Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nageenya Oromiyaa: Qeellam Wallaggaatti ambulaansii Fannoo Diimaa lama eenyutu fudhate?
Lixa Oromiyaa Godina Qeellam Wallaggaatti torban kana ambulaansonni lama jalaa fudhatamuu Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa beeksise.
Dubbii Himaan waldichaa Dr Salamoon Alii BBC'tti akka dubbatanitti abbummaan isaanii kan damee Fannoo Diimaa Qeellam kan ta'an kunneen hojii deeggarsa namoomaaf osoo sosso'anii dirqamaan fudhatamani.
Taateen kuni konveenshinii Jenevaa Itoophiyaan mallatteessite kan faallessuufi seera Itoophiyaas kan cabsu ta'u ibsuun, konkolaattonni fuudhaman akka deebifaman waldichi gaafateera.
Abbaa ambulaansota kana fudhate garuu odeeffannnoo hin kennine. Fuula duratti yeroo barbaachisaa ta'e ni beeksisna jechuun himan.
Qondaalli kuni kana duras bakka sanatti ambulaansonni lama gubachuu isaanii himaniiru. Dhimma Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa ibse irratti qaamni mootummaa dubbate hin jiru.
Konkolaachistonni ambulaansota konkolaachisaa turan garuu nagaa ta'un isaanii ibsameera. Gama Lixa Oromiyaa waggoota lamaafi sadan darban rakkoon nageenyaa ture ittuma fufee jira.
Mootummaan oppireeshinii dhihoo gaggeesseen Godina Qeellam Wallaggaa jala kan jirtu Aanaa Gidaamii hidhattoota harkaa baasuu ibseera.
Haa ta'u malee, hojjettoonni mootummaa aanichaa 40 ol ta'an achi buuteen isaanii dhabamuu qondaalli godinaa BBC'f himaniiru.
Kanaafis, hidhaattota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu himatan. Garichi dhimma kana irratti waan dubbate hin qabu.
Akka waldichi ibsetti Godina Qeellam Wallaggaa keessa ambulaansota 11 akka qabuufi isaan keessaa lama fudhatamanis kaan hafan deeggarsa kennaa jiru.
Kana dura Komishiniin Hooggansa Sodaa Balaa Oromiyaa rakkoo nageenyaatiin hawaasa Lixa jiruuf deeggarsa barbaachisu geessuurratti rakkoon mudataa akka ture BBC'f himeera.
Sababa rakkoo nageenyaan gama Lixaafi Kibba Oromiyaa lammiileen kuma 600'tti siqan buqqa'u Komishinarri Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir BBC'tti himaniiru.
Waldichi maal jedhe?
Akka Dr Salamoonitti konkolaattonni Fannoo Diimaa mallattoo ofirraa qabanis ta'e hojjettootni dhaabbatichaa walaba ta'anii akka socho'an Konveenshiniin Jenevaa isaan utuba.
Seera idil-addunyaan ala ambulaansota humnaan fudhachuun, dirqamaan itti dhimma bahuunis ta'e waan hin taaneef itti fayyadamuun seera Itoophiyaanis hanga waggaa shanii akka adabsiisu himu.
Ta'us, bakkeewwn lolli jiru keessumaa seenaa dhaabbatichaa waggoota 86 keessatti taatewwan akkanaa akka isaan qunnamu ni dubbatu.
Waraana waggaa darbe Tigraayitti eegale hordofees Humaraafi Cilgaatti ambulaansonni rasaasaan rukutamuu ibsaniiru. Garuu, miidhaan namarra gahe hin turre jedhan.
Tigraayitti ambulaansonni 200 ol turan eessa akka jiran akka hin beekneefi takka takka ambulaansonni badanii akka argaman ni himu.
Fakkeenyaaf Naannoo Amaaraa Kaaba Wallootti, akkasumas Gondaritti ambulaansonni badanii deebifamuu isaanii himan.
Lafa rakkoon nageenyaa jiru Fannoon Diimaa kan miidhame kaasuu, kan beela'e sooruu, maatii waliin walitti fiduurratti hojjeta.
Waldichi lafa waraanni jiru deeggarsa namoomaa geessuus haalonni waraana gidduu yoo eeyyamame malee akka hin seenne taasisan jiraachuu dubbatu.
Dhaabbanni Qaxxaamura Diimaafi Addeessa Diimaa biyyoota addunyaa 192 ta'an keessatti deeggarsa namoomaa ni taasisa.
Waldaan Qaxxaamura Diimaa Itoophiyaa tola oltoota kuma 45 leenji'an dabalatee walumaa gala tola ooltota kuma 200 ol akkasumas miseensota miiliyoona jaha ol akka qabu dhaabbatichi ni ibsa.