somaaliyaa mormitoota deeggaraa turan gaafa Jimaataa naannoo mana jireenyaa Ministira Muummeetti walitti-dhukaasa taasifameen booda waliigalteerra gahuun gara kaampii isaaniitti deebi’aa jiru jedhan dubbii himaan loltoota kanaa.
Seera tumtoonni Somaalii ji’a tokka dura yeroo hojii pireezidaantii dheeressuuf sagalee kennan, amma immoo sodaa walitti-dhukaasa loltoota pireezidanticha deeggaranii fi morman gidduutti taasifameen yeroo hojii pireezidantichaa waggaa lamaan dheereffame hambisuuf filataniiru.
Ogeessi kaameeraa Rooyitars loltoota meeshaalee waraanaa gurguddaa hidhatan kan konkolaataa waraanaan Moqaadishoo keessatti socho’aa turan ijaan argeera, kaanimmoo gara kaampii isaanii deebi’aa turan.
''Kaleessa ajaja ministira mummeetiin booda gara kaampiitti deebi’uuf waliigalle. Warreen kun humnoota kaaba Moqaadishootti lolaa turanii dha, warreen kaanis dhufaa jiru, isaanis qophii dha. ‘’ jechuun Rooyitarsitti dubbatan dubbii himaan loltoota mormitootaa Meejar Diinii Ahiimad.
Gaafa Kamisaa yaada Rooyitarsitti himaniinis loltoonni gara kaampii isaanii deebi’uuf waliigalaniiru jedhan.
Waliigalteen muddama ji’a tokkoof adeemaa ture xumuruuf taasifame, humnooti mormitootaa sa’atii 48 keessatti gara kaampii deebi’uu dabalata.
Loltoonni siyaasa harka galchuu akka hin qabneefi,warreen mormitoota deeggaran akka hin adabamne waadaan isaaniif seenameera.
Ministirri Muummee Mohaammad Huseen Rooblee karaa akka banamuufi keellaawwan kaa’aman akka ka’an waliigaltee gaafa Roobii taasifamerratti kaa’aniiru.
‘’Mee magaalaan keenyi nagaa, tasgabbii fi badhaadhinni haa argaatu,’’ jechuun gaafa Roobii Tiwiitarii gubbaatti barreessan.
Yeroo muddamaa kanaa gareen al-Qaayidaa al-Shabaab waliin hidhata qabu yoo humnooti mootummaa sabaaan adda adda qoodaman, qaawwa kana fayyadamuu mala jedhamee sodaatamee ture.
Wal-dhabdeen kuni yeroo wal-morkii aangoo siyaasaa qondaalota federaalaa fi naannoo akkasumas mormitoota tahaa jirutti finiine.
Somaaliyaan Mudde keessa filannoo hin gaggeessiin waan hafteef Guraandhala keessa pireezidantiin hin filatamiin hafeera.
Baatii Eblaa keessa paarlaamaan yeroo hojii Pireezidant Mohaammad Abdullaahii Mohaammad waggaa lamaaf dheeressanis seeneetiin garuu kuffisee ture.
Seera tumtoonni sagalee keennan, haqaa jiraatanillee mormitoonni muraasa Mohaammada ammallee aangoo gad-lakkisuu eeyyamamoo tahuu isaanii ni shakku. Hatattamaan akka aangoo dabarsanii ministira mummeefa kennanis barbaadu.














