Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wixineen seeraa S.3199 Itoophiyaarratti dhiyaate koree seeneetii Ameerikaan deeggarame
Wixineen seeraa S.3199 Itoophiyaatti nagaa fi dimokraasii jajjabeessuuf jedhamuun dhiyaate, Wiixata kaleessaa Koree Walitti Dhufeenya Alaa Seeneetii (SFRC) Ameerikaatiin fudhatama argachuun gara sadarkaa itti aanuutti dabarfame.
Wixineen seeraa 'S.3199 - Ethiopia Peace and Democracy Promotion Act' jedhamun dhiyaate kun, namoota dhuunfaa Itoophiyaafi Ertiraa irraa waraana keessatti hirmaatan irratti dhorkaa cimaa kaa'uuf kan qophaa'e ta'uu ibsi Walitti Dhufeenya Alaa Ameerikaa baasee ni mul'isa.
Ibsichi akka jedhetti, ''waraanni Itoophiyaa keessaa erga seera kana hojiirra oolchuuf dhiyeessinee kaasee jijjiirameera, garuu ammoo dhimmi guddaa akkuma jirutti jira. Seerri kunis qaamoolee waraanicha keessatti badiiwwanii fi rakkoolee namoomaa hedduu raawwatan hunda itti gaafatamoo taasisuuf ni gargaara,'' jedhe.
Itti dabalunis seerichi kan gahee odeeffanoo sobaa fi gahee qaamoolee alaa waraana Itoophiyaa keessatti bahuun akka waraanichi hin dhaabbanneefi miidhaan isaa itti fufuuf gumaachan irratti kan xiyyeeffatuudha jedheera ibsichi.
Wixineen seeraa seenaatara Niiw Jeersii kan ta'an Roobart Menendeziin baruma kana Onkolooleessa keessa seeneetiif dhiyaate kunis amma Koree Walitti Dhufeenya Alaa Seeneetii biyyatiitti dhiyaachuu akka fudhatama argateen booda gara adeema itti aanuutti dabarfame.
Ibsa Koreen kun baaseenis ''dhukaasa dhaabuun namoomaa mootummaa Itoophiyaatiin dhiheenya labsamee ture mallattoo gaarii ture. Haata'u malee karaan deeggarsi namoomaa galuun fooyya'insa hin agarsiifne.
Akkasumas qaamooleen waraana keessatti hirmaataa jiran dhukaasa dhaabuu hin mallatteessine ykn mari'achuf waliigaltee hin taasifne.''
Kanaafuu daandiin nageenya biyyaalessaa Itoophiyaa dheeraadha kan jedhe ibsichi, seerri kunis Kongirasiin dhimma itti gaafatamummaa fi waraana dhaabu irratti ammallee cimsee hordofaa jiraachuu ergaa kan dabarsudha jedhe.
Wixineen seeraa kun ittaansee yoo seeneetii biyyattii guutuun mirkanaa'ee akkasumas mana maree bakka bu'ootaata ummataatinis raggaasifamee Pirezidaantii biyyattiin mallattaa'uun seera ta'ee hojiirra oolfama.
Kanaan dura wiixineen seeraa HR6600 jedhamuufi Itoophiyaafi Ertiraa ilaallatu mana maree Ameerikaatiin dhiyaatee kan ture ta'uun ni yaadatama.
Wixineen seeraa kunis namoota dhuunfaa Itoophiyaa, Ertiraafi waraanicha keessatti badii raawwataniif itti gaafatamoodha jedhaman irra kan dhorkaa kaa'uudha.
Wixineewwan seeraa motummaan Itoophiyaa cimsee mormu kunneenis pirezidaantii biyyattii Joo Baayidaniin kan raaggaassifaman yoo ta'e, Ameerikaan dhimmoota nageenyaa, faayinaansii (invastimantii) fi immigireeshinii Itoophiyaa irra dhorkaa keessi.
Wiixineen seeraa HR6600 jedhamu kunis baatiin dura mana maree bakka bu'oota ummata Ameerikaaf dhiyaachuun gara mana maree dhimmoota tajaajiloota alaa, haqaa, faayinaansii fi tajaajilawwan humna waraanaatti ergamuunsaa ni yaadatama.
Seenaatar Boob Menendeez, gama isaanitiin ''Har'a wixinee seeraa kana raggaasisuun ajjeechaawwan seeraan alaa, miidhaawwan qunnamtii saalaa jumlaa, humnaan namoota bakka jireenyaatii buqqisuu fi danqaawwan deeggarsa namoomaa namoota nagaa ija uummataatti fiduu qofaa osoo hin taane, badiiwwan kunneen akka dhaabbataniif tarkaanfii olaanaa fudhanne,'' jechuusaanii ibsi kun himeera.
Dura taa'aan Koree Walitti dhufeenya Alaa Seeneetii Kiriis Kuuns gama isaanitiin, kana dura erga bakka pirezidaanti Baayidan bu'uun gara Itoophiyaatti imaluun MM Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin mari'ataniin booda, seera dippilomaasii US fi deeggarsa namoomaa kaaba Itoophiyaatiif taasifamu ni fooyyessa jedhan kana ifa taasisuu himu ibsichi kaaseera.
''Yaalii dhukaasa dhaabuufi daandii deeggarsi namoomaa ittiin qaqqabu fooyyeessuu ilaalchisee dhiheenya keessa haalli nama jajjabeessu jiraatulleen, Itoophiyaa keessatti nagaa waaraa fi walitti fufiinsa qabu buusuuf garuu, qaamoolee wal waraanaa jiran irraa jecha afaanii qofaa osoo hin taanee tarkaanfii qabatamaatu barbaadama,'' jedhan.
Seerri Nageenyaafi Tasgabbii Itoophiyaa 2022 kunis yaaliiwwan gama kanaan taasifamaniif gahee barbaachisaa bahas jedhan Seenaatar Kuuns.
Wixinee seeraa S3199 fi HR6600 jedhaman erga seenataroota Ameerikaatiin ifa taasifamanii kaasee motummaan Itoophiyaafi lammiilee Itoophiyaa Ameerikaatti argaman mormiisaanii kan dhageessisan yoo ta'u, lammiilee Itoophiyaa seerichi hojiirra akka oolfamuuf dhiibbaa taasisaa turanis jiru.
Haata'u malee erga wixineen seeraa S3199 Itoophiyaatti nagaa fi dimokraasii jajjabeessuuf jedhame kun guyyaa Kibxataa Koree Walitti Dhufeenya Alaa Seeneetii (SFRC) Ameerikaatiin fudhatama argateen booda gama mootummaa Itoophiyaatiin kan jedhame hin jiru.