Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US fi biyyoonni Lixaa biroo Pirezidaant Putiin fi Ministira Dhimma Alaa isaaniirra qoqqobbii kaa'an
Raashiyaan Yuukireen irratti waraana banuu hordofee Ameerikaa dabalate biyyoonni Lixaa Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Putin fi Ministira Dhimma Alaa isaanii Sergee Laavroov irra qoqqobbii addaa kaa'an.
Haaluma kanaan qabeenyaawwan aanga'oota olaanoo Raashiyaa kanneen lamaanii Ameerikaa, Awurooppaa, Yunaayitid Kingdom, akkasumas Kanaadaa jiru akka hin sochoone kan dhorkame yoo ta'u, Ameerikaan ammoo addatti qoqqobbii imala isaan dhorkullee itti dabalteetti.
Aanga'ootarra qoqqobbiiwwan akkanaa kaa'uun baayyee kan baratame miti. Gamtaan Awurooppaa kanaan dura tarkaanfii wal fakkaatu fudhatee kan beeku pirezidaantota Siiriyaafi Beelaarus irratti qofa ture.
Ameerikaan ammoo tarkaanfii walfakkaatu kan fudhatte gaggeessaa Venezuweelaa Nikoolaas Maaduuroofi gaggeessaa Siiriyaa Bashir Al-Asaad irrattidha.
Pirezidaant Putiin fi Ministirri Dhimma Alaa Laaviroov biyyoota Lixaa gara garaa keessaa qabeenya hangamii akka qaban kan hinbekamne yoo ta'u, qoqqobbiin kaa'amellee bu'aa inni qabaatu ifa miti.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni Maree Nageenyaa (UNSC) weerara Yuukireen irratti raawatame akka balaaleffatuuf murtee dhiyaate Raashiyaan mirga humna guutuu akka murtoofne gochuu qabduun kufaa taasifteetti.
Yaada murtee weerara kana balaaleffachuuf bahe Raashiyaan yoo kuffiistu miseensota mana maree 15 keessaa 11 deeggaraniiru.
Qoqqobbiin biyyooni Lixaa Pirezidaant Putin fi Ministira Dhimma Alaa isaaniirra kaa'an kun, Raashiyaan Yuukireen irratti waraana bantee guuyaa lamaffaa irratti yoo ta'u, lollo kun gara magaalaa guddoo Yuukireen seenee daandii gurguddaa magaalattii irratti gaggeeffamaa jira.
Biyyoonni Lixaa waraana Yuukireen irratti banameefi isaan walqabatee dhiiga dhangala'uuf Pirezidant Vilaadmiir Putiiniin itti-gaafatamaa yoo godhan, Pirezidaantichi garuu biyya isaa tarkaanfii kana kan fudhatteef namoota nagaa Yukireen Bahaa jiran eeguudhaaf akka ta'e himaa ture.
Gamtaan Awurooppaa yeroodhaaf Ameerikaa irraa adda bahee qoqqobbii imalaa aanga'oota kanneenirra kaa'uu irraa of qusateera.
Lotoonni raashiyaa wayita gara magaalaa guddoo Kiyeevitti dhiyaachaa dhufanitti, gaggeessitoonni Yuukireen Raashiyaan waraana banteef akka adabamatuuf biyyoonni Lixaa qoqqobbii cimaa akka irratti fudhataniif gaafachaa turaniiru.
Biyyoonni Lixaa kunneen tarkaanfii waraanaa raashiyaa fudhatte kanaaf deebii humna waraanaatii akka hin kennine karaa gara garaatiin ibsaa kan uran yoo ta'u, qoqqobbii raashiyaa irratti dhiibbaa hamaa fidu kallattii hundaa'aa akka kaa'an garuu akeekkachiisaa turaniiru.
Hanga ammaatti Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaafi Yunaayitid Kingidam dabalatee biyyoonni Lixaa tarkaanfiiwwan gara garaa qophaa qphaa isaaniifi waloon kan fudhatan yoo ta'u, waraanni kun kan itti fufu yoo ta'e qoqqobbiiwwaniifi dhorkaawwan itti fufu jedhamaa jra.