Keeniyaan Raashiyaan loltoota ishee Yuukireenitti erguu balaaleffatte

Madda suuraa, Getty Images
Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNSC)tti ambaasaaddarri Keeniyaa Maartiin Kimaanii murtee Raashiyaan loltoota ishee naannolee lamaan Yuukireen irraa adda of baasanitti erguu murteessuu ishee balaaleffatan.
Ambaasaaddarichi Raashiyaan naannolee gama baha Yuukireenitti argaman Donteskii fi Luhaanskii jedhaman akka biyyaatti beekamtii kennuufiif ishees balaalefataniiru.
"Daangaaniifi walabummaan Yuukireen cabeera. Chaarterri Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii haleellaa walitti fufinsaan warri humna qaban raawwatan jalatti kufuun ittuma fufeera," jedhan Maartiin Kimaanii.
Ibsi UNSCtti ambaasaaddarri Keeniyaa baasan kun Tiiwiitara irrattillee akka gaariitti kan simatame yoo ta'u, rakkoo Raashiyaa-Yuukireen kana mooxannoo Afrikaan gita-bittaa jalatti dabarsite waliin wal bira qabee kan dorgomsiisedha.
"Namoonni adda bahan daangaawwan irra jiran abdii deebinee walitti makamna jedhu akka qaban ni hubanna garuu Keeniyaan hawwii akkasii humnaan amansiifamu kana hin fudhattu," jedhan.
Yaadni Mr. Kimaanii kun ejjennoo Keeniyaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti sagalee kennuu irraa of qusaattee turte akka jijjiirameeru agarsiisa.
Miseensota dhaabbatoo qama addunyaa hogganu kanaa kan hin taane Gaaboniifi Gaanaanillee tarkaanfiiwwan Raashiyaan Yuukireen irratti fudhattu mormaniiru.
Sababa rakkoo kanarraa ka'een qaala'insi jireenyaa akka hin uumamneef yaaddoowwan jiru.
Gaazexaan Keeniyaa Business Daily Newspaper jedhamu Kibxata fuula isaa duraa irratti mata-duree: "Atakaaroon Raashiyaa-Yuukireen akkamiin as Keeniyaa keessatti miidhaa qaqqabsiisa" jechuun baaseera.
"Sababa tarkaanfii waraanaa fudhatamuun ykn qoqqobbiiwwan kaa'amaniin Keeniyaa keessatti gatiin daabboofi daakuu qabadii dabaluu mala. Sababiin isaa ammoo Keeniyaan qamadii Yuukireeniifi Raashiyaa irraa galchitu irratti hundoofti," jedha gabaasni gaazexichaa.
Barreeffamni gaazexaa Afrikaa Kibbbaa Daily Maverick jedhu tokko irratti bahe ammoo waraanni baha Awurooppaatti dhalatu "osoo hin turiin tokkoo tokko gandoota Afrikaa Kibbaafi guutummaa addunyaa irratti dhiibbaa uuma," jedheera.
Biyyoota Lixaa waliin wal dhabaa kan jiruufi Raashiyaa waliin ammoo dippilomaasii cimsachaa kan jirtu Maaliin walitti bu'insa Raashiyaa-Yuukireen kana ilaalchisuun ifatti hanga yoonaatti kan jette hin qabdu.















