Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Roman Abramovich: Ragaan haaraa waliigaltee malaammaltummaa abbaa qabeenyaa Cheelsii saaxile
- Barreessaa, Garee
- Gahee, BBC Panorama'tin
Qorannoon BBCn gaggeesseen abbaan qabeenyaa Cheelsii, Romaan Abraamovich attamiin karaa malaamaltumaatiin akka soorome irratti ragaa haaraa ifa taasise.
Abbaan qabeenyaa Cheelsii kun erga bara 1995 keessaa caalbaasii qindaa'een mootummaa Raashiyaa irraa kubbaaniyaa boba'aa biteen booda biiliyoonoota horate.
Aab Abraamovich osoo bara 2015 keessa doolaara biiliyoona 13n motummaa Raashiyaatti deebiisee hin gurguriin dura, doolaara miiliyoona 250 ta'u kanfale.
Abokaatoowwan isaas karaa yakkaatiin qabeenyaa horachusaatiif bu'uurri omtuu hin jiru jechuun mormu.
Dureessi Raashiyaa kun hidhata pirezidaantii Raashiyaa Vlaadimiir Putiin waliin qabuun torban darbe mootummaan UK uggura irra kaa'eera.
Qabeenyaan Aab Abraamovich kan uggurame yoo ta'u, kilabii Kubbaa Miilaa Cheelsiif daareektara akka hin taanees dhorkameera.
Abbaan qabeenyaa kun mana murtii UK irratti waliigalteen bittaa kubbaaniyaa boba'aa - Sibneft akka raawwatamuuf jecha kanfaltii malaammaltummaa raawwachuu amanee ture.
Innis bara 2012 keessa waahila daldalaa isaa duraanii kan ta'e Booris Beereezovsky'n Landan keessatti himatame ture.
Abraamovich himannicha injifatulleen garuu caalbaasiin kubbaaniyichaa jalqabaa attamiin isaa akka mijeeffameefi attamiin Mr Berezovsy'n qondaaltoota Raashiyaatiif akka kanfaluuf doolaara miliyoona 10 akka itti kenne ilaalchisuun mana murtichaa irratti ibsee ture.
BBC Panorama sanadii Raashiyaa keessaa dabarfamee akka bahe yaadamu tokko argate.
Odeeffannoon sagantichaaf madda icciitiin kan kenname yoo ta'u, maddichis galmeewwan Aab Abraamovich irraa ejansiiwwan seera raawwachisaa Raashiyaa irraa iccitiin garagalfamuu hima.
BBCn sana mirkaneeffachuu baatus, maddeen biraa Raashiyaa keessaa irraa argate odeeffannoo sanada fuula shanii irra jiran baayyeesaanii kan deeggaraniiidha.
Sanadichis motummaan Raashiyaa waliigaltee bittaa Sibneft keessaa doolaara biiliyoona 2.7 hateera. Kunis qorannoo paarlaamaa Raashiyaa bara 1997'n kan deeggarameedha. Akkasumas sanadichi aanga'oonni Raashiyaa Aab Abraamovich waliin dhahuun himachuu akka barbaadan hima.
Akkas jedha: ''Qorattoonni Damee Yakkoota Diinagdee yaada guduunfaa, Abraamovich osoo seeratti dhiyeeffamee himannaa garee yakkamtoota qindaa'anitiin waliin dhahuu irratti dhiyaachuu danda'a jedhu irra gahaniiru.''
Panorama abbaa alangaa olaanaa Raashiyaa duraanii kan bara 1990mota keessa waliigalticha qoratan bira gaheera.
Yurii Skuraatov waa'ee sanada icciitii sana quba hin qaban, garuu walabummaan gadi fageenya waa'ee gurgurtaa Sibneft hedduu mirkaneessan.
Mr Skuraatov akka sagantichatti himanitti: ''Jalqabumaan gochaa waliin dhawuuti, kunis kanneen daldala dhuunfaa irratti hirmaatan erga garee yakkaa tokko hundeessuun Abraamovich'f heyyamuun, Berezovsky ammoo mootummaa gowwoomsuun akka maallaqa kubbaaniyichi baasuu malu akka hin kanfalamneef taasiseera.''
Akkasumas sanadichi Mr Abraamovich pirezidaantii Raashiyaa duraanii Booris Yeltsiin eegamaa akka ture mul'isa.
Innis galmeewwan seera raawwachiftootaan Abraamoovich irratti baname gara Kiremliinitti dabarfamuun qorannoon Mr Skuratoviin eegalame pirezidaantichaan dhaabsifame jedha.
Sanadichis: ''skuratov qorannoo isaa irratti hundaa'uun himannaa yekkaa banuun akka Sibneft dhorkamuuf qophaa'aa ture. Garuu qorannichi pirezidaanti Yeltsiniin dhaabsiifame...Skuraatov ammoo hojiirraa ari'ataman.''
Mr Skuraatov erga bara 1999tti viidiyoon saalqunnamtii isaanii gadi dhiifameen booda hojiirraa dhorkaman. Innis beekaa qorannoo isaafi isa gatii dhabsiisuuf kan qindaa'eedha jedha.
''Sababii qorannoo kiyya keessatti maatii Booris Yeltsin'tti baayyee maxxaneef wanti hundinuu akkuma beekamu siyaasa ture.''
Mr Abraamovich wayita bara 2000tti Putiin gara aangootti dhufetti Kiremliiniitti marfamee hafe.
Sanadichi akkasumas gadifageenya waa'ee caalbaasii waggaa lamaan booda qindaa'e kan biraa, kan waa'ee kubbaaniyaa boba'aa raashiyaa Slavneft jedhamus hammateera.
Aab Abraamovichi Slavneft bitachuuf dhaabbata biraa waliin waliigalte ummatan, garuu kubbaaniyaa Chaayinaa dorgomaa tokkoos caalmaa dachaa lamaatiin dorgomuuf karoorfatee ture.
Chaayinaan osoo caalbaasichaan mo'attee turte ta'ee namoonni jajjaboon baayyeen- Kiremliinii hanga paarilaamaa Raashiyaatti ni kasaaru ture.
Sanadichis miseensoonni jila Chaayinaa wayita caalibaasichaaf Mooskoo qaqqabaniin butamu hima.
''Kubaaniyaan Chaayinaa-CNPCn, dorgomaa cimaa ture. Garuu erga bakka bu'aansaa tokkoo akkuma Buufata xiyyaara Mooskoo qaqabaniin butameen booda caalibaasicha keessaa of baase. Boodas erga kubaaniyich caalibaasicha keessaa of baasuu ibseen booda gadhiifame.''
Seenaan buttii kunis maddeen walabaa waa'ee sanada kanaa hin beekneen illeen deeggarameera.
Vilaadmiir Miloov wayita gurgurtaanaa Slavneft gaggeeffamuutti Ministeera Ittaanaa Inarjii raashiyaa turan. Waa'ee seenaa buttii sanarra yaada kennuu baatulleen, garuu qaamooleen siyaasaa olaanoon caalibaasicha Abraamovich akka mo'atuuf dursanii murteessu himan.
''Akkan jedhe, ilaali, Chaayinaanooonni dhufanii gatii baayyee caaluu kanfalu barbaadanii ture. Afaan keessan qabadhaa, kun isaanis isin hin ilaalatu, kun hojii keessanii miti jechaa turan. Dursaan murtaa'e. Slavneft Abraamovichiif akka ta'uuf dursa gartii irratti walii galame. Haaluma ta'en chaayinaan harkifamtee baafamte.''
Aab Abraamovich waa'ee karoora buttaa sana haa beekuu ykn gahee wayii keessaa qabaachu ilaalchisee ragaan aragame hin jiru.
Abokaatoonni isaas gochaan ugguruu sun kan isa hin ilaallanneefi ''waa'ee taatee sanaarratti hubannoo omaa'' hin qabu jechuun BBCtti himan.
Gareewwan garaa garaa Slavneft to'achuuf wal lolaa turan. Karoora bittaa Chaayinaa irratti ammoo mormii olaanaatu ture.
Chaaniyaan dhiisuu isheetiif sababii maalumaa ta'ulleen garuu, kan dorgomichaaf hafe michuummaa Aab Abraamovich qofaa ture. Kanaafu gatii baayyee gadaanaan Slavneft bitatan.
Abukaatoonni Aab Abraamovich himannaan malaamaltummaa bittaa Slaavneft fi Sibneft irratti ka'u soba jedhu. Innis Mr Yeltsiniin eegamusaa ni haala.