Fayyadama doolaaraa dabalatee qoqqobbiiwwan Raashiiyaarra kaahamuu malan

putin

Madda suuraa, Reuters

Raashiyaan dachii Yukireen harka hidhattootaa jirutti loltoota bobbaasuu ibsuu hordofee US, UK fi biyyoonni kaan qoqqobbii kaahuu eegalan itti fufuuf qophiin jiraachuu dubbatu.

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Wiixata galagala naannoleen Baha Yuukireen lama Donetsk fi Luhansk biyya walaba ta'uu beekamtii erga kannaniin duuba, loltoonni isaanii garas akka seenan ajaja dabarsuu isaanii hordofee qoqqobbiiwwan warri lixaa irra kaahan wanna hanga ammaa itti qophaahaa turan mara miti.

Suuta qoqqobbiiwwan biroon itti fufu jedhamaa jira.

Qoqqobbiin maali?

Qoqqobbiin adabbii biyyi tokko ykn qaamni tokko biyya biraa gocha sirrii miti ykn yakkadha jedhame gochuurraa akka dhaabatu dirqisiisuuf kaahamuudha. Gochi sun weerara raawwachuu ykn seera idila addunyaa mallatteeffame cabsuu ta'uu mala.

Qoqqobbiin yeroo hedduu kan irratti xiyyeeffatu diinagdee biyya gocha hin malle raawwattee miidhuu, maallaqa lammiilee dhuunfaa akka namoota siyaasaa fi abbootii qabeenyaa ugguruu darbees dhorkaa imalaa fi gurgurtaa fi sochii meeshaa waraanaa dabalachuu danda'a.

Waraanatti seenuun duratti tarkaanfiiwwan jajjaboo biyyootni walirratti fudhatan qoqqobbiiwwan kaunneeni.

Qoqqobbiiwwan Raashiyaarra kaahaman maal fa'i?

Guyyoota dura Raashiyaan beekamtii kennuufii hordofee bulchiinsota Yukireen harka hidhattotaa jiran Kuhaaniskiifi Doneesiki keessatti lammiileen Ameerikaa hojii daldalaa kamuu akka hin hojjennee US beeksifteetti.

Kaampaniiwwan US bulchiinsota kanneen keessa socho'an muraasni jiru. Waayit Haawus gocha ishee Yukireeniin weeraruu yoo itti fufte qoqqobbiiwwan hedduu akka itti fufan akeekkachiiseera.

Jarman ujummoowwan gaasii Nord Stream 2 pipeline uggurteetti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jarman ujummoowwan gaasii Nord Stream 2 pipeline uggurteetti

Ministirri Muummee UK Booris Joonsan Raashiyaan nagaa eegsisuuf sababa jedhuun loltoota ishee lafa bulchiinsa Yukireen jala jiranitti bobbaasuun walqabatee baankiiwwan Raashiyaa shaniifi biiliyeenaroota biyyattii sadiirra qoqqobbii kaahuu beeksisan.

Booris gochaan Raashiyaa kun ''weerara haaraan qixxeedha'' jedhan.

Booris Joonsen Paarlaamaatti yoo dubbatan ''amma jeequmsa yeroo dheeraaf itti fufuuf qophaa'uu qabna'' jedhan.

Muddamni kun akkuma kanatti hammaatee itti fufa yoo ta'e qoqqobbii dabalataa akka itti fufan dubbatan.

Akka ibsa MM UK kanaatti qabeenyi abbootii qabeenyaa sadanii lammii Raashiyaa ta'an kan UK keessa jiru akka hin sochoone uggurama, jarreenis gara UK akka hin imalle dhorkamu.

Miseensonni Paarlaamaa UK mootummaan qoqqobbii jabaa abbootii qabeenyaafi baankiiwwan Raashiyaa biroorra akka kaahamu gaafataniiru.

Chaansilariin Jarman Olaaf Shoolz hayyama ujummoo gaazii uumamaa Raashiyaa ka'ee Jaramanitti dabarsu Nord Stream 2 jedhamuuf hayyamni akka hin kennamne yeroof dhorkaa kaahaniiru.

Gamtaan Awurooppaans qoqqoobbii namoota siyaasaa biyyattii fi baankota irratti xiyyeefatu kaahuuf darbees Raashiyaan gabaa Faayinaansii akka hin arganneefi naannolee of danda'an waliin daldalli akka hin gaggeefamne dhorku kaahuuf qophaa'aa jiru.

Qoqqobbiiwwan biroon maal ta'uu malu?

Raashiyaan waan amma warri Lixaa jedhan diddee Yukireeniin kan weerartu yoo ta'e qoqqobbiiwwan biroo akka irra kaahan dhaadachaa jiru.

Raashiyaa Swift keessaa baasuu

Tarkaanfiin inni tokko Raashiyaa sirna tajaajila daddabarsa maallaqaa idila addunyaa Swift kan addunyaarratti dhaabbilee faayinaansi kumootaan lakkaawwan itti fayyadaman keessaa baasuudha.

Kun ammoo baankiiwwan Raashiyaa hojii daldalaa biyyoota alaa waliin hojjetan rakkisaa taasisa.

Tarkaanfiin kun gama kaaniinis US fi Jarman kan baankiileen isaanii Raashiyaa waliin hidhata qaban akkaan miidha.

Tarkaanfiin kun weerara kana dhaabsisuuf fudhatamuu akka malu Waayit Haawus akeekeera.

Mallattoo Baankii Roosiiya

Madda suuraa, TASS via Getty Images

Raashiyaan doolaara US akka hin fayyadamne dhorkuu

US Raashiyaan doolaara Ameerikaa akka hin fayyadamne ugguruu dandeessi. Dhaabni biyyoota lixaa kamuu dhaabbileen Raashiyaa doolaaraan akka daldalan gargaaraniis akka gaafataman gochuu malti.

Kun diingdee Raashiyaa kan daldala boba'aafi gaasii uumamaa doolaaraan socho'u akkaan miidha. Dameewwan kaaniinis daldala alaa Raashiyaa laamshessuu danda'a.

Faallaa kanaan biyyoota Awurooppaa gurgurtaa gaasiifi boba'aa Raashiyaarratti hirkataniifis qoramaata guddaa ta'a.

Baankilee ugguruu

US baankileen raashiyaa daldala idila addunyaa raawwachuu akka hin dandeenye gochuuf ugguruu dandeessi.

Kun ammoo baankileen Raashiyaa keessaa inveestaroota warraa lixaa maallaqa qaban huba.

Kanarraan Raashiyaan kufaatii diinagdee ishee bayyanachiisuuf baankii giddugaleessaa keessaa eeggannoof doolaara biiliyoona 630 qabdi.

Meeshaalee teeknolojii ammayyaa Raashiyaatti erguu dhorkuu

Warri Lixaa meeshaalee teeknoolojii ammayyaa Raashiyaatti erguu dhorkuu danda'u.

Fakkeenyaaf US kaampaniiwwan ishee teeknoolojii akka semiconductor microchips kan konkolaataa irraa qabee bilbiloota ammaayyaa keessatti barbaadaman akka garas akka hin ergamne dhorkuu dandeessi.

Kun damee ittisaafi qilleensaa Raashiyaa qofa osoo hin taane diinagdee biyyattiis miidha.

Garuu kunis kaampaniiwwan raashiyaatti daldaluun buufatan miidha.

Uggura anniisaa

Diinagdeen Raashiyaa gara caalu gaasii fi boba'aa gurguruu irratti hundaa'a. Biyyootni warra lixaa boba'aa irraa bituu diduun dhiibbaa irra kaahuu mala.

Kunis Awurooppaan hanqina boba'aafi gaasiif akka saaxilamtu taasisa. Fakkeenyaaf Jarman gaasii ishee feesisu harka tokko sadaffaa Raashiyaarraa argatti.

Magaalaa Landan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, UK government has vowed to tackle illicit Russian money flowing into London.

Dhaabbilee maallaqaa landan akka hin fayyadamne dhorkuu

Maallaqni warra Raashiyaa hedduun baankiiwwan Landan keessa jiru. Qabeenyawwan biroonis akkasuma hedduudha.

Amma mootummaan UK maddi maallaqa isaanii garam akka ta'e gaafachuutti jiraachuu hima.

Adeemsi kun garuu waan hedduu milkaahe miti.