Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Morkataa gameessi Keeniyaa Raayilaa Odingaa yeroo filannoon jala ga'etti sirba baasan
Filannoon pireezidantummaa Keeniyaa keessatti gaggeeffamuuf jedhu wayita dhiyaachaa jirutti morkataa gameessi biyyattii Rayilaa Odingaa sirba qeenxee tokko gadhiisan.
Filannoon kun Hagayya dhufu kan gaggeeffamu yoo ta'u, gameessi siyaasaa pireezidantii biyyattii ta'uuf abdatan Raayilaa Odingaa karaa wallee kanaa duula na filadhaa gaggeessaa jiru.
Kaadhimamtoonni paartii filannoof dorgoman wallee akkanaan baasuun waan baratame miti.
Qondaaltota siyaasaaf yeroo baayyee artistoota bebbeekamootu wallee baasaaf.
Keeniyaa keessatti garuu haalli kun baratamaadha - biyyattiin namoota qoosaa fi bashannansiisuun beekaman akkasumas weellistoota akka Chaarlas Njaguwaa (Jaguar) faa miseensa paarlaamaa keessaa qabdi.
Walleen Aab Odingaa kan mata dureensaa Leo ni Leo - Swaahilii hiikaan ''Har'i har'uma'' jedhu, wallee artistii beekamaa biyyattii irraa kan fooyyeffamee hojjetamedha.
Weellisaan kun Keeniyaa gara lixaa, iddoo deeggartoonni dursaa paartii mormituu Raayilaa Odingaa itti heddummaatan irraati.
Raayilaa Odingaa yeroo shanaffaaf filannoorratti hirmaataa jiru, namoonni hedduun kun carraasaanii isa dhumaati jechaa jiru.
Walleen haaraan nama hawwatu, kan viidiyoodhaan deeggaramee hojjetame kun ergaa dabarsu keessaa inni ijoon,''kan taa'aa bor eeggadhaa jedhee nu gorsu, inni sobaadha,'' kan jedhuudha.
Keeniyaan filannoo ji'oonni ja'a hafaniif ammumarraa duula filannoo gaggeessuutti jirti.
Filannochi akka dorgommii farda lama gidduutti gaggeeffamuutti ilaalamaa jira- Aab Odingaa fi Pireezdantii Itti Aanaa biyyattii Wiiliyaam Ruutoo.
Marsaa lamaaf aangoorra jiran Pireezdantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa gameessa siyaasaa yeroo tokko morkataa isaanii jabaa ture Rayilaa Odingaaf deeggarsa qaban mul'isaa jiru.
Filannoon Keeniyaa kun sadarkaama duula na filadhaattiyyuu biyyattii lamatti qoodee jira. Namoonni siyaasaa hedduun wanti qondaaltota irraa dhagahamaa jiru tibba filannoon gaggeeffamu kan biyyattii balaaf saaxiluu maluudha jechuun sodaa qaban ibsaa jiru.