Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa Jila Abbaa Gadaa Karrayyuurratti raawwateen namoonni lama to'ataman-Poolisii
Abbaa Gadaa Karrayyuu dabalatee ajjeechaa namoota 14 aanaa Bosatitti raawwateen walqabatee namoonni lama to'annoo seeraa jala oolfamuu Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaaa Komishiniin Poolisii Oromiyaa eeruun beeksise.
Komishiinii Poolisii Oromiyaatti Itti-aanaan Komishinaraa Girmaa Galaan ajjeechaan namoota 14 irratti A L I Sadaasa 22 bara 2014 raawwatame waliin walqabsiisee hanga ammaatti gadi fageenyaan kan qoratamaa jiru ta'uu ibsuun, qaama kamuu yoo ta'e namoonni ajjeechaa sana keessaaa harka qaban seeratti dhiyaachuun gaafatamuu akka qabu dubbatan.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qorannoosaa jalqabaa dhimma ajjeechaa Jila Abbaa Gadaa Karrayyuurratti Kamisa baaseen, Abbaa Gadaa Karrayyuu dabalatee namoonni 14 humnoota mootummaan ajjeefaman jedhe.
Qaamoleen bulchiinsaafi nageenyaa yaa'a Gadaa Karrayyuurratti ajjeechaa raawwatan yakkisaanii qixa sirrii ta'een qoratamee seeraan gaafatamuu qabus jedhe Komishinichi.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa amma dura ajjeechaa kana kan raawwate hidhattoota 'ABO-Shanee' ta'uu himee ture.
Haata'u malee, qondaalli olaanaafi miseensi paarlaamaa ajjeechaan kun qaamolee mootummaan raawwatuu saaxilanii ture.
Ajjeechaan kun kan raawwate naannoo uummanni Karrayyuu Sirna Gadaa itti gaggeeffatu bakka warri aangoo Gadaa harkaa qabu qubatanii jiranitti ta'uu jiraataan aanaa Fantaallee obboleessi isaa namoota ajjeefaman keessaa tokko ta'u dubbate BBC'tti himee ture.
Poolisiin ibsa Jimaata kenne kanaan, A L I Sadaasa 21/2014 naannichatti sochii 'ABO Shanee' jiru irratti oppireeshinii fudhatamaa ture keessatti miseensonni poolisii 11 ajjeeffamanii akka turan eeruun, ajjeechaan kun miseensota birratti miira kan uume ta'us tarkaanfiin fudhatamuu qabu kamuu seera kan eege ta'uu akka qabu ibsaniiru.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n gamasaatiin ibsa Muddee 3, 2021 baaseen, ajjeechaa namoota nagaa Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalee keessatti Oromoo Karrayyuu irratti raamwwatameen baay'ee rifachuu himeera.
''Ajjeechaan kun ta'e jedhamee itti qophaa'amee humnootii nagenyaafi hidhattoota mootummaa Paartii Badhaadhiinaatiin namoota nagaa callisiisuuf gara jabinaan kan raawwatamedha,'' jedhe ABOn ibsa isaa kanaan.
Akkaataa ajjeechaan kun itti raawwateera jedhe bal'inaan kan ibse ABOn, gochi kunis qaama walabaatiin qoratamee kanneen ajjeechaa kana raawwatan seeratti akka dhiyyeeffamaniif waamicha dhiyeessee ture.
Dhimma kanaa wajjiin walqabatee qorannoon gaggeefamaa kan jiru waan ta'eef hanga dhumaatti kan itti deemamu ta'us ibsaniiru Itti-aanaan Komishanara Poolisii Oromiyaa.
Qaamni yakkicha raawwate maaliif akka raawwateefi qaamoleen ajjeefaman ifatti eenyuun akka raawwatame adda baasuuf qorrannoon gadi fageenya qabu itti fufeera jedhan.
Ajjeechaa kanaan wal qabatee bu'aan qorannoo argame yaroo dhiyootti ibsuun yakkamtootni seeratti akka dhiyaatan kan hojjatamaa jiru ta'uun hubatamuu qaba jechuun Komishinarri itti-aanaa Girmaa himaniiru.