Pirezidaantiin duraanii keeniyaa Daani'eel Mooyi maaliin yaadatamu?

Daani'eel Araap Mooyi erga Keeniyaan bara 1963 walabummaashee gonfattee pirezidaantii biyyattii lammaffaa turan, waggaa 24f biyyattii bulchaniiru.

Yeroo turtii aangoo isaanii keessatti gochoota akka malammaltummaa, dhiittaa mirga namaa fi nama dararuudhaan kan komatamaa turan Daani'eel Araap Mooyi lammiilee Keeniyaa hedduudhaan garuu jaallatamaa turan.

Fedhii aangoo isaan qaban irraa kan ka'e namoonni abbaa irree ittiin jedhu, kaanimmoo Keenyaa biyya ollaa waranaan marfamtee jirtu keessatti nageenya mirkaneessaniiru jechuun jaju.

Onkoloolessa bara 2019 dhibeen hargansuu itti hammaatee hospitaala kan seenan Daani'eel Araap Mooyi halkan edaa (Guraandhala 4,2020) du'aan addunyaa kanarraa boqotan.

Daanieel Araap Mooyi eenyu?

Daani'ee Araap Mooyi bara 1978 wayita Pirezidaantiin Keenyaa isaan jalqabaa Joomoo Keeniyaataan du'aan addunyaa kanarraa boqotan gara aangootti dhufan.

Wayita aangoon harka galte mo'icha isaanii isa jalqabaa labsatan, taayitaa harka Keeniyaataa ture dhuunfachuun aboo argatan.

Haxxummaan cimaan isaan qabaachaa turan akka isaan waggaa 24 aangoorra turaniif sababa ta'eera.

Akkuma aangootti dhufaniin namoonni akka isaan hordofaniif mata duree ''Nyayo'' jedhuun dhaadannoo eegalan. Nyayo jechuun afaana Iswaahiliin faana akka jechuuti.

Mooyi wantoota hedduu Keenyaa keessatti jijjiiruudhaan beekamu turan.

Bara 1982 erga yaaliin aangoorraa isaan fonqolchuu irratti gaggeeffamee garuu Mooyi gara abbaa irrummaatti jijjiiraman.

Walabummaa namaa sarbuu eegalan. Ergasii namoonni hedduun badii tokko malee hidhaaf saaxilamuu eegalan.

Jechi jijjiirama tarkaanfiachiisuuf mogga'e ''Nyayo'' jecha nama rifaasisuu fi dararaa nama yaadachiisu ta'uu eegale.

Bara 1990 Pirezidaanti Mooyi moggaatti baafamanii qoollifatamanii turan, dhiibbaan hawaasa idil addunyaas gaafa itti heddummaatu dirree siyaasaa bal'isuu fi yeroo turtii aangoo prezidaantummaa murteessuuf dirqaman.

Garuu mootummaan isaanii mormii fi gaaffii uummataa rasaasaa deebisaa, qondaaltota siyaasaa paartilee morkattootaa ajjeesaa ture.

Utuma yakka akkanaan komatamanii filannoowwan bara 1992 fi bara 1997 walitti aansuun mo'atan.

Malaammaltummaan bara bulchiinsa isaanii akkaan mudate garuu daranuu duudhaa fi maqaan isaanii akka badu taasiseera.

Malaammaltummaan maallaqaa fi kuusaa warqee dheedhii bara bulchiinsa isaanii ture addunyaarratti isa ajaa'ibsiisaadha jedhameera.

Yakka kana keessatti maqaansaanii adda durummaan ka'a, isaan garuu haalaa yoona ga'an.

Mooyi utuu lubbuun jiranii yakka malaammaltummaa hawaasni idil addunyaa ittiin komatuuf deebii kennanii turan.

''Yeroo hamtuu sana keessatti Baankiin Addunyaa, fi Fandiin Maallaqaa Addunyaa nu gargaaraa waan hin turreef hedduu rakkataa ture. Kanaafuu akka nu keessa seenan iyyamuun dide. Kana haaloo ba'uuf jedhanii maqaa nu balleessaa turan'' jechuun komatan.

Aanga'oota mootummaa isaaniillee dabalatee yakka malaammaltummaa fi qisaasama shiliingiiwwan miiliyoonaan lakkaa'amuuf isaan komataa turan, ragaas itti ba'aa turan.

Kanarrattis wayita deebii kennan,'' Eenyuyyuu kana gochuu hin danda'u, nama doofaa qofatu maallaqi shiliingii biiliyoona haganaatti tilmaamamu akka qisaasamu ajaja. An kana keessaa hin qabu'' jechuun haalan.

Yeroon turtii aangoo isaanii wayita goolabamu Mooyi itti aanee namni aangoo qabachuu qabu Uhuuuruu Keenyaataa ta'uu akka qabu kaadhiman.

Yeroo sana ilmi Joomoo Keenyaataa Uhuruun dargaggeessa qoosaa jaallatu turan, filannoorrattis morkataa isaanii Mowaayi Kibaakiidhaan hedduu caalamanii injifataman.

Mooyi wayita aangoo Aab Kibaakiitti dabarsan miirri jeequmsaa fi iyyi naamuusa hin qabne kan jibbasaanii agarsiisu uummatarraa isaan mudateera.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti hanga yeroo lubbuunsaanii baatuutti harka lafa jalaatiin siyaasa Keenyaa gaggeessaa turan.

Aanga'oonni mootummaa fi miseensonni paarlaamaa gameeyyiin erga Mooyi aangoorraa bu'aniillee gorsaaf bira deemaa turan.

Mooyi Pirezidaanti Uhuruu Keenyaataan bara 2012 pirezidaantii ta'ee arguun barbaada jechaa turan.

Erga isaan du'anii dinqisiifattoonnii fi jaallattoonni isaanii maqaa 'Daniel Toroitich Arap Moi' jaalalaan yaadatu, kanneen bara bulchiinsa isaanii hacuucamaa turan maqaa fi duudhaa isaaniillee lafaa hin kaasan.