Muddama Yuukreen: Baayidan Puutiin waliin mari'achuuf qajeeltoo bu'uuraa irratti waliigalan

Madda suuraa, MAXAR VIA REUTERS
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan dhimma muddama Yukireen irratti pirezidaantii Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin waliin marii taasisuuf sadarkaa qajeelfama bu'uuraatti waliigaluu beeksisan.
Waayiti Hawuus akka jedhetti, yaadni marii Faransaay dhiyeessite kun kan milkaa'u yoo Raashiyaan biyya ollaashee Yuukreeniin hin weerarre ta'e qofaadha.
Mariin kun kan milkaa'u yoo ta'e ammoo rakkoo nageenyaa waggoota hedduun booda Awuurooppaa mudate tasgabbeessuuf bu'aa dippilomaasii olaanaa akka qabaatu tilmaamama.
Aanga'oonni Ameerikaa loltoonni Raashiyaa oppareeshinii waraanaa guutuu gaggeessuuf qophii ta'uusaanii odeeffannoo saataalaayitii dabalatee ragaa qabna jedhan illee, Mooskoon garuu dhimmichi soba jetti.
Yaada marii kan dhiyeessan pirezidaantiin Faransaay Emaanu'el Maakroon dureewwan biyyoota lamaanii waliin haasaa sa'aatii sadii karaa bilbilaatiin taasisuu ibsaniiru.

Madda suuraa, RADIO FREE EUROPE/RADIO LIBERTY
Akka odeeffannoo waajjirri pirezidaantii Faransay baasetti, mariin kunis tarii kan marii Kamisa dhufaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilkeen fi ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavaaroov wayita mari'ataniitti gaggeeffamu ta'uu akka danda'u ibseera.
Waayit Haawus gamasaatiin yaadi dhiyaatee jiraachuu kan mirkanneesse yoo ta'u, Raashiyaan ammas taanaan Yukireen irratti weerara waraanaa guutuu fudhachuuf qophii irra jiraachuu himeera.
Kun yoo ta'e ammoo Ameerikaan tarkaanfiiwwan saffiisaafi olaanaa akka fudhattu akeekkachiise.
Bulchiinsi Baayidan akka jedhuutti Raashiyaan daangaalee Yukireeniin qooddattuu qofaarratti loltoota haalaan hidhatan kuma 190 kan bobbaafte yoo ta'u, kun ammoo riphee loltoota Raashiyaan deeggaramaniifi kan motummaa Yukireen waliin karaa bahaatii wal waraanu kan dabalateedha jedha.
Raashiyaan Yukireen weeraruuf karoora akka hin qabne irra deddebiin ibsitulleen, loltoota kuma 100 caalan daangaa irra qubachiisuun ishee akka tasaa weerara raawwachuuf jechuun biyyoonni lixaa yaadda'aa jiru.
Ministeerri Raayyaa Ittisaa Raashiyaa guyyaa Roobii darbe taankiiwwan Kireemiiyaa gadhiisanii yoo bahan agarsiisuuf viidiyoo baasee ture.
Haata'u malee akka qondaaltoota olaanoo Waayiiti Hawuusiitti, kanneen guyyaa Roobii qaqaban dabalatee guyyoota dhihoo keessatti loltoonni Raashiyaa kumaatamaan lakkaa'aman dabalataan daangaa irra gahaniiru.
Akkasamumas Barreessaa Olaanaan Naton, Jeensi Istoolnibargi mudama waraana Raashiyaa tasgabeessuuf mallattooleen agarsiisasn akka hinjirree ibsuun, doorsiisoon Raashiyaarraa darbatamu ''akkuma barame dhufeera'' jedhanii ture.
Walgahii Ministiroota Nato magaalaa guddoo Beeljiyeem- Biraasalsi keessatti taa'ameerratti haasaa kan taasisan ministiirri Istoltanbargi akka jedhaniitti, dhaabbatichi gareewwan waraanaa haaraa jechuunis kanneen gahumsa qabaniifi gareewwan loltootaa xixiqqaa of danda'an jidduu galaa fi kibba baha Awurooppaatti hundeessuuf yaadaa jira.
Naton Raashiyaadhaaf yaaddoo akka hintaanee mirkanneessuuf yaaliin kan taasisan Ministirichi, yaada kanas bara 2014 irraa kaasee waraana Awurooppaa kan baasiin doolaara biiliyoona 270 irratti bahee cimsuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran qaamuma kanaa ta'u kaasaniiru.
Biyyoon lixaa hedduun Raashiyaan haleellaa raawwachuuf jechuu hordofee biyyoonbaayyeen lammiileesaanii Yukireen keessaa akka bahaniif hakeekkachiisa kan kennan yoo ta'u, Ameerikaa, UK fi Jarman ammoo lammiileensaanii Kiiyuviin gadhiisanii akka bahaniif biyyoota akeekkachisan keessaayi.
Kaanaadaafi hojjattoonni Imbaasii gara magaalaa qarqara galaamaatti geessituu Liiviivitti kan geessan yoo ta'u, Ambaasaadarri UK Yukireen keessaa ammoo garee murteessaan akka Kiiyev keessa turan ibsaniiru.
Raashiyaan gamasheetiin Kiiyeev ykn biyya sadaffaa biraa irraa dubbii barbaachi jiraachu waan danda'uuf dippilomaatoota Yukireeniitti argaman hir'isu akka dandeessu eerte jirti.













