Malli daddabarsa maallaqaa addunyaa ‘Swift’ maali?

Swift daangaan biyyotaan otoo hin murtaa’in sirna addunyaa qarshii saffisaan ittiin daddabarsanidha.

Swift jecha gabaajee maqaa [Society for Worldwide Interbank Financial Telecommunication] jedhuu yoo tahu bankoti sirna kana jalatti hammataman bu’aa bahii malee qarshii walitti ergu.

Swift bara 1973, Beeljiyeemitti kan hundaa’e yoo tahu, Itoophiyaa dabalatee baankotaa fi dhaabbilee faayinaansii kuma 11 ol biyyoota 200 keessa jiran walitti hidhachiiseera.

Swift sirna baankii isa idilee waliin wal hin fakkaatu. Sirna daddabarsa maallaqaa addunyaalessaa kun kaffaltiin qaqqabuufi raawwatamu maamiloota beeksisuuf sirna ergaa gabaabaa ergudha.

Karaa Swift’n maallaqni tiriiliyoonaan lakkaa’amu dhaabotaafii mootummoota gidduutti waan daddarbuuf guyyaatti ergaawwan miiliyoona 40 dabarsa. Ergaawwan kunneen keessaa Raashiyaan kaffaltiiwwan parsantii tokkoo ol keessummeessiti jedhamee yaadama. Kuni garuu qarshiidhaan yoo shallagamu xiqqoo miti.

Raashiyaan ‘Swift’ keessaa ugguruuf maaliif waamichi godhama?

Sirna daddabarsa maallaqaa baankoti kumaan lakkaa’aman keessaa Raashiyaa ugguruun hidhata baankiiwwan biyyattiifi dhiyeessii maallaqaa ni miidha.

Garuu kan miidhamu Raashiyaa qofa miti. Qoqqobbiin kuni diinagdee mataa isaanii akka hin miineef biyyooti baayyeen ni yaadda’u. Fakkeenyaaf, biyyooti Raashiyaarraa boba’aa biyyatti galfatan qoqqobbii kanaan danqaan isaan mudachuu mala.

UK’n Raashiyaan Swift irraa akka dhorkamtu gaaffii dhiyeessitus qofaa milkaa’uu akka hin dandeenye himte.

‘’Sirni Swift kuni dhimma to’annoo keenya keessa jiru miti. Murtoo garee tokkon milkaa’u miti,’’ jedhan Ministirri Ittisaa UK Been Waalaas.

Jarman biyyoota Raashiyaan Swift irraa akka hin dhorkamne barbaadan keessaati jedhamee amanama.

Ministirri maallaqaa Faransaay Burunoo Lameeree fi Ministirri mummee Neezarlaand Maark Ruut illee kuni filannoo isa dhumaa qofa tahuu qaba jedhanii amanu.

Pireezidaantiin Ameerikaa, Joo Baayidan Raashiyaa Swift irraa dhorkuun ammatti akka filannootti akka hin dhiyaanne ibsaniiru.

Biyyooti Awurooppaa ‘’tarkaanfiin amma fudhachuu fedhan kana tahuu baatullee,’’ akkasiin akka hin turre garuu himaniiru.

Abbaan qabeenyaa 'Swift' eenyu?

Swift dhaabbanni tokko sirna diriirsee daddabarsa qarshii baankiiwwanii guutummaan akka hin to’anne gochuuf jecha, dhaabbata baankotii Ameerikaafi Awurooppaadhaan hundaa’e dha. Sirna kana baankotiifi dhaaboti faayinaansii lakkoofsaan 2000 caalan abbummaan qabataniiru.

Swift Baankii Biyyaalessaa Beeljiyeemiin kan to’atamu yoo tahu, Dhaabbata Maallaqa Federaalaa Ameerikaa, Baankii Ingilaandiifi baankiiwwan mummee addunyaarra jiran to’annoo sirna kanaarratti hirmaatu.

Swift biyyoota miseensaa gidduutti daldalli addunyaawaa nageenyisaa eegame akka jiraatuuf kan gargaaru yoo tahu eenyuufuu akka hin loogne irraa eegama.

Haa tahu malee qajeelfama kanaan faallaatti Iraan sababa karoora niwukileeraa isheetiin qoqqobbiin irra kaa’amnaan, bara 2012tti Swift irraa ugguramteetti. Sababa kanaanis daldala boba’aa isheerraa walakkaa kan dhabde yoo tahu, al-ergii harka 30 tahus dhabdeetti.

Swift garuu qoqqobbiin kuni akka irra kaa’amu dhibbaa tokkollee akka hin taasifneefi murtoon biyyoota irratti akka hundaa’u himeera.

Raashiyaa 'Swift' irraa dhorkuun dhiibbaa akkamii qaba?

Raashiyaan Swift irraa yoo ugguramte dhaabonni biyyattii daddabarsa maallaqaa idilee, mijataa fi saffisaa tahe ni dhabu.

Kana malees mallii dhiyeessii elektitiikaa fi oomishoota qonnaaf kaffaltiin raawwatamu akka malee miidhama.

Bara 2014 Raashiyaan Kireemiyaa weeraruusheen Swift irraa ugguramuu akka dandeessu akeekkachiisni keennameefi ture. Raashiyaan murtoo kana hamma waraana labsuutti akka ilaaltu beeksiftee turte.

Yeroos biyyooti lixaa murtoo kanaan itti cichuu baatanillee Raashiyaan garuu sirna wal-fakkaataa ofiisheetii akka uumtu carraa uumeefii ture.

Qoqqobbii akkanaa dandamachuuf jecha mootummaan Raashiyaa sirna kaffaltii kaardiif tahuuufi ‘Miir’ jedhamu diriirse. Garuu biyyoota muraasa qofa keessatti hojiirra oole.

Biyyooti lixaa dhimma Swift irratti maaliif wal-qoqqoodan?

Raashiyaa Swift irraa ugguruun kanneen biyyattii waliin daldalan ni miidha. Kanaanis Jarman biyya jalqabarratti miidhamtu dha.

Raashiyaan biyya Gamtaa Awurooppaaf boba’aafi gaazii uumamaa dhiyeessuun beekamtu dha. Gamtaa kanaaf dhiyeessii biraa argachuun salphaa miti. Gatiin boba’aa dabalaa waan dhufeef sababa kanaan rakkoon biraa akka dhalatu biyyooti miseensa gamtichaa hin barbaadan.

Akkasumas Raashiyaarra dhaaboti liqaa qaban karaatti qarshii isaanii argatan argachuu qabu. Raashiyaan Swift irraa yoo ugguramte sirna baankii biyyaalessaarratti rakkoon gahu salphaa akka hin taane amanama.

Ministirri faayinaansii duraanii Raashiyaa, Aleeksii Kuudriin biyyattiin Swift irraa yoo ugguramte diinagdeen ishee harka 5nin akka gadi-bu’u gochuu mala jedhan.

Haa tahu malee murtoon kuni Raashiyaa irratti dhiibbaa waaraa tahe fiduu danda’a kan jedhu shakkisiisaa dha. Sababiinsaa baankoti Raashiyaa Chaayinaa sirna kaffaltii mataashee qabduufi biyyoota qoqqobbii hin goone waliin daldaluun fayyadamuu danda’u.

Raashiyaan Swift irraa akka ugguramtuuf seera tumtoonni Ameerikaa dhiibbaa taasisaa jiru.

Haa tahu malee Pireezidant Baayidan qoqqobbiiwwan biroo filatu.

Sababiinsaas murtoon kuni diinagdee biyyoota biro waan miidhuufi. Kanaaf Raashiyaa sirna kanarraa ugguruuf deeggarsa biyyoota Awurooppaa gaafata. Biyyooti kunneen immoo tarkaanfiin kuni isaaniin deebisee waan miidhuuf itti cichuu waan barbaadan hin fakkaatu.