Hundeessaan sochii ‘Itoophiyaan yaa dubbistu’ fi 'Gootni CNN' Yohaannis Woldagoorgis eenyu ture?

Obbo Yohaannis Walda Goorgiis

Madda suuraa, Glenn Asakawa

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Yohaannis Walda Goorgiis mana kitaabaa socho'aa hundeessuun Itoophiyaan haa dubbiftu duula jedhuun beekamu

A L I Amajjii 10, 2014 addunyaa kanarraa du’aan kan boqotaniifi yeroo tokkotti “Gota CNN’ [CNN HERO] jedhamurra kan ga’an Obbo Yohaannis Woldegoorgis, namoota hedduu biratti mana kitaabaa harreen harkifamu hundeessuu isaaniin yaadatamu.

Yeroo sanatti Obbo Yohaannis, daa’immaniifi dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojjechuu isaanii guddaa jajamaniiru.

Biyya keessatti badhaasafi beekkamtii argachuu dabalatee US, Yunivarsitii Riijis irraas badhaasa dooktireetii kabajaa argataniiru.

Miidiyaa idil-addunyaa ‘CNN’ irrattis baadhasa “Gootota CNN’ jedhamuun addunyaa maraatti dorgomsiifamuun kennamus badhaafamaniiru.

Guddina isaanii

A L I bara 1940tti Nagallee Booranaatti dhalachuu isaanii kan himan Obbo Yohannis, yeroo mana baruumsaa seenanitti kiitaba dubbisuuf fedhii qabaatanis kitaabni akka hin turre himaanii ture.

Yeroo kutaa 6ffaa ga’an garuu kitaaboota barnootaa muraasa argachuu danda’an. Jaalalli kitaabaaf qaban yeroo kana eegale.

Waggaa saddeet dura qoophii TEDxAthens jedhamu irratti haasaa taasisaniin, “yeroo kanarraa eegalee natti fakkaata jalaallifi hidhati ani kitaaba waliin qabu caalaatti guddachuu kan jalqabe,” jechuun dubbatanii ture.

Obbo Yohaannis feedhiin kitaaba dubbisuuf qaban akkam akka ture yeroo dubbatanitti, “barumsa sadarkaa lammaffaa ergan xumuree booda, gara humna waraanaa galaanaa yeroos turen seene.

Wiirtuu leenjii keessas kitaabota kumaatamaan lakka’aman argachuun danda’e. Utuu hin filatiinis kitaabota qabiyyee adda addaa qaban dubbisuun eegale,” jechuun himanii turan.

A L I bara 1980’n keesaa biyyaa ba’uun Obbo Yohaannis Ameerikaa keessa jiraachuu eegalan. Achittis Saayinsii Mana Kitaaba barachuun gara kayyoo isaanii addunyaa kitaabaatti seenan.

Gara galaanaa kitaabolee…

Obbo Yohaannis barnoota Saayinsii Mana Kitaabaan erga eebbifamnii booda, manneen kitaabaa gurguddoo keessatti qacaramanii hojjachuuf carraa argataniiru.

Yeroo muraasa erga hojjatanii booda, manneen kitaabaa kunneen keessa kitaabotni afaan 70 oliin barreeffaman jiraatanis, afaanota Itoophiyaan kan barreeffaman garuu argachuu akka hin dandeenye hubatan.

Obbo Yohaannis maalif hin jiru gaaffi jedhu kaasuun qofa irra darbuu hin feene.

Gaaffii kana bulchiinsa maneen kitaabaaf dhiyeessuun, baajatii doolara 1,200 ramadameefii, kitaabota Itoophiyaaf bitanii mana kitaabichaa akka galchaniif eeyyamameef

Gatii xiqqaa kanaan kitaabota Itoophiyaa irraa bibbitanii gara Ameerikaatti geessuufi mana kitaaba keessa galchuuf waan hin danda’amneef, kitaaba ofiisaanii maxxansiisuuf murteessan.

Yaaliifi dadhabbii boodas, mataduree “Silly Mamo” jedhuun Afaan Ingiliffaan kitaaba barreessanii maxxansiisan. Boodarras kitaabni kun mataduree “Maammoo Qiiluu” jedhuun Amaariffatti hikamee dhiyaateera.

“Itoophiyaan haa dubbistu”

Obbo Yoohannis daa’immaniifi dargaggoonni kitaabota mana barnootaatti dhiyaatuuf qofa osoo hin taane kitaabota mataduree adda addaa barsiisan dubbisuu akka qaban amantaa isaanii ture.

“Hariiroon daa’imman, aadaa, namootaa, daa’imman biroo fi addunyaa bal’aa waliin qaban kan cimuu danda’u, kitaaba isaan dubbisan bu’ura godhachuuni,” jedhu ture Obbo Yohaannis.

Gurgurtaa kitaaba isaani ‘Silly Mamo’ fi gargaarsaan maallaqa argatan qabatanii A.L.A 1998’tti sochii “Itoophiyaan haa dubbistu” jedhu eegalani.

Dhaabata mit-mootummaa sochii isaanii kana gaggeessuunis, Itoophiyaatti deebi’anii mana jireenyaa isaanii keessatti mana kitaabaa banuun, kitaaba dubbisiisuu eegalani.

Manni kitaabaa Saan Firaansiskoo isaan tajaajilaa turanis, sochii isaanii kanaaf kitaaboota kuma 15 isaaniif gumaache.

Hiriyyaa Obbo Yohaannis kan ta’an, barsiisaa, afaan hiikaa fi barreessaa kan ta’an Obbo Birhaane Achaame, “ Itoophiyaatti deebi’ee manni kitaabaa inni mana jireenyaa isaa keessatti bane daa’immanii fi dargaggoota kan tajaajilu ture,” jedhu.

Sochiin isaanii kun yeroo gabaabaa keessatti baayyee beekkamti waan argateef, namoota hedduu tajaajiluuf kutaaleen mana isaanii waan dhiphataniif mooraa isaanii keessa dukkaana buusuun tajaajila kennuu itti fufan.

Mana kitaabaa harreen harkifamu

Dhaabbata hundeessan kanaan kitaabota adda addaa hedduu bituu fi gargaarsaan walitti qabuun, manneen kitaabaa biyyattii keessa jiran hedduuf gumaacha taasisaniiru.

Dabalataanis nannolee baadiyyaa Itoophiyaa maneen kitaabaa hin qabneef, mana kitaabaa harreen harkifamu qopheessuun barattootaaf dhiyeessuu eegalani.

“Harreen hawaasa keenyaaf keessumaa nannoo baadiyyatti bineensa iddoo guddaa qabudha. Tajaajila adda addaa waan kennanii fi bayyinaan waan argamaniifidha, mana kitaabaa hariksaa tajaajila akka kennan kanan godhe,” jechuun qophii TEDxAthens irratti dubbatanii kan turani Obbo Yohaannis, tajaajila kanaan kitaabota gosa adda addaa dhiyeessaniiru.

“Tigraay yaa dubbistu, Tigaaraay yaa guddattu”

Waggaa 13 dura turtii barruulee Taadiyaas Addis waliin taasisan irratti, bara 2002 fi 2009 gidduutti maneen barnootaa 16’f mana kitaabaa ijaarsisuu akka danda’an ibsanii ture.

Kitaabota daa’imannii adda addaa maxxansiisuu isaaniin dabalata, waggootii 7 kunneen kessatti kitaabota kuma30 ol akka raabsaniis himaniiru.

“Daa’iimman kitaaba ga’aa argachuun beekumsa akka argataniif feedhii guddaa qabu ture,” kan jedhan Obbo Birhaane, bara 2002’tti gara Tigraayitti imaluun mana kitaabaa manneen barnootaa adda addaa keessa jiraniif gargaarsaan dhiyeessuu isaani himu.

“Manneen barnootaa Maqalee jiran, Dabrii, Fire-Siwu’ataa fi Maaylihaam jedhamaniif gumaachaniiru. Nannoo namootni waraanaan qaamni isaanii hir’ate jiraatan Sifraa Jagaanuu jedhamuttis, mana kitaabaa harreen gotatamu dhiyeessuun, daa’imman naannichaa akka dubbisan gochaa turani,” jedhu Obbo Birhaane.

Dabalataanis mana kitaabaa uummataa daa’immanii fi dargaggootaaf tajaajila kennu ‘Saganaat’ jedhamu hundeessaniiru.

Beekkamtiifi badhaasa

“Badhaasa gootata CNN jedhamuuf addunyaa guutuurra kaadhimamtoota kuma 3 waliin dhiyaatani. Dhuma irratti badhaasa kana injifachuu kan danda’an garuu Obbo Yohaannis dabalatee namoota 10 qofa turani.,” jedhu Obbo Birhaanee.

Dabalataanis kitaabni isaanii ‘Silly Mamo’ jedhamu A.L.A bara 2003’tti ‘Badhaasa kitaabaa daa’immanii Afrikaa’ jedhamu argateera.

Obbo Yohaannis dabalaanis miseensa kabajaa Waldaa Manneen Kitaabaa Ameerikaas turani.

Kitaaba isaanii ‘Silly Mamo’ dabalaataan Obbo Yohaannis, kitaaba ‘Tirhas celebrates Ashenda’ jedhamu barreessuun maxxansiisaniiru.