Baankii Kitaabaa kaayyoo aadaa dubbisuu dagaagsuuf hundeeffame

Kitaaboota sirnaan maqamanii

Madda suuraa, Getty Images

Barreessaa Indaalagetaa Kabbadaa jedhama. Hojiiwwan baayyee barreessuun qo'annowwan hedduulleen gaggeesseera.

Dhiheenya kanas Yunivarsitii Finfinneetti gosa barnootaa Foklooriin digrii sadaffaa isaa argateera. Asoosamawwan gaggabaaboo, dheeraa fi kitaabota walaloo 13 maxxansee uummataan gaheera.

Kitaaboliin qorannoodhaan qophaa'an dhamaatii isaa warreen agarsiisan keessaati jedhamuunis leellifameera.

Barreefamoota mata-duree garaagaraa irratti xiyyeeffatanis sab-himaalee adda addaa irratti ni maxxansiisa.

Amma ammoo Itoophiyaa keessatti kana dura kan hin baramne Baankii Kitaabotaa 'Zaagool' jedhamu hundeesseera.

Baankii Kitaabaa hundeessuun maaliif?

Baankiin kitaabaa kun erga hundaa'ee ji'a jahaa ol kan lakkoofsise yoo tahu, kaayyoon isaas naannoolee biyyattii hunda keessatti hundatti aadaa kitaaba dubbisuu dagaagsuudha.

Hanga ammaattis kitaabota kuma saddeeti ta'u kutaa biyyattii baay'eetti rabseera.

Baankiin Kitaabaa Zaagool kunis kitaabota qaamololee adda addaa irraa walitti qabuufi maallaqa arjoomaan argatuun kitaaba bituun, manneen kitaabaa namoota dhuunfaan hundeeffaman dabalatee, manneetii barnootaa oolaanoo mootummaaf rabsa.

Indaalageetaan kitaabota walitti qabee manneenni sirreessaafi manneen barnootaaf kennuun beekama.

''Baankii kitaabaa kana adda akan taasisuu waajira dhaabbataa kan qabuufi hojjataa dhaabbataa kan baasii fi human barbaadu ta'usaati. Namoonni dubbisaan attamiin akka hubatan nan beeka. Kan hubate ammoo waan hojjatu ni beeka.

''Waan raawwatan beeku taanaan immoo itti gaafatamummaan itti dhagahama, warreen kunneen ammoo biyyaaf ni fayyadu,'' jechuun dhimma baankiin kitaabaa Zaagool akka hundaa'u sababa tahe ibsa.

'Sammuu gabbisuu - kaayyoo Baankii Kitaabaa Zaagool'

Barreessaan kunis galii kitaaba asoosamaa isaa mata-dure Zaagool jedhamu gurguree argateen mana kitaabaa bane kaffaltii xiqqoodhaan tajaajila dubbisaa kennaa ture.

Gochaa isaa kana warreen argan ''nu biratti yoom mana kitaabaa banta?''jechuun gaafachuu akka jalqaban ibsa.

Kanumaan kitaabilee guuruun manneenni sirreessaa dabalatee iddoowwan garaagaraatti akka ergaa ture himuun, haalumti kun maaliifan haala dhaabbataa ta'een hinhojjannee yaada jedhu akka keessatti uumee dubbata.

''Akkuma dhaabbilee tola oltummaa kan kufan kaasan, kan dhukkubsatan wallansiisa, maanguddoofi ijjoollee maatii hinqabne fudhee guddisu sanaa kan sammuu gabbisuu irrattis hojjatu ni barbaachisa,'' jedhu Dr Indaaageetaan.

Yaada qabachuunis dhaabbata tola oltummaa maneen kitaabaa cufaman saaqisiisu, bakka hinjirreetti kan hdaabuufi miira kitaa duubbisuu kan jajabbeessuu hundeessuuf murteessu ibsa.

Ka'umas kanaanis Baankii Kitaabaa Zaagool hundeeffamme.

Akka hundeessaan baankii ktaabaa kun jedhaniitti jalqaba yaadni ture namoota tajaajila dubbisaa kennaniif deeggarsa taasisuu ture.

Booda garuu erga manneen barnootaa mootummaa olaanoo keessatti dabalatee hirrinni kitaabaa jiru waan hubateef yaadaa isaa geedaru hima.

Kanarraa ka'unis manneen kitaabaa manneen barnootaa baadiyaafi magaalaatti argamaniif kitaaboota deeggarsaan kennuu hima.

Hanga ammattis kitaabolee arjomtoota irraa argatan Jimmaa, Awaash Malkaasaa, Dabra Birhaan dabalatee naannoolee biyyattii adda addaa keessatti raabsuu dubbata.

Kana malees, manneen kitaabaa eddoowwan biyyattii garaa garaatti akka hundeeffamaniifi mootummaafi dhaabbilee mit-mootummaa, abboottii qabeenyaafi kaan kakaasuudha jedha. Manneen kitaaboolee hundeeffamanis maqaa haaluma bakka dhaloota barreessitotaanii mata-duree kitaabootaan moggaafamas jedha.

Adeemsa bankiichaa manneen kitaabaa milkaa'aaf beekkamtii kennuu

Baankiin Kitaabaa Zaagool kunis haaluma karoorasaa baatiiwwan itti hundeeffame jahan keessatti tokko tokkoo manneen kitaabaa biyyattii keessatti argaman 40f kitaaboota 200- 300 keennuuf qabateetiin, hanag jalqaba baatii Hagayyaatti 32f kennaa kennuu Dr Indaalageetaan ni dubbatu.

Akkasumas baankichi manneen kitaabaa haala kennaatiin kitaaboolee kenneef kanneen irratti hordofii kan taasisuu ta'us ni dubbatu. ''Fakkeenyaaf namoonni dubbisan akka baayyatan gochuuf yaalii taasiseera? Ijoolleen akka dubbisan taasisee immoo calliseetuma naqee olkaa'e? Kanaafi kan biraatiin wal madaalchiifna,'' jedhan.

''40 keessaa 12 caalmaa agarsiifaniif ummata fuuladurratti galateeffachuun kennaa kitaaboota 981 ni kenniina,'' jedhan.

Kitaabooleen 981 maaliif?

Barreeessaan kun kitaaboolee kanneen lakkoofsa Kanaan kennuun bu'uura seenaa qabachu dubbatu.

''Seenaa yoon dubbisu Atsee Teewidoroos Maqdallaa irratti kitaaboota 981 waliitti qabanii turan. Kitaaboleen kunneenis Faransaay, Ingiliziifi bakka biraatti bittinaa'aniiru. Kanaafuu motoota kitaaba irra hojjataa turaniif beekamtii kennuun barbaachisaa waan ta'eef lakkoofsa kana filadhe,'' jedhan.

Akkasumas manneen kitaabaa caalmaa agrsiisan 12 dabalataan kitaboleen 200 akka kennamaniif dubbatu.

Gama biraatiin ammo kitaaboolee ofii keenyaan hindubbifnee calsanii olkaa'uu manna warri kaan akka dubbisan gochuuf jecha gara naannooleetti akka ergan himu.

Kana malees qabiyyee kitaaboota raabsanii dursanii hubachuun akka kennanii dubbatu. Yoo kan afaan biraatiin barraa'ee ta'elleen namootaan dubbisiisuun hubachuun dabarsanii akka raabsan malee kitaabuma argame hunda akka hinraabsiine himu.

Nmoota kitaaba arjoomasi karaa toora telegraamii isaanitiin kan galateeffatan ta'u himu.

Gama biraatiin ammo namoota kitaaba baankichaaf arjooman eessa akka gahee baruu barbaadaniif sirni ragaan ittiin dhiyaatu jiraachus himan.

Adeemsa kitaabni kuma 8 ittiin walitti qabame

Baankiichi hanaga dhuma baatii Adooleessaatti kitaaboolee kuma 5 waliitti qabuun eddoowwan biyyattii garaa garatti kan raabse yoo ta'u, jalqaba baatii Hagayyaatti ammo kitaaboota kuma 3 akka geejiiban himan.

Ganna kana keessas kitaabolee kuma 10 walitti qabuuf karoorfachuun hojjataa jira.

Gaaffiilee 'deeggarsa kitaabaa nuuf taasisaa' jedhu hedduu dhiyaataaf jiraachu kan himan barreessaan kun, kun ammo baayyee gammachusaadha jedhu.

Waajira kanfalii malee kennuu kaasee, ''hojii nu ajajaa'' jechuun dargaggoonni haala garaa garaatiin baankicha deegaraa jiran jiraachus himu.

Hiriyyoonni barreessaa aknaa biyya alatti argamanis maallaqa walitti qabuun kitaaba bitanii ergaaf jiraachus ni kaasu.

Hanga ammaatti waajiraaf kiraa akka hinrakkannee kan kaase barreessan kun, garuu kitaaboota bakka barbaadamuun gahuufi hojjattootaa kanfaluun isuun raawwatamaa jiraachu hima.

Galiin baankii kanaas maallaqa gurgurtaa kitaaba Zagool asoosama dhiiraa irra deebiin maxxanfamee ta'u hima.

Isaan booda namoonni maallaqaan baankicha deeggaran ni dhufu jechuun abdachuu dubbata.