Akka itti jijjiiramni Roomeeluu Lukaakuu Intar Miilaan waancaa mo’atuuf gargaare

Intar Miilaan dheebuu waancaa ganna 11f ture yoo baafatan, taphataan duraanii Maanchistar Yunaayitid Roomeeluu Lukaakuu milkaa'ina isaaniif ga’ee olaanaa taphateera.

2019’tti paawundii miiliyoona 74’n gara warra Neeraazuuriitti wayita imaletti, taphataa sarara fuulduraa Intar, Maawuroo Ikaardii bakka bu’uu dabalatee, shoora olaanaatu irraa eegama ture.

Lammii Argintiinaa kan ta’e Ikaardiin amala dirreen ala qabuun falmisiisaa ta’us, dirree keessatti ga’umsa olaanaa agarsiisuun filannoo isaanii isa guddaa ture. Taphoota 169 irratti galchii 111 lakkoofsisuu dandee’ra, Seerii Aa Xaaliyaan keessatti.

Lukaakuun turtii Yunaayitid ganna lamaa keessatti taphoota 96 irratti hirmaachuun galchii 42 lakkoofsiseera. Garuu dandeettiin isaa itti hin fufne, galchiiwwan lakkoofsise keessaa %26 kan ta’u kan lakkaa’aman ji’oota lamaan jalqabaa Oldi Tiraafoordi ga’e keessatti dha.

Hojii irratti waakkachuu, kubbaawwan to’achuu dadhabuufi gara galchiitti geeddaruu dadhabuudhaan komatamaa ture.

Garuu namni ganna 27 kun Intar keessatti qormaata biraaf of kennee ariitii galchii lakkoofsisuu Maawuroo Ikaardiin qabamee ture bira taruu danda’uurra darbee, Intar Miilaan waggoota sagaliif olaantummaa Seerii Aa keessatti Juveentuusiin qabamee ture akka dhaabsisuuf ga’ee taphateera.

2018/2019 dorgommii taasisaniin, Intar qabxii 21 Juuveentuus booda ta’uun xumurani. Lukaakuufi leenjisaan isaanii Antooniyoo Konteen dhufuun garuu, bara darbe qabxii tokko qofaan caalamuun 2ffaa xumuruun waancaaf akka falmatan isaan gargaare.

Ofii, Miilaan keessatti Lukaakuuf maaltu jijjiirame?

Hariiroo haaraa Maartiineez waliin uumame

Eevartan fi Yunaayitid keessatti, Lukaakuun yeroo hedduu kophaasaa sarara fuuduraarra bobba’a.

Wanti kun jijjiiramuun isaa garee mala hiriiraa 3-5-2 fayyadamu keessatti qooda akka qabaatu gochuurra darbee, akkaataan itti taphatu miiltoosaa Laawuraatoo Maartiineez waliin haalaan akka wal-gargaaree taphatu isa dandeessiseera.

Lameen hariiroo cimaa qabu, Maartiineez fuulduratti fiigee yoo taphatu, Lukaakuun isa duubaa hin dhabamu.

Lukaakuun taphattoota sarara ittisaa wayita dhiphisutti ammoo, Maartiineez fiigee iddoo bansiisa.

Lamaan isaaniiyyuu galchuus ta’e mijeessanii kennuu irratti waan hirmaataniif ittisuuf rakkisoodha.

Sirna nyaataa haaraa

Lukaakuun Intar wayita seenetti, hojjetaan saayinsii ispoortii kilabichaa sirna nyaataa ‘Bresaola’ jedhamu akka eegalu taasiseeni. Foon adiifi fuduraalee fayyadamuun ulfaatina qaamaa xiqqeessuu hammata. Kunis bu’aa olaanaa fideeraaf.

Gareensaa yoo fuulduratti kubbaa fudhatee gulufu, Lukaakuun taphattoota ittisaa yoo dhiphisu mul’ata.

Intar kilaboota Seerii Aa kamiyyuu caalaa kubbaawwan morkattootarraa mulquun fiiganii galchiiwwan lakkoofsisuun kan isaaniin qixxaatu hin jiru. Galchii 7’n caalmaa qabu, ga’een Lukaakuus adda ture.

Taphoota gurguddoo irratti gumaachuu

Yeroo Yunaayitid turetti hedduu qeeqamaa kan ture "taphoota gurguddoo" jedhaman irratti dandeettii gadi aanaa agarsiisuu ture.

Kilaboota Piriimiyeer Liigii ‘‘warra gurguddoo jaha’’ jedhaman keessatti morkattoota shanan waliin Yunaayitidiif hiriiruun taphoota taaphateen, galchii tokko qofa lakkoofsisee afur mijeessee kenne.

Rakkoon kun itti fufee bara jalqabaa Intar keessa turetti Chaampiyoonsi Liigii fi Yuurooppaa Liig irratti kubbaa hedduu fashalsuun qeeqamaa ture.

Bara kanatti garuu afuura hamaa isa qabe darbachuun Xaaliyaan keessatti morkattoota Intar gurguddoo kan ta’an, AC Miilaan, Atalaantaa, Yuuveentuus, Naappoolii, Laaziyoo fi Roomaa irratti galchii saddeet lakkoofsisee, 10 mijeessee kenneera.

Fooyya’inasaa kanaaf sababa jedhee yoo himu, haasawa jajjabeessoo Koontee kaasee jira.

"Nan yaadadha, tapha Chaampiyoonsi Liigii kilaba Islaaviyaa Piraagaa waliin taasifne irratti haalan hin taphannen ture,’’ akkas naan jedhe.

"Miseensonni garee hundi bakka jiranitti, yoon lammaffuu akkasitti taphadhe daqiiqaa shan keessatti akka nageeddaru natti hime.

"Xiqquma turree darbii Miilaan taphanne, anis sochii cimaa gurguddoo taasise keessa tokko kan ta’en agarsiise. Ofitti amanamummaakoo irra dhaabbatus, anaan nadammaqseera."

Konteen kilabichatti dhufuu, dandeettiin Lukaakuu guddachuun, milkaa’ina Intar waliin hidhata akka qaban omaa shakkii hin qabu.

Lukaakuun akka kilabiitti kan injifate 2009/10’tti Liigii Beeljiyam kan itti mo’atedha. Sana jechuun, dheebuu waancaa wagga 11’f ture kan baafate Intar Miilaan qofaa miti, Lukaakuunis akkasuma. Kilabiifi taphataan yeroo murteessaa ta’etti wal-argachuu mirkaneessaniiru.