Saayinsiifi Tekinooloojii: Rookkeetii tokkichaan saatalaayitoota hedduu hawaatti erguutiin milkaa'ina haaraa galmaa'e

Furgugifamaa yeroo jirutti

Madda suuraa, SPACEX

Amma rookkeetii tokkichaan gargaaramanii saatelaayitoota hedduu gara hawwaatti erguurratti rikkoordiin haaraan galmaa'eera.

DHaabbanni SpaceX jedhamu yeroo tokkichatti saatalaayitoota hedduu rokkeettii tokkoon gara hawaatti erguu danda'eera.

Rokkeettii SpaceX Falkan jedhamtu saatalaayitoota bocaafi hangi isaanii garaa gara ta'e 143 fe’achuun Ameerikaa kutaa Filooredaarraa gara hawaattii furguggifamte.

Kanaan dura saatalaayitoota 104 rokkeettiin Indiyaa bara 2017 s’ia tokkotti baachuun kan furguggifamte fooyyeessuun danda’ameera.

Kun jijjiramni caaseffama haaraan qorannoo hawaa keessatti qooda fudhattoota hedduu hirmaachisu hojiirra oolfamuusaaf ragaadha jedhameera.

Jijjiramni kun kan dhufuu danda’e, hanga saatalaayitoota kanaa xiqqeessuu, gatiin waantota irraa hojjatamanii gadii xiqqaachuu.

Harka caalaan saatalayitoota kanaa qabiyyeesaanii bilbila harkaa ismaart ta’an irraa kallattiin kan fudhatame ta’uun isaanii, namni kamuu dizaayinii saatalaayitii ga’umsan hojjachuuf ka’umsa ta’a jedhameera.

SpaceX saatalayitoota kana gara Orobiitiirra qubsiisuuf doolara Ameerikaa miliyoona tokko kan gaafate yoo ta’u, carraan daldalaa kun garuu banaa ta’eetu itti fufa jedhamee eegama.

Ispees eksi saatalaayitoota heddu yeroo tokkichatti gara hawaatti erge

Madda suuraa, SWARM

Ibsa waa'ee suuraa, Ispees eksi saatalaayitoota heddu yeroo tokkichatti gara hawaatti erge

SpaceX ofisaatiifuu saatalayitoota 10 rokkeettii Falkan jedhamurrraa kan qabu wayita ta’u, kan tibbana furguggifaman saatalaayiitoota tajaajila telekoomii Istarliikiif fayyadanitti dabaluun, tajaajila intarneetii biroodbaandii addunyaarratti kennuuf kaampaanicha fayyadudha.

Dhaabbanni Saanfiraansiskoo Pilaanet jedhamu saatalaayitoota rookkeetti tokkichaan furguggeefaman keessa lakkoofsaaan hedduu qaba, saatalaayitoota 48 hawaatti ergateera.

Saatalaayitoonni moodeela haaraa Suppar doov jedhu qaban kanneen ergaman keessa jiru. Saatalaayitoonni kun suura dirraa lafaa qulqullinaa olaanaa qaban; hamma rizolushinii miliyoona 3-5M qaban kaasuu akka danda’an eerameera.

Saatalaayitonni Suppar doov jedhaman amma saanduuqa kopheen keessa kaa’amuu gahu.

Saatalaayitoonni heddduun isaanii shinii bunaa xiqqoodhuma caalu. Haata’u malee, muraasni isaanimmoo kitaabarra xiiqqaatu.

Hammii saatalaayitootaa ittuu tiqqaachuu deema.

Teeknoloojiin moggaasa maqaa kanniisota hawaa ykn ‘SpaceBees’ jedhamuu saatalayitoota hamma seentimeetira 10, 10sm, fi 2.5sm qaban dhiyeessuuf adeemsarra jira.

Volkaanoo Guwaatamaa, Saanta Mariyaa saatalaayitii Suppar dooviin kaafame

Madda suuraa, PLANET LABS INC

Ibsa waa'ee suuraa, Volkaanoo Guwaatamaa, Saanta Mariyaa saatalaayitii Suppar dooviin kaafame

Saatalaayitoonni raadaariif oolan gurguddoo ta'an toonii hedduu ulfaataniifi balaliisuuf maallaqa doolaara Ameerikaa miliyoonaatti lakka’amu barbaachisuudha. Kanaafuu, dhaabbilee hawaafi waraanaa gurguddoo qofatu qabaachaa ture.

Amma garuu waantoota irraa hojjachuun baramu fi hammii isaanii kg 100 gaditti gadi hir’isuun danda’ameera. Gatiin isaanimmoo doolaara miliyoona muraasarra jira.

Fiinlaadirraa Iceye, Kapellaafi Umbiraan US irraa, iQPS immoo Jaappaan irraa Dilbata darbe kanneen saatalaayitiisaanii orbitiitti ergan keessatti argamu.

Rookkeettiin Falkaan saatalaayitoota 143 baatu km500 ol baasuun, karaa bantii lafaa tokkoorra kan birrattii marsuu danda’anitti olbaasee gadhiise.