Somaaliyaa: Waldhibdeen Pirezidantiifi Ministira Muummee biyyatti garamitti qajeela laata?

Pirezidaanti Farmaajoo fi MM Roble

Madda suuraa, BBC/Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaanti Farmaajoo fi MM Roble

Filannoon Somaaliyaa dheerachuu hordofee waliigalteen namoota siyaasaa gidduu dhalate wal amanteen akka daraaru taasiseera.

Manni maree gadii biyyattii filannoon akka dheeratu murteessee yeroo turtii aangoo Pirezidant Mohaammad Farmaajo waggoota lamaaf dheeressuu hordofeefi dubbiin kan hammaate.

Michuuleen idil-addunyaa Somaaliyaafi paartileen mormituu filannoon dheeratuu isaa mormuun Farmaajoo himataniiru.

Sababa kanaan magaalaa guddoo biyyattii Moqadishootti hookkarri lubbuu namootaa galaafate dhalatee ture.

Walitti bu'iinsa mootummaa federaalaafi mormitoota gidduu Ebla waggaa darbe mudateen yoo xiqqaatee lubbuun namoota 10 darbeera.

Qaamolee ijoo waldhibdee keessa qooda qaban

Mormitoonni turtiin aangoo Pirezidant Farmaajoo waan dhumateef ammaan achi beekkamtii hin kenninu jedhan.

Kana hordofees mormitoonni beekamoo waltajjii biyyaalessaa 'Naashinaal Saaliveshin Rifoorm' jedhu hundeessan.

Qindoominni kuni mormitoota ijoo Farmaajoo kanneen akka Af Yaa'ii Seenetii Abdi Hashi Abdullaahi, akkasumas hogantoota Jubaa Laandiii Punti Laand kan of keessaa qabudha.

Aangoo pirezidantichaa bu'uura heeraa hinqabu jedhan irratti ''tarkaanfii barbaachisaa ni fudhanna'' jechuun dhaadatan.

Pirezidantiin Puntilaand Sa'id Abdullaahiifi Pirezidantiin Jubaa Laand Ahimad Mohaammad Islaam magaalaa Moqaadishootti bakka buutota hawaasa idil - addunyaa waliin mari'atanii turan.

Yeroosis ''Somaaliyaatiin hadhaba hookkara keessa hin bahamne keessa akka hin seenne akka baraaran'' gaafatan.

Ameerikaa, UK, akkasumas Gamtaan Awurooppaa murteen aangoo pirezidantichaa dheerachuun biyyattiin gara nagaafi ijaarsa mootummaa taasistu ni danqa jedhanii turan.

Hariiroo biyyattii waliin qabanis akka keessa deebi'anii ilaalan akeekkachiisan. Dabalataan, US kanneen ''nagaafi tasgabbii danqan'' jetteerratti qoqqobbii akka keessu akeekkachiistee turte.

Manni Maree Nagaafi Tasgabbii Afrikaallee aangoon mootummaa dheerachuu isaa hin fudhanne.

Pirezidant Farmaajoo irratti mormiin olaanaa dhihaatus mana maree gad aanuufi Gaalmud, Hiwumaale akkasumas bakkeewwan kibba lixa biyyattiitti deeggarsa olaanaa qabu.

Mormitoonni motummaa waldhabdee umamee yoo gammadan Moqaadisho, Somaaliyaa Ebla 25, 2021

Madda suuraa, EPA

Qormaata mootummaa federaalaa

Sirni federaalaa Somaaliyaa waldhibdee gosaa hammaate dhaabuufi mootummaa giddugaleessaa hundeessuuf carraaqqiin taasifame rakkoo waan godhateef kan hundaa'edha.

Qoqqoodamaafi cimaa ta'us dhabu ijaarsi nageenya biyyaalessaa tirataas ta'u saffisa qabuun akka itti fufu taasiseera.

Biyyattiin turtii waggoota 30 booda sirna faayinaansii idil-addunyaa keessa seenuuf dhaabbilee faayinaansii ishii irra deebin ijaarteetti.

Filannoon achi dhibuu isaan rakkoon tasgabbii uumame durumaa mootummootaa naannolee aangoo Farmaajoo 'gad-qaban' gidduu waldhibdee hammesseera.

Fulbaana bara 2018 pirezidantiin naannoo biyyattii shan aangoofi qabeenya irratti waliigaluu dhabuun motummaa federaalaa waliin akka hin dalagne beeksisaniiru.

Pirezidant Farmaajon deebii kennuuf hin barfanne. Naannolee to'annoo isaanii jala galchuu eegalani.

Kanneen isaan morkatuu malan kaasuun deeggartoota isaanii bulchinsota Gaalmudiifi kibba lixa biyyattiitti ka'aniiru.

Mootummaan federaalaa filannoo Punti Laandiifi Jubaa Laand jiran irratti dhiibbaa walfakkaataa gochuu garuu hin dandeenye.

Hoggantoonni bakkeewwan kanaa Farmaajoon irra deebiin akka hin filamne hojjetaa jiru.

Waliigaltee Fulbaanarratti taasifame

Aangoon Farmaajoo ifatti kan xumurame Guraandhala waggaa darbe ta'us piredantiin haaraa akkamiin akka filatamuurratti waliigalteen waan dhibeef filannoon dheerateera.

Kuni dhalatuu isaaf pirezidantiifi ministirri muummee biyyattii wal himatu.

Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa filannoo ummataa adeemsisuuf akka hin danda'amne beeksise.

Filannoo amanamummaa qabu qopheessuuf qophiin hanga baatii 13 gahu akka isa barbaachisu Waxabajjii bara 2020'tti paarlaamaatti beeksise

Ta'us, bulchitoonni Jubaa Laand, Puunt Laand, akkasumas paartileen mormituu filannoon dheerachuu isaa hin fudhanne.

Adoolessa bara 2020 inumaa ministirri muumee duraanii Hasan Ali Keyiree aangoorraa ka'un isaanii adeemsa filannoorratti amantee qaban jalaa hanqise.

Bulchitoonni Jubaa Laandiifi Puunt Laand maagaalaa Dusumaareb walgahii taasifameerratti hirmaachuu hin feene. Walgahicharratti dhimma filannoon walqabatee waliigaltee jalqabaarra gahame.

Fulbaana 17, 2020 dhiibbaa idil-aaddunyaa torbanootaaf tureen booda haala filannoo irratti waliigalteen mallattaa'e.

Akkaataa waliigaltee kanaatti naannoolee tokko tokkotti naannoon filannoo lama ni jiraata. Gaaffilee finciltootaan koreewwan filannoo biyyaalessaafi naannoo filannicha hordofan akka hundaa'an murtaa'e.

Ta'us, Puunt Laandiifi Jubaa Laand komishinii filannoo mootummaa federaalaan hundaa'e fudhachuu waan didaniif hojiirra ooluu dadhabe. Ajajoonni nageenyaa akka ka'aniifi paarlaamaan akka diigamus gaafatan.

Filannoon akka dheeratu dursee kan tilmaame mootummaan federaalaa hanga Sadaasa bara 2020'tti filatamtoonni haaraa bakka buufamanitti aangawootni dhaabbilee mootummaa aangoorra akka turan murtesseera.

Siyaasa gosaafi walitti bu'iinsa

Wal amanuu dhabuun gaafa hammaataa deemu namoonni siyaasaafi aangawootni olaanoo tikaa gara gosa isaaniitti hirkatuu eegalani. Kunneenis milishoota gosaa, hidhattootaafi ajajoota duraanii waraanaan kan eegaman turani.

Hogganoonni paartilee mormituu muraasa qabsoo hidhannoof qophaa'uu eegalani. Meeshaalee waraanaafi konkolaattoota waraanaas kanneen bitan turani.

Waggaa darbe loltootaafi poolisoota mormitoota filannoon dheeratuu isaa morman deeggaran gidduu walitti bu'iinsi dhalate.

Qondaaltonni poolisii humna addaa Harmaad Turkiitti leenji'e qabu. Mootummaan kana dura mootummaa naannoleerratti dhiibbaa uumuuf poolisii kana fayyadamaa ture.

Ajajaan duraanii poolisii Moqadiishoo Saadiq Hasan (Saadiq Joon) Ebla keessa marii paarlaamaan dhimma filannoorratti mari'atuf waamame dhorkuun mootummaa faallaa dhaabbatan.

Eegasii aangoo irraa kaafamanii aangoon waraanaa qabanis irraa mulqame.

Ajajaan duraanii poolisii kuni guyyoota muraasa booda milishoota gosa isaanii keessaan eegamaa magaalattii keessa bakka Daayinaal jedhamu kaampii ijaaran.

Mootummaan humnoota nageenyaa naanncihatti waan ramadeef muddamni dhalate magaalaa gudditti waliin gaheera. Boodarra garuu tasgabbaa'e.

Hojjattuu nageenyaa baddee Ikiiraan Taaliil
Ibsa waa'ee suuraa, Hojjattuu nageenyaa baddee Ikiiraan Taaliil

Filannoon waan furmaata argate fakkaate

Bitootessa keessa Pirezidant Mohaamad Abdullaahi Farmaajoo aangoo isaanii waggoota lamaaf dheeressuuf yaalii taasisan dhaabuu isaanii ifa godhan.

Dubbii ummata biyyattiif taasisaniin filannoon pirezidaantii akka taasifamu waamicha taasisanii carraaqqii ministirri muummee taasisan jajaniiru.

Guyyoota itti aananiis hogganoonni siyaasaa Somaaliyaa akkaataa filannoon itti taasifamuurratti waliigalan.

Ministirri Muummee Mohaammad Huseen Rooble fi pirezidantoonni naannolee adeemsa filannoo guyyoota 60 keessa eegaluuf waliigaltee mallatteessan.

Filannichi yeroo garaa garaatti waan taasifamuuf Adoolessa darbe filannichi bakkeewwan tokko tokkotti eegale.

Adeemsi hoggantoonni gosaa miseensota paarlaamaa filataniifi walxaxaa ta'e Sadaasa eegalee adeemsifamaa kan jiru yoo ta'u guyyoota muraasa dura xumuramuu qaba ture. Garuu hanga yoonaa hin xumuramne.

Hojjattuun tikaa dhabamuu

Magaalaa guddoo biyyattii Moqaadishoo keessatti Fulbaana keessa hojjattuun tikaa, Ikraan Taahiliil jedhamtu baduusheetiin wal qabate, pirezidaantiichaa fi ministira mummee jidduu wal dhibdeen cime.

Waajjirri tikaa Ikraan alshabaabiin ukkaafamte ajjeefamuu yoo ibsu, garichi garuu dhimmicha haaleera.

Ministirri Mummee Mahaammad Huseen Rooblee, ittigaafatamaan tikaa haala dhimma achii buutee dhabamuu qondaala tikaa ilaale na hin gammachiisne jechuun hojiirraa dhorkan.

Pirezidaanti Mohaammad Abdulahii Mahaammad ammoo ittigaafatamaan tikaa gara hojiitti akka deebi'an ajajan.

Hojjattuu tikaa baddeen alattis dhimmi ittigaafatamaa waajjira nageenyaas qondaaltoota siyaasaa kanneen gidduu garaa garummaa bal'ise.

Waldhabdeen hoggantoota lamaan jidduutti uumame humnootii nageenyaa lamatti qoode.

Anga'oonni lamaan Onkolooleessa irratti waldhabdee filannoo biyyattii ni gufachiisa jedhame dhaabuuf waliigalan.

Dhimmi hojjattuu waajjira tikaa baddee mana murteef akka dhiifamu waliigalan.

Waldhabdee haaraa

Pirezidaantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdulahii Mohaammad Faramaajoo ministira muummee biyyattii Mohaammad Huseen Roblee aangoorraa dhorku beeksiisan.

Ministirri Mummichaa aangorraa dhorkamuuf sababin kenname ammoo aangoo seeraan ala fayyadamu fi lafa motummaa saamuu kan jedhuudha.

Akkasumas pirezidaantiichi MM lafa qabeenyaa raayyaa Ittisa biyyaaleessaa Somaaliyaa ta'e fudhachuufi ministeerri Ittasaa biyyattii qorannoo gaggeessuu keessa galaniiru jechuun himatan.

Pirezidaanti Farmaajoon ministira mummeetiin alattis ajajaa humna galaanaa biyyattii kan ta'an Jeenaraal Abdiiyaamiid Mohaammad Diiriiris aangoorraa kaasaniiru.

Kanas ta'ee Ministirri mummichaa himannaa irratti dhiyaate kuffisuun pirezidaantichi fonqolcha motummaa taasisuuf yaalan jechuu kan himatan yoo ta'u, aangoosaanitiin akka itti fufan dubbatan.

Isa bira darbuunis humnoonni nageenyaa biyyattii ajaja fudhachuu kan qaban pirezidantii Farmaajoo irraa osoo hintaane isaan irraa akka ta'e akeekkachiisan.

Waldhabdeen dhiheenyaa kunis biyyattiitti tasgabbii dhabiinsi ni uuma jedhamee yaaddoo uumeera.

Imbaasiin Ameerikaa Somaaliyaatti argamus hoggantoonni, ''akka gochaa waldhabdee uumuurra of qusatanii fi tarkaanfii humnaa akka dhaabaniif'' hubachiiseera.

Biyyattiin namoota siyaasaa kallattii adda addaatiin hiriiraniifi gosaawwan jidduutti qormaata keessatti kan argamtu yoo ta'u, garee al-shabaabi kan al-qaa'idaa waliin walitti dhufeenya qabu waliin wal waraanaas jirti.