Romeluu Lukaakuu: Leenjisaan Chelsii Toomaas Tuuhel ''yerootti waa'ee Lukaakuu kolfinu miti' jedhe

Leenjisaan Chelsii Toomaas Tuuhel ''yerootti waa'ee isaatti kolfinu miti'' jechuun waa'ee taphataa Paawondii miliyoona 97.5 bitamee gahumsi isaa gadi bu'e Lukaakuu dubbate.

Tapha torban darbe Chelsiin Kiristaal Paalaas waliin taphatee 1 fi 0'n mo'ate irratti Lukaakuun daqiiqaa 90 keessatti yeroo torba qofa kubbaa tuqe.

Erga ragaan akkasii kun waliti qabamuu jalqabe bara 2003 as taphataan tokko daqiiqaa 90 dirree keessa turee si'a torba qofa kubba tuquun yeroo jalqabaaf isa gadi aanaa tahee galmaa'eera.

''Inni fuuldura irra jira, harka irra qabuu qabna. Lukaakuu yeroo hundumaa qaama furmaata keenyaati,'' jedhe Tuuhel.

''Yeroo tokko tokko taphattootni sarara duraa ofitti amanamummaa yeroo dhabanii fi garee ittisee taphatu keessatti ciminaan kubba argachuu yoo dhaban waan akkasii isaan mudata.''

''Dhugaadha kun waan nuyis, Lukaakuunis barbaadu miti, garuu ammoo yeroo itti kolfinee ittiin baacnus miti,'' jedhe.

Kiriis suuton bara 1999-2000tti Chelsii turuun taphoota 28 irratti galchii tokko kan galche, BBC Radio 5tti akka himetti ''akka yaadutti torban darbe hojjeteera'' jedhe.

''Ofitti amanamummaa dhabe- Taphataa gammachuu hin qabne fakkaata. Garee kanaaf kana caalaa hojjechuu danda'a.''

Taphataan duraanii Noorwiich, Bilaakbarnii fi Seeltik Kiriis Suuton ''tapha keessan of dhoksa.

Ofitti amanamummaakee yoo dhabaa deemtu of dhoksuu jalqabda. Dhokachuu hin qabdu garuu dhokachaa jirta jechuun ofitti himuu qabda-innis gababumatti akkas ture.

Kubbaa barbaadaa hin turre, hanqina ofitti amanamummaati, shakkiin socho'uudha.''

Xiinxaltootni taphattoota kaan ceepha'anis sochiin isaa garuu sirrii hin turre jedhe Suuton.

''Lukaakuu fi Tuuhel bara dhufu waan asitti arginu miti. Waa kennamuu qaba.''

Taphataan ganna 28 Lukaakuun erga Chelsitti deebi'ee taphoota Piriimer Liigii 17 irratti galchii shan qofa lakkoofsise. Shan ammoo dorgommii kaan keessatti lakkoofsise.

Erga 2022 seenee ammoo piriimer Liigii irratti hin lakkoofsisiin jira. Dorgommii Fifa Club World Cup' jedhamu irratti Palmiras irratti galchii lakkoofsiseera

Taphattootni sarara duraa gara Chelsiitti maallaqa guddaan dhufan gahumsa isaanii agarsiisuun itti ulfaata. Andree Sheefisheenkoo, Fernando Toores, Tiimoo Werner Chelsii galuun gahumsa guddaa qaban hin agarsiisiin turan.

Seenaa Chelsii keessatti taphattootni sarara duraa yeroo rakkatan argama, adunyaa irratti taphattoota sarara duraaf salphaa miti,'' jedhe Tuuhel.

Lukaakuun Inter Miilaanitti Antooniyoo Koontee waliin waancaa Serie A mo'achuun ture paawondii miliyyona 97 caaluun Chelsii kan gale.