'Jaarsummaan gaafatamummaa seeraa ajjeechaa abbootii Gadaa hambisuu hin qabu' - Komishinii Mirga Namoomaa

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa abbootii Gadaa Karrayyuun walqabatee rakkoo jiru jaarsummaan furuuf adeemsi jiru 'gaafatamumma seeraa gufachiisuu hin qabu'' jedhe.

Tuuta miseensa Gadaa Michillee, Karrayyuu 14 ta'an irratti ajjeechaan qaamolee nageenyaa mootummaan erga raawwate amma ji'a sadii ol kan ta'e yeroo ta'u, ajjeechaa kanaan walqabatee shakkamtootni sagal to'annoo seeraa jala ooluu komishinichi hordoffii godheen mirkaneeffachuu ibseera.

Komishiniin Poolisii Oromiyaa kan jalqaba abbootiin Gadaa ABO-Shaneen ajjeefamuu gabaasee ture, ibsa gaaafa Amajjii 25, 2014 baaseen ammoo ajjeechaa kana qoratee gaafatamummaan akka jiraatu kan godhu ta'uu beeksiseera.

Komishinichi ALI Guraadhala 28-Bitootessa 3 qaamolee akka Poolisii, abbaa alangaa akkasumas jaarsolii biyyaa erga dubbiseen booda adeemsi jaarsummaan rakkoo kana furuuf godhamu adeemsa gaafatamummaa seeraa mirkaneessuu akka hin gufachiifne kan akeekkachiise.

Komishinichi ibsa kana kan baase jaarsoliin biyyaa Karayyuu dirqamaan (dhiibbaa mootummaan) adeemsa jaarsummaa kana fudhachuu isaanii miidiyaatti akka himan godhamaa jiru yaadni jedhu wayita dhagaahamaa jirutti.

Biiroon Kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa ibsa Roobii Bitootessa 24/03/2022 baaseen, jaarsoliin biyyaa Karrayyuu waliin ''ajjechaa abbootii Gadaa Karrayyuu ilaalchisee sirni gumaa baasuu akka raawwatamuuf waliigalteerra ga'ameera'' jedha.

Adeemsi jaarsummaa fi gumaa baasuu kun mataan isaa jaarsolii biyyaa Karrayyuun mormamee ''dhiibbaa fi doorsifni'' irra gahee adeemsifamaa akka jiru jirraattonni naannichaa BBC'n dubbisee akkasumas miseensi Paarlaamaa Dr Angaasaa Ibraahim fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti himaniiru.

Mootummaan naannochaa gaafatamummaa mirkaneessuuf tattaafiin gochaa jiru gaarii ta'us hanqinoonni xiyyeeffannoo barbaadan jiruu jedhe Komishinichi.

''Jiraattonni naannoo warreen ajjeechaa kana keessaa qooda qabu ykn gochicha kan adda durummaan raawwatanii jedhanii shakkan ammallee to'annoo jala kan hin oolle ykn ammoo qorannoon kan irratti hin eegalamne ta'uu himachuun nu amansiiseera.''

Itti dabalunis ''shakkamtoota kana keessaa aanga'oonni mootummaa sadarkaa adda addaarra jiran waan argamaniif adeemsa qorannoo irratti dhiibbaa gochaa ykn saffisaan akka hin xumuramne deeggaraa akka hin jirre maddeen amanamoorraa hubanneerra,'' jedha komishinichi.

Warreen to'annoo seeraa jala oolanis akka seerri jedhutti yeroo Mana Murtii dhiyaachuu qaban keessatti Mana Murtiitti hin dhiyaanne jedha.

Mootummaan naannichaa jaarsummaan mootummaa naannoofi hawaasa Karrayyuu gidduutti qindeessummaa Gumii Abbootii Gadaan godhamu adeemsa qorannoo yakkaa cinaatti akka godhamu ibsee ture.

''Mootummaan komii uummata keessatti uumame araaraan akka furamu yaalii gochuun isaa sirrii ta'us, adeemsi araaraa gaafatamummaa yakkaa mirkaneessuuf yaalii seeraa godhamu gufachiisuu hin qabu'' jedha komishinichi.

Adeemsi araaraa, olaantummaa seeraa fi gaafatamummaa yakkaa mirkaneessuu cinaatti godhamu ''maatii miidhamtootaafi hawaasa naannichaa irraa hirmaannaa fi fedha guutuu argachuu qaba'' jedheera.

Adeemsi araara buusuu gaafamummaa seeraa osoo hin hambisiin wal-tumsee kan deemu ta'uu isaa mirkaneessuuf ''hooggantootni mootummaafi qaamoleen dhimmichi isaan ilaallatu araara guutuu, nagaafi haqaaf murannoon hojjechuu qabuu jedhan Komishinariin Komishinichaa Dr Daani'eel Baqqalaa.

Hawaasni Karrayyuu Gumaa fudhachuuf waliigaleeraa?

Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa jaarsummaa kana gaggeessaa akka jiraniifi hawaasni Gadaa Michillee dullachaa ''wann saaman naa haadeebisan, gumaa kiyya naaf haa kaffalan'' jedheera jechuun BBCtti himaniiru.

''Mootummaa Karrayyuu hin ajjeefte, ajjeefteet reeffa ala bulchite, wanna inni qabu irraa boojitee, amma deebisiif jennee mootummaa gaafanne'' jedhan.

Bu'uura Kanaan ''mootummaan meeshaa waraana gurguddaa kan keessa jiru Kilaashii dabaatee meeshaa 16 fi rasaasa 500, goraadee 23, qarshii 100040 fi kaa deebise''

Guyyaa Kaleessaa gabaafame male kun erga raawwatee bubbuleera jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa.

Itti dabaluunis namoota sagal ajjeechaa kana keessaa qooda qabaachuun shakkamanii to'ataman dhaqanii ilaaluufi adeemsi seeraa kan itti fufu ta'uullee dubbatan.

Kan itti aanu Gumaa kaffaluudha jedhan Abbaan Gadaa kun.

Qaalluun Karrayyuu Awwee Qumbii gumaa fudhachuufi araara buusuu irratti jaarsoliifi hawaasa Karrayyuu gidduu garaagarummaan yaadaa dhalatee akka jiru BBC'f himanii ammallee hawaasni adeemsa Gumaa kan mormu ta'uu dubbatan.