Dirooniiwwan haala waraana addunyaa jaarraa kanaa geeddaran

Xiyyaaroonni waraanaa nama-malee (dirooniiwwan) tibba tokkoo harka biyyoota guddatan qofaa turan, ammaan tana sadarkaa harka biyyoota hundaa galan jechisiisu irra gahameera.

Diroonniiwwan meeshaalee waraanaa ammayyaa kunneenis motummoota xixiqoorraa kaasee riphee loltoonni illeen itti fayyadaman waan ta'eef haala waraanaa geeddaraniiru.

Bara waraanni addunyaa lammaffaan gaggeeffameetti taankiiwwan sibila cimaa uffatan waraana lafoo keessatti gahee olaanaa kan bahanii turan yoo ta'u, bara ammaa keessatti argamnuutti ammoo diroonniiwwan dirree waraanaa irratti meeshaa waraanaa murteessoo dursaan eeraman ta'aniiru.

Waggootaan dura Ameerikaan riphee loltoota ittiin adamsuuf jecha yeroo jalqabaatiif Afiigaanistaan, Iraaqiifi eddoowwan biraatti faayyidaarra kan oolchite xiyyaarri nama-maleessaa AQ-1 Reaper jedhamu yeroo sanatti meeshaa ammayyaa jedhamee ture.

Xiyyaarriiwwan nama-maleeyyiin jalqabarratti riphee looltoota adamsuuf qilleensa irraa basaasuu hojjataman kunneenis, sadarkaafi barbaadamummaansaanii kan dabale ammoo erga miisaa'eliin 'Hellfire' jedhamu itti hidhamuun haleellaa raawwachuuf bobbaafameen booda.

Itti aansee ammoo dirooniin Reaper jedhamu haala haleellaa raawwachuu danda'uun hojjatamuun dirree waraanaatti bobaafame. Dirooniin kunis kan duraa irraa addaa kan ittiin ta'e, dandeettii meeshaa lee waraanaa ulfaataa baachuu fi miidhaa olaanaa qaqabsiisuu danda'usaatiin.

Kanaanis Ameerikaan diinoota ishee barbaadduu bakka kamiifi yeroo kamiittu haala hin eegamneen xiyyeeffannoo keessa akka galchisuuf dandeessiseera.

Waggoota lamaan dura Baagdaadi keessatti kan ajjeeffaman Jeneraalli Iraaqi Jeneraal Qaasiim Suleemaan irratti haleellaan kan raawwatame dirooniidhuma Reaper jedhame kanaan akka ta'e amanama.

Tibba tokkoo diroonootatti fayyadamuun haala kanaan adamsanii haleellaa raawwataa kan turan irra caalaa Ameerikaafi Israa'el kan turan yoo ta'u, yeroo sanattis bara diroonniiwwan waraanaa itti fayyidaarra oolfaman bara jalqabaa jedhamu danda'ama.

Haata'u malee haalliiwwan saffiisaan geedaramuun qaamoonni baayyeen diroonniwwan waraanaaf fayyadamuun meeshaan waraanaa ammayyaa haaraan jalqabame.

Kanaanis xiyyaaroonni nama maleeyyii (dirooniiwwan) farra shororkeessummaa fi riphee loltoota adamsuuf itti fayyadamamaa turan, amma tajaajjilliisaanii bal'achuun waraana idilee irratti hirmaachu eegalan.

Jaarraa teeknolojiin itti fooyya'aa adeemaa jiru kanattis dirooniiwwan haala kana waliin adeemuun ammayyoomfamaa faayidaarra oolfamaa jiraachusaanitiin alatti, meeshaalee waraanaa kaan waliin ta'unis bu'aa qabeessummaansaanii guddachaa jira.

Gara fuula duraattis kana caalaa hammayyeeffamuun isaanii kan hin hafneedha.

Diroonii AQ- 9 Reaper

  • Fuldura irraa kaameeraa, qaama jalaa irrattis kaameeraa fi meeshaa sochi adda baasuu
  • Eegee V fakaatuuf qilleensa irratti madaala eeguuf gargaaru
  • Akka xiyyeeffannaa isaa sirriitti rukuutuuf miisaa'eelootaa fi boombiiwwan GPS ykn cararaan hogganaman fayyadama.
  • Dheerina meetira 10.97 qaba
  • Ol ka'uumsa meetira 3.66 qaba
  • Bal'inni baalaallaa isaa meetira 21.12
  • Saffiisi isaa olaanaan sa'aatiin km 463 balalii'a

Waraanawwan bu'aa qabeessuummaan haleellaa diroon ittiin dhiheenya kana mul'ate keessaa tokko waraanaa motummaa itoophiyaafi finciltoota TPLF jidduutti gaggeeffamee tureen yoo ta'u, waraana kanarrattis gama motummaa Itoophiyaatii diroonii gahee olaanaa baheera.

Motummaan Itoophiyaa dirooniiwwan waraanaa Turkiifi Iraanii irra bituun kan himame yoo ta'u, karaa UAEn ammoo xiyyaaroota nama-maleeyyii Wing Long-2 jedhaman Chaayinaa irraa argachuunisa gabaafameera.

Haaluma walfakkaatunis UAEn wal waraansa Liibiyaa lubbuu namoota hedduu galaafate keessatti michuu ishee kan ta'e Jeneraal Khaalifaa Haaftaarifis akkasumas dironiiwwan Chaayinaan oomishaman hidhachiifte jirti.

Waraanawwan bara kana keessaa raawwataman keessatti diroonniiwwan waraanaa gahee olaanaa akka bahan Liibiyaafi Azaarbaajaan kanneen dursaan eeraman keessayi.

Motummaa Liibiyaa kan Tiriipooliitti argamuufi deeggarsa hawaasa addunyaa qabu kufaatii irraa oolchuu keesatti dirooniiwwan gahee bahan qabu ture.

Kana malees bara darbe Ameerniyaafi Azaarbaajaan jidduutti sababii kutaan bulchiinsa Naagorinokaaraanaah naaf ta'a jedhuun wal waraansa gaggeefameen, Azaarbaajaan sababii dirooniiwwan Tarkiin hidhachiifteen olaantummaa argattee jirti.

Haleellaawwan dirooniiwwaniin gaggeeffaman kan gaaffii seeraafi hamlee wal xaxaa irratti ka'uudha. Bu'aa qabeessummaansaa haleellaan dirooniiwwaniin raawwatamu kan madaalamu odeeffannoon dhiyaatuuf sirrii ta'usaarratti hundaa'a.

Haala fayyadama diroonii irratti waliigalteen yeroo dhihootti kan raawwatamu ta'u baatuulleen, Ameerikaan garuu dirooniiwwan waraanaa hammayyaa harkaa qabdu michoota ishee itti dhiyaatan yoo ta'e malee warra biraatti dabarsite kennuuf heyyamamtu miti.

Biyyoon diroonnii oomishaan kaan garuu oomisha saanii warra kaaniif dhiyeessuuf gargaagarummaa akkasii hin kaa'an.

Yeroo ammaa dirooniiwwan 100 caalan harka biyyootaa fi gareewwan addunyaarra jiranii kan jiran yoo ta'u, kaan ammoo dirooniiwwan meeshaa waraanaan dabaalaman argachuuf carraa argachaa jiru.

Giddugala 'New American Security' jedhamutti daarektara qorannoowwanii kan ta'an Pool Shaaree dirooniiwwan harka fayyadamtoota hedduu seenuun isaanii akkaan babal'ataa kan jiruudha jedhan.

"Chaayinaan diroonii gurguruun addunyaarratti dursaa jirti. Yeroo ammaa diroonii kan oomishaa jiran kanneen humna waraanaa jaboo ta'an qofa miti. Biyyoonni akka Iraan fi Tarkii akkasumas biyyoonni baha giddugaleessaa hedduun diroonii oomishuun biyyoota kaanitti gurguraa jiru,''jedhan.

''Dirooniiwwan tajaajila daldalaaf oolan salphaatti kan argaman yoo ta'an, namni kamuu maallaqa qabaannaan dirooniiwwan kunneen bitee meeshaa waraanaan dabaaluun haleellaaf itti fayyadamuu danda'a. Gareen shororkeessummaa raawwatan dirooniiwwan kunneen fayyadamu.''

Xiyyaaronni osoo namni balaliisin ofiin balali'an, biyyoonni hedduun humna qilleensaa akka qabaatan gochuun haala waggoota muraasa dura ture geeddaraniiru.

Haala Kanaan mootummaa fi gareewwan hedduun haleellaa qilleensaa raawwachuuf karaa salphaa argataniiru.

"Teeknooloojii dijiitaalaan deeggaramuun sakatta'iinsaa fi hordoffii gaggeessuu akkasumas qaama isaan hordofaa jiru dafanii baruun haleeluu danda'u. Dirooniiwwan kunneen loltoota lafoof yaaddoo hamaa ta'aniiru,'' jedhan Pool Shaaree.

"Siiriyaa keessatti dirooniiwwan Raashiyaa argaman haala jiru hordofuu fi to'achuun, meeshaaleen gurguddoon Raashiyaa iddoo qiyyaafatan akka rukutan gargaaraniiru,'' jechuun xiinxalaan dhimma Raashiyaa Saamu'el Beendeet ni himu.

Yeroo ammaa dirree waraanaa hedduutti dirooniitti wayita fayyadaman ni argama, maaliif dirooniiwwan dura dhaabbachuun dadhabame?

"Dirooniiwwan hedduun xiyyaarota waraanaa Kanaan duraan yoo walbira qabaman qaamni isaanii akkaan xiqqoodha. Kanaafuu sochiisaanii to'achuuf meeshaa addaa barbaachisa,'' jedhan Pool Shaaree.

Dabaluun,''dirooniiwwan kunneen lafatti gadi dhiyaachuun waan balali'aniif, sirna to'annoo balaliinsa qilleensaan qolachuun rakkisaadha,'' jedhan.

Yeroo ammaa biyyoonni hedduun sirna ittiin diroonii qolatan diriirsaa, meeshaa ittiin to'atanis oomishaa waan jiraniif Kanaan booda teeknooloojiin diroonii to'atu as ba'uu mala.

Dirooniiwwan haleellaa geessisan gatiinsaanii rakasa waan ta'eef, heddumminaan bitamanii qilleensatti bobbaafamuun kallattii hedduurraa haleellaa raawwatu, wayita kana haleellaa kana fashalsuun ni ulfaata.

Kanaafuu meeshaa farra-diroonii waraanaa oomishanii baasuun addunyaaf hoji-manee guddaadha.