‘Daangaa NATO inchiin tokko osoo hin hafiin ni eegna,’- Antooni Bilinken

''Ameerikaa fi michuuwwaan ishee yaaddoo kamiyyuu NATOtti aggaamamu waliin qolachuuf qophiidha'' jedhan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Bilinken.

Antooni Bilinken dawwaannaa hojiif Lituuniyaa kan jiran yoo ta'u, Raashiyaan ''dimookirasii Lituuniyaa jeequufi qoqqodamiinsa, haleellaa saayibariifi odeeffanoo burjaajii uuman waliin facaasuu barbaaddi,'' jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Bilinken itti dabaluun, Ameerikaa fi Lituuniyaa ''Yuukireen waliin tokkumman dhaabachuuf murteesssineerra,'' jedhan wayita weerarri Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte guyyoota 12 lakkoofsisetti.

Ameerikaan ‘’humna ittisa waloo keenya’’cimsaa turte jechuunis Antooni Bilinken yaadachiisaniiru.

Kanaafuu Ameerikaa fi biyyoonni michuuwwan keenyaa ''kan yaaddoo nutti ta’u barbaadu kamiyyuun falmuuf qophiidha. Tarsimoo kanaaf jecha loltoonni humna addaa Ameerikaa 7,000 Awurooppaatti bobbaasuun, kaan immoo daangaa NATO karaa Baha akka eegan cimsuuf bobbafamaniiru'' jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooni Bilinken waliigaltee ‘NATO’ keeyyata 5ffaa irra jiru, kan ''haleellaan tokkoo keenyaa haleellaa hunda keenyaati,'' jedhu Ameerikaan kabachiisuf kutannoo akka qabdu irra-deebiin wayita mirkaneessan akkas jedhan:’’ daangaa NATO inchiin tokko hin hafiin ni eegna.’’

Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayidan ammoo Koongireesiin biyyattii deeggarsa dabalataa Yukireeniif maallaqa akka raggaasuuf gaafachaa jiru.

Pireezidantii Yuukireen Voloodimiir Zeleniskiin toora bilbilaa iccitiin Pirezedantii Ameerikaa Joo Baayideen waliin haasa’aniiru. Meeshaan qunnamtii sun Pirezedantii Baayidenif iccitiin isaa eegamuun bilbiluufi akka danda’an Niwuyoork Taayimsi gabaase.

Sambata darbe Pirezedantiin Yuukireen Voloodimiir Zeleniskiin daqiiqaawwan 35'f gitasaanii Joo Baayideen waliin haasa’an. Dilbata darbe Dubbi-himtuun Jiin Sakiin, Ameerikaan odeeffannoo basaasaa Yuukireeniif ‘’yeroo ta’e tokko‘’akka qooda akka turte himuun, odeeffanno bal’aa kennuurra of qusatan.

Gartuuwwan basaasaa Ameerikaa haleellaa karaa dijitaalaafi qunnamtii Raashiyaan raawwattu jeequuf hojjataa akka jiran Niwuyoork Taayimsi gabaase.

Akka gabaasichi jedhutti, hojjattoonni Ajaja Saayibarii Ameerikaa biyya Jarmanii fi Ameerikaa keessa jiran odeeffannoo basaasaa saatalayitii fi meeshalee elektirooniksii(electronic intercepts) irraa sassaaban sa’aatii tokkoo amma lamaa gidduutti waraana Yukireenif kenna jiru.