Al-Shabaab qondaaltota mootummaa Somaaliyaa haleeluuf karoorsuu haale

Madda suuraa, AP
Gareen al-Shabaab, kan al-Qaa'idaan hidhata qabu, Pireezdantii fi Ministira Muummee Somaaliyaa haleeluuf karoorseera jechuun akeekkachiisi qaama tikaa fi nageenyaa mootummaarraa ba'ee ture soba jechuun haale.
Marsariitiin qabiyyeewwan yaadota al-Shabaab deeggaran gabaasuun beekamu kan Somaaliyaa keessatti argamu tokko miseensa gameessa ajajoota al-Shabaab wabeeffachuun akka gabaasetti, gabaasi Ejansii Tajaajila Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa Somaaliyaa ''dubbii nama kofalchiisuu fi qoosaa kan fakkaatuudha'' jechuun garecha ejjennoosaa ibseera.
Akeekkachiifni haleellaa shororkeessummaa dureewwan biyyaarratti xiyyeefate kun kan dhagaahame filannoo akkaa ol dheerate ilaalchisee rakkoon siyaasaa pireezidantii fi Ministira Muummee gidduutti dhalate hammaachaa wayita jirutti.
Ajajaan al-Shabaab kun garuu jaarmiyaan nageenyaa fi tika biyyaalessaa Somaaliyaa kun waa'ee iccitii oppireeshinii al-Shabaab ifa baasuuf ''dandeettii hin qabu'' jechuun ibse.
Hidhattoonni al-Shabaab akka jedhanitti, ibsi tajaajila tikaa irraa dhagahame kun, waldhibdee siyaasaa biyyattii keessatti dhalatee jiru irraa ka'uun, qondaaltota siyaasaa biyyattii ''sodaachisuuf kan dhimma itti ba'ameedha.''
Ajajaan garee kanaa ''Qondaaltonni fi miseensonni mootummaa Somaaliyaa xiyyeeffannaa keenya ta'anillee, daddaaqama siyaasaa fi jeequmsa isaanii keessa akk nu buusan ammoo hin feenu,'' jedheera.
Tajaajilli Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa Somaaliyaa hoogganaa gameessi al-Shabaab maqaansaa Mohammad Mahir jedhamu haleellaa karoorafame dursaa turuu himee ture.
Gareen kun garuu nama kana of keessaayyuu akka hin qabne hime.
Haalli nageenyaa Somaaliyaa sababa yeroon filannoo daddarbaa dhufeef jecha sadarkaa yaaddessaarra ga'ee jira.
Gareen al-Shabaab dhiyeenya kana qaama buufata xiyyaaraa kan waajiraaleen UN, eembasiiwwaniifi hawaasni dippiloomaatiikii keessa qubataniifi eegumsi jabaan godhamuuf magaalaa guddittii Moqadishoo keessatti haleeleera.
Haleellaawwan boombii of wareegaa lamaan gidduugala magaalaa Beledewwyiin keessatti dhiyeenya raawwateenis dubartii miseensa paarlaamaa taate tokko dabalatee namootni 48 ajjeefamaniiru.
Haalli nageenyaa Somaaliyaa sababa yeroon filannoo daddarbaa dhufeef jecha sadarkaa yaaddessaarra ga'ee jira.














