Itoophiyaan Diroonii Iraan fayyadamuu US qoqqoobbii haaraa Iraan keessatti ibsite

Mootummaan Ameerikaa dhaabbileefi namoota dhuunfaa sagantaa misooma xiyyaarota nama maleeyyii(Unmanned Aerila Vehicle) yookaan Diroonii Iraan ofiifi Itoophiyaa dabalatee michoota isheef kennituun nageenya goolte jechuun qoqqobbii kahe.

Waajira Qabeenyaa US'tti muummeen to'annoo qabeenya alaa miseensota kaampaniiwwan hidhata walii qabaniifi namoota dhuunfaarra qoqqobbii kan kaahe xiyyaarotni waraanaa nama maleeyyiin Iraan kun nageenyaafi tasgabbii idila addunyaa jeequ sababa jedhuuni.

Sagantaa 'Unmanned Aerila Vehicle'(Diroonii) gartuun waraanaa Iraan Iran's Islamic Revolutionary Guard Corps fi qaamoleen biroon dirooniwwan waranaa hojjetaniin, Iraan mataan ishee fi kan isheen deeggartu gartuuleen akka Hizboollaa, Hamaas, Kataa'iib Hizbollaa, Huuttii fi qaamoleen kaan itti fayyadamaa jiruu jedha ragaan mootumma US.

Qaamolee kanaan dabalataan xiyyaaronni waraanaa nama maleeyyiin(dirooniiwwan) Iraan ''Itoophiyaa kan waraanni naannicha guutuu gooluuf yaaddoo uumee jiruufis kennamee rakkinichatti yaaddoo dabaleera'' jedha waajirri qabeenyaa US ibsa baase keessatti.

''Raabsi Dirooniiwwanii Iraan naannoo adda addaatti gootu nageenyaafi tasgabbii addunyaaf yaachisaadha. Iraaniifi michootni ishee dirooniitti fayyadamuun humnoota US, michoota keenyaafi geejiba galaanaa idila addunyaa rukutaa jiru'' jedhan Hoogganaa Itti aanaan Waajira Qabeenyaa US Waalii Adiyeemoo.

Itti dabaluunis gocha ishee gaafatama hanqatuufi hammaataa ta'eef gaafatamtuu akka taatu ni goona jedhan.

Itoophiyaa keessatti Sadaasa 4 humnoota mootummaa federaalaa fi hidhattoota TPLF gidduuttii waraanni erga eegalee mootummaan Itoophiyaa waraana kana keessatti dirooniiwwan fayyadamaa akka jiru himamuus omisha biyyoota kamii akka ta'an ragaan gahaan hin argamne ture.

Dhiyeenya kana Itoophiyaan xiyyaara waraanaa nam-maleessa (Drone), Bayraktar TB2 jedhamu kan oomisha Tarkii ta'e bitachuuf gaaffii dhiyeessuu Rooyitarsi maddeen eeruun gabaasee ture.

Mootummaan Itoophiyaa dhimma fayyadama Diroonii ilaalchisee ifatti ibsi kenne hin jiru.

Mootummaan US qoqqobbii haaraa sababa Dirooniiwwan waraanaa Iraan irratti kaahe qaama duula farra shororkeessummaa ta'uus beeksiseera.

Hoogganaan gartuu waranaa 'Iran's Islamic Revolutionary Guard Corps'(IRGC) Birgaadiyeer Janaraal Sa'iid Aghaajaanii, haleellaa doonii bara kana naannoo qarqara qaama galaanaa Oomaanitti raawwateefi haleellaa diroonii Saawdi Arabiyaatti buufata boba'aa qulqulleessurratti bara 2019 raawwate keessaa qabu jedha mootummaan US.

Dhaabbilee oqqobbiin US kun irratti xiyyeefate keessaa tokko kaampanii biyya Iraan Kimia Part Sivan jedhamuudha.

Kaampaniin kun humna waraanaa addaa Iraan (IRGC) keessatti damee omisha dirooniiwwan waraanaa waliin hojjeta jedhameera. Kaampaniin kuun yaalii balalii diroonotaa fi deeggarsa teeknikaa kennuun qoqqobame.

Kaampaniin biraan biyyattii Abdollah Mehrabi and Oje Parvaz MadoNafar jedhamu dha. Kaampaniin kun injiinii xiyyaarota waraanaa nama maleeyyii bituun damee humna qilleensaa waraana biyyattiif dhiyeessa jedhameera.

Hoogganoonni kaampaniiwwan kanaas qoqqobbiin irra kaahameera.

Mootummaan Ameerikaa qabeenyii namoota dhuunfaafi dhaabbilee kanaa kan buulchiinsa isaa jala jiru akka ugguuramu ajajeera. Lammiileen Ameerikaas dhaabbilee kanaaf namoota dhuunfaa waliin hariiroo daldalaa kamuu akka hin qabaanne labseera.

Dhaabbileen maallaqaa biyya alaas beekaniis ta'e osoo hin beekiin dhaabbilee fi namoota dhuunfaa qoqqobaman kanaaf haala mijeessan qoqqobbiif saaxilamuu malu jedha mootummaan Ameerikaa.