Barattoota hidhaman hiiksisuuf qondaaltotni Itoophiyaa Yukireenitti imalan

Barattoota lammiilee Itoophiyaa jaha mana hidhaa Yukireen keessatti argaman hiiksiisuuf garee dippilomaatootaa Imbaasii Itoophiyaa Jarman Barliiniitti argamu gara Yukireeniitti imaluun ibsame.

Imbaasii Itoophiyaa Barliiniitti argamuutti Itaanaa hogganaa Miisiyoonii kan ta'an Ambaasaadar Taafarii Taadasaa BBCtti akka himaniitti, barattoota kanneen gadhiisiisuuf gareen dippilomaatootaa imbaasicha irraa waliitti qabaman gara Yukireenitti Roobii kaleessaa imala eegaleera.

Barattoonni mana hidhaa Yukireenitti argamanis osoo waraanni hin ka'iin baatiiwwan saddeetiifi shan dura gara biyyoota Gamtaa Awurooppaatti imaluuf osoo yaalanii daangaa irratti qabamuun kan hidhaman ta'u Ambaasaadar Tafariin ni dubbatu.

''Barattoonni kunneen yakka raawwachuun kan hidhaman ta'anillee deeggarsa taasiisuuf jecha akka gadhiifamaniif liisee piiseen hojjatamee yaaliin taasifamaa jira,'' jedhan.

Garichis lammiilee kanneen hiiksisuuf gara Yukireenitti imala kan eegalan erga Ministera Dhimma Alaa Yukireeniifi Imbaasii Yukireen Finfinneetti argamu waliin dubbataniin booda ta'u Ambaasaadarichi himan.

Barattoonnis bulchiinsa mana hidhaa itti hidhamanii argaman waliin guyyaa Roobii bilbilaan dubbachuu kan ibsan Ambaasadar Tafariin, ''ragaalee barbaachisaa qabattanii dhufuu dandeessuu'' jechuun hayyama akka kennaniif dubbatu.

Kanaafuu gareen dippiloomaatotaa gara Yukireeniitti imales mana hidhaa barattoonni itti hidhaman bira deemuun akka hiiksiisuuf yaalus himan.

Kanaan alatti barattoonni Yukireeniitti barnoota irra turan bahusaaaniifi Poolaandiifi Jarman galuun carraa waggaa tokkoo Gamtaan Awuurrooppaa keeneef fayyadamaa jiraachuu himan.

''Kanneen hayyama jireenyaa hin argatiini jiru. Gara biyyaa deebii'uu hin barbaadan. Achuma turanii barnoota isaanii xumuruu barbaadu,'' jedhan.

Kanneen hojii tola ooltummaa hojjataniifi BBCn dubbise, barattoonni waraanicha baqachuun biyyattii baqatan deeggarsa kan argatan karaa tola ooltootaatiin ta'u ibsanii ture.

Kana ilaalchisuun kan gaafataman Ambaasaadar Tafariin kominiitii Itoophiyaa Poolaandii keessatti argaman waliin marii taasisuu isaaniifi barattoota kanneen deegaruufis koree hundeessuun hojjataa akka turan kaasan.

Imbaasiichi, ''Mirga lammiilee kabachiisuuf, hanga daangaa keessaa bahaniitti deeggaru malee gara biyyaatti akka deebii'aniif adeemsa imigireeshinii tokkoo tokkosaanii hin hordofu,'' kan jedhan Ambaasaadaichi, barattoonnis dhimmasaanii dhunfaan xumurataa jiru jedhan.

Barattoonni biyyoota Afriikaa adda addaa kumaatamni barnootaaf Yukireeniitti kan argaman yoo ta'u, baayyeen barattoota Moorookoo (8,000) Naayijeeriyaa (4,0000 fi Masrii 93,500) yoo ta'an, lammiilee Itoophiyaas hedduun Yukireen keessa jiraachu BBC mirkanneesseera.

Odeessaalee dabalataa