Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
HR 6600 wixinee seeraa 'waraana dhaabumoo kan Itoophiyaanota miidhu'?
Miseensonni Kongiresii Ameerikaa bulchiinsi Joo Baayidan Itoophiyaa, Ertiraafi namoota waraan Itoophiyaa keessatti dhalate waliin walqabsiisee miidhaawwan qaqqabaniif itti gaafatamoo ta'an irra wixinee seeraa qoqqobbii keessisuu dandeessisu dhiyeessaniiru.
Wixineen seeraa kun yoo hojiirra oole wrreen waraanicha keessatti hirmaatan dirqamaniis ta'u gara mariitti akka dhufan taasisa jedhamee yaadamus, lammileen Itoophiyaa irrattis garuu dhiibbaa uumu qaba jedhanii kan yaadan jiru.
Hunda dura qabiyyeen wixinee seeraa kun maal?
Wixineen seeraa mootummoonni Itoophiyaafi Ertiraa cimsanii morman kun Pirezidantiin kan ragga'u taanaan Ameerikaan dhimmoota nageenyaa, faayinaansii/invastimantiifi immigireeshinii ilaallatan irratti biiyyota lamaanirra qoqqobbii haaraa keessi jechuudha.
Wixineen seeraa mata-duree 'Seera Tasgabbii, nagaafi dimokiraasii Itoophiyaa' jedhuun dhiyaate kun, deegarsa Ameeriann nageenyaafi tasgabbii Itoophiyaafi Ertiraaf taasiftu irratti dhorkaa kan kaa'udha.
Wixineen seeraa kun seera ta'ee kan ba'u taanaan Ameerikaan mirga dhaga'amuufi sagalee kennuu qabdu fayyadamuun Itoophiyaafi Ertiraan liqaawwan ykn carraa yeroo liqaa dheereffachuu, akkasumas deeggarsawwan teekinikaa akka hin arganneef akka hojjettuuf ni gaafata.
Kana qofaa miti, Itoophiyaatti tasgabbiiniifi sirni dimokiraasii akka hin jiraanne namoota sababa ta'aniiru jedhaman irrattis qoqqobbiiwwan qabeenya ugguruufi viizaa dhowwachuun ni kaa'ama.
'Wixinee seeraa Itoophiyaanota miidhudha'
Jiraataa Ameerikaa Kaabaa kan ta'e Birhaanuu Taaffasee (PhD) wixineen kun biyyaaf balaa guddaa waan ta'eef seera ta'ee bahu hin qabu jedha.
Birhaanuu Taaffasee (PhD) miseensa Get Fact kan HR 6600 sadarkaa biyyaatti miidhaan inni qaqqabsiisu kaasuun odeeffannoo dhiyeessuuti.
Get Fact waraanni Tigraay akka dhalatuuf sababiin TPLF jedhee amana.
Birhaanuu Taaffasee (PhD) mata-dureen wixinee seeraa kun 'Nagaa buusuufi dimokiraasii ijaaruu' jedhullee qabiyyeen isaa waliigalaa garuu kanaan addadha jedha.
"Walumaagalatti wixinee seeraa Itoophiyaanota miidhu waan ta'eef raggaasifamuu hin qabu," jedha.
'Wixineen kun innumaattuu ni ture'
Ma'aazaa Giday gama isheetiin wixineen seeraa kun 'innumaattuu ni ture' jechuun wixineen kun seera ta'ee akka bahu qabu ximistee gaafatti.
Qorattuufi falmituu mirga namaa kan taate Ma'aazaa Giday, Ominaa Tigraay waliin hojjetti. Ominaa Tigraay dhaabbata waraana kana hodofuun hundeeffamedha.
Waraana kanaan ummata Tigraay irratti 'yakki sanyii duguuguu' raawwatmeera jedhee kan amanu Ominaan, adivookesiifi guddina dinagdee dhalattoota Tigraay irratti hojjeta.
"Wixineen seeraa kun innumaattii ni ture. Kun waraana dhaabsisuudhaaf, saramiinsa mirgoota namoomaa mootummaan Federaalaafi michoonni isaa raawwatan akka dhaabsisaniif seerri kun ni dirqisiisa," jetti Ma'aazaan.
Miidhaa biyyarraan gahu?
Dr Biraanuu Taaffassee wixineen seerri kun kaayyoo waraanaa dhaabisiisa jedhamu fiixaan baasuu hin danda'u jedha.
''Qabeenya dinagdee Itoophiyaa irratti qoqqobbaa kaa'uun nagaa buusa jedhanii yaaduun waan hin taaneedha. Rakkoonsaa waan biraati, kan furmaata ta'a jedhanii dhiyeessan kan gara biraati,'' jedha.
Fakkeenyaaf jedha Dr Biraanuun, ''Itoophiyaan hidhata gama nageenyaatiin Ameerikaa waliin qabdu irratti wixineen seeraa kun dhorkaa kaa'aa.
Itoophiyaan biyya Gaanfa Afriikaa eddoo yaaddoowwan nageenyaa hedduun jirutti gahee nagaa kabachiisuu fudhataa kan turteedha. Deeggarsi kun adda cite jechuun ammoo, qaxanichi nagaa akka dhabu taasisa,'' jedha.
Itoophiyaan ijaarsawwan bu'uraalee misoomaa gaggeessuuf deeggarsa faayinaansii biya alaa akka fudhattu kan dubbatu Dr Biraanuun, ''dameewwan barnootaa, fayyaa, garam ijaarsa daandiitiin ijaarsa buu'uraalee misoomaa itti fufsiisuuf liiqaan ni barbaachisa,'' jedha.
Wixiineen seeraa kun Itoophiyaan ijaarsa bu'uraale misoomaa ishee akka itti hin fufsiifneef danqaa kan itti uumuu yoo ta'e, kan miidhamu ammoo mootummaa osoo hintaanee lammilee nagaati.
Yeroo ammaa kanaatti Itoophiyaan jijjirama imaammata diinagdee taasisuun, dameewwan adda addaa irratti kampaaniiwwan biyya alaa gurguddoon gabaatti akka makamaniif hayyamaa jiraachuu yaadachuun, wiixineen seeraa kun dangaan inni invasitimantii irra kaa'uu biyyattii irraan miidhaa yeroo dheeraa ni qaqabsiisa jedha Dr Biraanuun.
''Nuti kan Ameerikaa jiraannu 'mootummaaf deeggarsa taasiiftu' jechuun, seera deegarsa akka Itoophiyaaf hin taasifne kan dhorkudha. Imigireshinii gama ilaallaatuun, labsiin wixinee seeraa kun, mirga Itoophiyaanoota biyyaa ari'achu irratti dhiibbaa qaba,'' jedha.
Ma'aazaan gama isheetiin, wixiineen seeraa kun kan biyyarraan miidhaa qaqabsiisuu osoo hintaanee, ''irra caalaa kan ilaallattuu mootummaa abaa irreefi kan sarbama mirgoota namoomaa raawwataniidha,'' jetti.
''Kan biyyaaf yaaduufi quuqamu, lammiilee irratti dararaan akka raawwatamuun hin heeyyamu. Itoophiyaarratti dhiibbaa hamaa geessisaa kan jiruu imaammata mootummaa Itoophiyaatii malee seera biyya alaa akka waraanni dhaabbatuuf dirqisiisuu miti,'' jechuu mormiiti Ma'aazaan.
"Bal'ina seerichaa yoo ilaallees xiyyeeffannaan isaa irra caalaan, kan qaamoolee sarbama mootummaafi waraanaan wal qabatee raawatamaniiru jedhaman irratti xiyyeefatudha. Kanaaf, wixiineen seeraa kun miidhaa biyyaarra irraan gahuu caalaa namoota dhuunfaa, mootummaa Itoophiyaafi Ertiraatti itti gaafatamoo kan taasisudha,'' jetti.
"Deeggarsi Itoophiyaan argataa jirtu waraana Tigraayitu ittiin gaggeeffamaa jira,'' kan jettu Ma'aazaan, waraanichi hanga hindhaabbanetti wixiineen seeraa kunis liqaafii deeggarsi Itoophiyaadhaaf akka hinkennamne dhorkamuun sirriidha jetti.
"Mootummaan nagaa barbaaduu filmaatawwan nagaa buusan fudhachuu qaba. Mootummaan shaampiyoonaa nagaati jedhu miliyoonoota beeleessaa jira.... namoota nagaa irraan miidhaa qaqabsiisaa jira. Kanaaf, seerichi kanneen sarbama mirga namoomaa raawwatan malee kan biyya miidhu miti.''
'Wixineen seeraa kun yaalii nagaa mootummaa Itoophiyaa kan gufachiisudha'
Mootummaan kanaan dura dhukaasa dhaabuu gam-tokkee taasisuun erg Tigraay keessaa baheen booda, humnootiin Tigraay naannoollee ollaa irratti haleellaa raawwchuun isaanii, dhiheenyas ammoo humnootiin TPLF karaa naannoo Affaariin weerara haaraa raawwachuun isaaniifi mootummaan federaalaas qondaaltoota olaanoo TPLF hidhaarraa gadhiisuun isaa yaadachuun, wixineen seeraa kunis gara seeraatti yoo geedarame yaalii nagaa mootummaan taasisaa jiruu kan gufachuusuu ta'a jedha Dr Biraanuun.
Maa'aazaan garuu kun akka dhimma mormiitti dhiyaachuu hinqabaanneedha jetti.
''Mootummaan Itoophiyaa qoqobbii ifa hintaanee hanga ammaatti Tigraay irra kaa'een, deeggarsi namoommaa akka hinqaqabnee taasiseera. Hakimoonni Tigraayiitti argaman qoricha dhabuun namoonni du'aa jiru. Ummata Tigraayiin itti yaadanii beeleessaa attamiin waa'een nagaa ykn walitti bu'insa karaa nagaatiin hiikuu dubbachuun danda'ama?'' jechuun gaaffii kaasti.
Kanaafuu osoo uggurrii deeggarsa namoomaa hin kaane, humnootiin alaa eddoowwan qabatan keessaa osoo hin bahiin waa'ee nageenyaa dubbachuun kan danda'amu natti hinfakkaatu jetti.
'Wixiineen kun seera ta'ee akka bahuuf kan nuuf danda'amee ni taasifna'
Wixiineen kun seera ta'ee mootummaa Ameerikaatiin raawwii akka argatuuf kan danda'amuuuf hunda akka taasisaan himti.
''Waraanicha hordofee namoota nagaa irratti sarbamni mirga namoomaa raawwatamuu, hidhaa eenyummaa buu'ureeffatan ofiin dubbatu. Haata'u malee, nutis dararamni akka dhagahamuuf kan danda'amee hunda ni taasifna. Dhalatoonni Tigraay biyya alaatti argaman hojii advokeesii hojjataa jiru. Nutis seera tumtoota Ameerikaa guutuutti argaman waliin dubbataa jirra,'' jetti.
Gama biraatiin ammoo wixineen seerraa kun seera ta'ee akka hin baaneef yaaliiwwan adda addaa taasisaa jiraachuu Dr Biraanuun ni dubbata.
Dr Biraanuun wiixineen seeraa kun sadarkaa amma irratti argamu kana haalli itti qaqqabee mataansaa kan adeemsa seera ragaasisuu mootummootaa biyya alaatiin adda jedha.
''Kanaan dura wixiineewwan seeraa akkasii wayita bahaniitti miseensoonni Itoophiyaa-Ameerikaa irraa yaada fudhachuuf waamichi ni dhiyaata ture. Seerrii bahuus 'siirriin Itoophiyaanoota ni gargaaraa? Ameerikaa ni fayyadaa? kan jedhu irratti namoonni yaada isaanii ibsuu qabu turan. Kun garuu haala bitaa namatti galuun gara mana mareetti ergame,'' jedha.
Wiixineen seeraa kun akka hin raggaasifamneef mallattoo walitti qabuun, dhimmicha miseensoota mana mareetti beeksiisuuf, xalayaa barressuun, namoonni miseensoota filatamaniif bilbila akka bilbilan taasisuun HR6600 hojiirra akka hin oolfamneef yaaliin taasifamaa jira jedha.