Lammii Itoophiyaa magaalaa Naayiroobiitti karaa irraa butamee 'miila Bakar Waaree' ta'e

Sadaasa darbe viidiyoon bilbila harkaatiin waraabame wayita lammiin Itoophiyaa Saamsoon Takilamikaa'eel guyyaa saafaa yoo butamu agarsiisu marsaalee hawaasaa irratti hedduu qoodamee ture.

Keeniyaa magaalaa Naayiroobii walakkaatti namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen konkolaataa isaa keessaa erga buufamee booda konkolaataa biraa keessa akka seenu godhamee fudhatame.

Baatilee afur boodallee namni kun akka 'miila Bakar Waaree' achi buuteen isaa hin argamne.

Aanga'oonni Itoophiyaa fi maatiin Saamsoon qaamolee nageenyaa Keeniyaa irraa deebii hin arganne jedhu.

Miilan Mazgaboo, haati warraa Saamsoon Takilamikaa'el, maatiin ammallee sodaa fi rifaatuu keessa akka jiran, ijoolleen ishii guyyuu waa'ee abbaa isaanii gaafachaa jiraachuu dubbatti.

"Ijoolleen koo guyyuu dararamaa jiru. Viidiyoo wayita abbaan isaanii konkolaataa isaa keessaa harkifamee baafamee konkolaataa biraan fudhatamu agarsiisu arganiiru. Ergan guyyaa jalqabaa buufata poolisii Kilimaaniitti yaada koo kenne, poolisiin na dubbisee hin beeku. Namni tokko naaf hin bilbille."

Saamsoon Takilamikaa'eel dhalataa Tigraay yoo ta'u Naayiroobii keessa maatii isaa waliin waggoota 17f jiraateera. Hojii daldala boba'aa Finfinneefi Nayiroobii jidduutti hojjetuun jiraataa akka ture maatiin ni himu.

Keeniyaatti ambaasaaddarri Itoophiyaa Mallas Alam mootummaan Keeniyaa qorannoo gochaa akka jiru itti himuun ala odeeffannoo biraa akka hin qabne BBCtti himan.

"Deebiin amma dura qabnu, imbasiin keenya hanga poolisiin biyyattii qorannoo goolabuutti haa eegu kan jedhudha. Ammallee odeeffannoo dabalataa eeggataa jirra," jedhan ambaasaaddar Mallas.

Mootummaan Keeniyaa dhimmicharratti yaada akka kennu gaaffii BBC'n dhiyeesseef deebii hin kennine.

Gareeleen mirgoota namoomaaf falman Keeniyaa keessa jiran bara darbe yeroo kam caalaa namoonni humnaan dhabamsiifamuun dabaluu himu.

Gochawwan akkanaa keessatti ammoo poolisiin Keeniyaa qooda qabaachuu dubbatu. Dubbi himaan poolisii Keeniyaa Biruunoo Shiyoosoo garuu kana ni waakkatu.

Poolisiin Obbo Saamsoon eessa akka jiru hin beeku, dhimmicha qorachaa jira jedhan Aab Biruunoon.

"Nuti lubbuu lammilee Keeniyaa ykn nama daangaa keenya keessatti argame kamuu eeguuf bobbaane. Namaaf wayita poolisiin to'annoo jala nama oolchu arguun ni salphataaf.

"Yakkamtoonni dammaqinaan socho'an jiru, tooftaa gara garaas qabu, kanaaf poolisii miti, poolisii ta'uus hin qabu," jechuun dhabamuu namootaaf yakkamtootatti quba qaban.

Viidiyoo wayita Saamsoon qabamu agarsiisu irratti poolisiin tiraafikii tokko ni mul'ata. Aab Biruunoon akka jedhanitti poolisichi miseensa poolisii isaanii beekamu yoo ta'u, "hojii isaa guyyuuf bobba'ee akka ture, kan bakkichatti argame maaltu akka raawwataa jiru hubachuuf malee", butamuu Saamsoon gargaaruuf miti.

Dhiyeenya gartuun lammilee Itoophiyaa Nayiroobii keessa jiraatan, rogeeyyiin akkasumas maatiin Obbo Saamsoon hiriira bahuun waa'ee nama dhabame kanaa odeeffannoon akka kennamuuf gaafatanii turan. Bu'aan argame garuu hin jiru.