Saatalayitiiwwan SpaceX 40 ta'an furguggifamanii guyyaa tokko booda dambalii ho'a aduu hammaateen barbadaa'an

Madda suuraa, Getty Images
Kubbaaniyyaan teeknooloojii qorannoo hawaa guddichi- SpaceX, saatalaayitoota hedduu erga gara hawaatti ergee guyyaa tokko booda dambalii ho'a aduu fi harkisa lafaa hamaadhaan gufatanii akka barbadaa'an ibse.
Saatalaayitiiwwan kunneen humna dambalii ho'a biiftuun erga sarara/siiqqee (Orbit) isaaniirraa harca'anii booda gubatan.
Dambaliin ho'aa/bakakkaan kun wayita dhohiinsi guddaan fuula qaama biiftuurratti uumamu kan mudatuudha.
Kubbaaniyyaan qabeenya biiliyoonara- Elon Musk kun, saatalaayitiiwwan 49 gara hawaa ergaman keessaa 40 kan ta'an haleelamaniiru jedhe.
Saatalaayitiiwwan kunneen wiirtuu tajaajila interneetii saatalaayitootaa- Starlink jedhamutti makamuun odeeffannoo waa'ee dachee fi kaan qindeessuuf turan.
Starlink dureessa Elon Musk-abbaa qabeenyaa SpaceXn kan qophaa'e yoo ta'u, innis saatalaayitiiwwan gara hawaatti ergamaniif tajaajila interneetii saffisaa ta'e kan kennuudha.
Teeknooloojiin kun qaaliidha, garuu faayidaansaa olaanaadha. Bakka shiboon interneetii tokkollee hin jirretti tajaajila interneetii kenna.
Saatalaayitiiwwan 49 kunneen lafarraa olka'iinsa kiilomeetira 210 irratti asii ol furguggifaman.
Erga torbee darbe gaafa Guraandhala 3 gara hawaa ergamanii booda imalli isaanii haalaan to'atamaa ture kan jedhe SpaceX, garuu guyyaa tokko booda rukutaman jedhe.
Ho'i bifa bakakkaan biiftuurraa ka'u rukkinni baqqaanota qilleensaa dachee haguuganii jiranii akkaan akka dabalu waan godhuuf humnisaa balaa guddaa fida.
"Meeshaan imala to'atu-GPS saatalaayitiiwwan duukaa ture akka agarsiisutti garmalee dabaluun dambalii ho'aa, hamma baqqaanota qilleensaa kan duraaniirraa dhibbeentaa 50 oliin dabaleera,'' jedhe SpaceX.
SpaceX saatalaayitiiwwan kun dhiibamanii akka hin kufneef yaalii gochaa ture, garuu hin milkoofne.
Humni saatalaayitiiwwan kunneen dhiibaa ture akkaan cimaa waan ta'eef, siiqqee(Orbit) isaaniirratti deebisuun hin danda'amne.
Saatalaayitiiwwan kunneen keessaa 40 kan ta'an gubatanii gara dacheetti kufuuf jiru jedhe SpaceX.
Dhaabbata Hawaa UK Hoogganaa Odeeffannoo Hawaa kan ta'an Jacob Geer, qaamni saatalaayitii tokkolle lafatti deebi'a jedhee hin eegu jedhan.
"Taateewwan akkanaa hawaa keessatti qormaanni baayyeen akka nama mudatu kan nama yaadachiisaniidha. Saatalaayitiiwwan toora isaan irra imalanitti deebisuun salphaa miti,'' jedhan.















