Ameerikaa fi biyyoonni Lixaa biroon Raashiyaa tumsa biyyoota garee G20 keessaa ari'uuf yaada qabaachuu Rooyitars maddeen isaa waabeffachuun gabaaseera.
Maddi oduu kun akka gabaasetti Poolaand garee kana keessatti Raashiyaa bakka bu'uuf fedhii qabaachuu aanga'oota USf beeksiftee, "deebii gaarii" argachuu akeekte.
G20 garee biyyoota addunyaa diinagdee gurguddaa qabanii dhimmoota diinagdee addunyaa miidhan akka jijjiirama qilleensaa fi misooma irratti qindoominaan hojjechuuf ijaaramedha.
Tarkaanfiin Raashiyaa garee kana keessaa baasuu qoqqobbii biyyoonni Lixaa amma dura irra kaa'anirratti dabalata.
Haata'u malee biyyoonni miseensa garee kanaa akka Chaayinaa, Indiyaa fi Sa'udii Arabiyaa tarkaanficha kufaa godhuu danda'u jedhu xiinxaltoonni.
Kun yoo ta'e ammoo biyyoonni Lixaa garee G7 addatti qaban walgahii garee G20 bara kanaa irraa hafuu malu. Kunimmoo walgahii bara kanaa qopeessaa kan jirtu Indooneezhiyaa hedduu yaaddessus dhimmicharratti yaada kennuu hin feene.
Dhimma kanarratti kan gaafataman gorsaan dhimma nageenyaa pireezidantii US Jeek Sulivaan, "Raashiyaaf dhaabbilee fi hawaasa idil-aadunyaa keessatti wanti hundi akka kana duraatti itti fufuu hin danda'u" jedhan.
Raashiyaan miseensa G7 taatee moggaasni garichaas gara G8 jijjiiramee kan ture yoo ta'u, bara 2014 Kiriimiyaa weeraruu ishii hordofee keessaa ari'amte.