Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Godina Booranaa Moyyaaletti humnoota mootummaa fi hidhattoota gidduutti 'lolli raawwate'
Godina Booranaa dhiyeenya Magaalaa Moyyaaletti humnoota mootummaa fi hidhattoota WBO gidduutti lolli gaggeeffamuun himame.
Daangaa Keeniyaarra kan argamtu magaalaan biyaashaaraa Moyyaleetti humnoonni mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo - kan mootummaan Shanee jedhu gidduutti lolli taasifamuu anga'aan mootummaa tokko BBCtti himan.
Qondaalli kun lolli kun Sambata galgalaa haga Dilbata ganamaatti itti fufee gaggeeffamaa akka ture himan.
Anga'aan naannichaa maqaa isaanii hin himne kun, miidhaan lubbuufi qabeenyaa hangami akka qaqqabe hin himne.
Dubbi-himaan WBO Odaa Tarbii fuula Twiitara isaa gubbaatti akka barreesseetti: ''Humnoonni mootummaa Zoonii Kibbaatti... miidhaa cimaatu irraan gahe,'' jechuun loltoonni hedduun du'uusaanii himan.
Gama kaaniin ammoo Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa guyyootaan dura gama Feesbuukiin akka ibsetti, ''garee shororkeessaa Shaneerratti tarkaanfiin laalessaa fudhatamaa jira,'' jedhe.
Ajaja Kibbaarraa kan tahan Kolonel Girmaa Ayyala, ''Rasaasa dabalatee meeshaalee waraanaa gosa garagaraa gareen shororkeessaa kun itti dhumma bahaa ture; akkasumas qorsi hoogantoota garichaaf geeffamaa ture to'annoo jala ooleera,'' jedhan.
BBCn waan qaamoleen gama lamaaniin himan kan addatti hin mirkaneessine.
Humnoota mootummaa fi WBO gidduutti naannolee Oromiyaa garagaraa keessatti lolli gaggeeffamaa tureera.
Mootummaan qaama ABO-Shanee jedhee waamu kanarratti haleellaa cimaa geessisaan jira jedhus, hidhattoonnis gamasaaniin humnoota mootummaa akkaan haleeluun miidhaa lubbuufi qabeenyaa cimaa qaqqabsisuu himu.
Dhimma kana ilaalchisuun pireezidantiin MN Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dhiyeenya kana: ''guyyaa guyyaadhaan uummatni keenya aarsaa kaffalaa jira,'' jedhanii turan.
''Guyyaa guyyaadhaan caasaan nageenyaa akka baalaatti harca'aa jira. Qaamni nageenyaa madaa'ee, aarsaa kaffalee jiru lakkoofsa hin qabu,'' jedhan.
Lola qaamolee lamaanii gaggeessan kanaan lammiileen nagayaa naannoolee kanatti jiraatan ajjeefamuu, qabeenyi barbadaa'uufi qe'eerraa buqqa'uun ni himama.
Mootummaan haleellaa hawaasa nagaarratti qaqqabuuf garee kana himatus, hidhattoonni kunniin lammiilee nagaarratti akka hin xiyyeeffanne yeroo garagaraatti himaniiru.