Naannoo Oromiyaa: ‘Sosochiin Dubbisaa’ jalqabame akka fiixa bahuuf maaltu taasifamuu qaba?

Mootummaan Naaannoo Oromiyaa ALI Muddee 4, bara 2014 irraa kan eegalu ‘sosochii Dubbisaa’ jalqabsiiseera.
Hoggaanaa Itti aanaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo Birhaanuu Guxee BBC waliin turtii taasisaniin naannichatti baatii haaraan yeroo jalqabu guyyaa afraffaan guyyaa dubbisaa ta’ee akka ooluuf murtaa’uu himan.
“Dhaloonni amma jiru kun faayidaa kitaaba dubbisuun qabu beekee akka itti gargaaramuuf yaadamuun sagantaan kun akka jalqabu kan ta’e.
''Guutummaa Oromiyaa keessattis guyyaa walfakkaataa kanatti eegalameera. Waan jalqabamee dhaabatu osoo hin taane waan itti fufiinsaan ta’udhas,” jedhan.
Guyyaan dubbisaa kun guyyaaa walfakkaataatti, bakka hundatti kan raawwatamu akka ta’es himan.
Hojjettoonni manneen hojii mootummaa, kan miti mootummaa fi manneen barnootaa keessattis ji’a ji’aan guyyaan dubbisaa kun guyyaa walfakkaataatti akka jiraatus himan.
“Mana Hojii mootummaa keessatti ji’a itti aanu guyyaan dubbisaa kuni gaafa gahu hojjetaan kamuu sa’aatii muraasa fudhatee kitaaba, Gaaazexaa yookan barreeffama biraa isa fayyadu dubbisa.
''Yeroon dubbisaa kuni sa’aatii tokkoo hanga afurii dheerachuu mala,” jedhan.
Manneen hojii mootummaa hundis akkaataa hojii isaaniitiif mijatuun sagantaa dubbisaa hojjettoota isaaniitiif kan qopheessan akka ta’es himan Obbo Birhaanuun.
Oromiyaaa keessa yeroo ammaa manneen kitaabaa 165 qofti jiraachuu kan eeran anga’aan kun, hojiin manneen kitaabaa babal’isuu itti aaansee kan hojjetamu ta’uu eeran.
Sosochiin dubbisaa amma eegalame kun fiixa bahaa?
Yiunvarsiitii Finfinneetti Barsiisaa Afaanii fi Hogbarruu kan tahan Qulqulluu Ijoo, yaanni uummata dubbisaaf dadammaqsuu kun gaarii ta'u himu.
Ta'us, akkaataa amma dura baratameen hojiin bifa duulaatiin jalqabamu yeroo hedduu fiixa hin bahu jedhu.
“Yeroo baay'ee wanti haala kanaan labsamu akkuma qufaa nama qabdee namarra darbituuti itti fufiinsa hin qabu.
''Osoo akkuma amma jalqaban kana karaa caaasaa hundaatiin namni akka kitaaba dubbisu itti fufiinsan hojjetamee itti fufiinsa ni qabaataa,” jedhan.

Raawwii isaa yeroo yeroodhaan qorachuun, hawaasa keessatti miira waldorgommii fi kaka’umsaa uumuun karaa miidiyaaleetiinis itti fufiinsaan yoo hin hojjetamne hojii duulaa ta’ee hafa jedhan Barsiisaa Qulqulluun.
Aadaan dubbisaa kutaa hawaasaaa hunda biratti laafaa dhufeera kan jedhan barsiisaan kun, barattoonnis qorumsaaf qofa yeroo itti dubbisanirra gahameera jedhu.
“Barattoonni qorumsaaf qofa dubbisu. Qorumsi dabarraan hin dubbisan. Hojjetaan mootummaas isa dur baratee hojiitti seene ni dagata. Akka Oromiyaatti ammoo miirri barumsaatuu kufee jira.
''Qormaata qofaaf dubbisama. Namni kitaaba hin dubbisne akka gaagura kanniisni keessa hin jirreeti. Homaa gatiin qabu” jedhan.
Aadaan dubbisuu yeroo kufaa deemu namni waaan beeku dagachaa waan deemuuf namni barate kan hin barannerraa adda hin ta’u jedhan.
Sosochiin amma Mootummaan Naannoo Oromiyaa jalqabsiise kuni karaa dhiheessii kitaabaa qabuun, hordoffii fi to’annaan taasifamee itti fufiinsa yoo qabaate jijjiirama fiduu akka danda’us himu.
Yeroo ammaa akkaataan itti fayyadama teeknolojii jiru namoota dubbisaniif carraa gaarii fideera.
Ta'us dhaloonni gara caalaa miidiyaa hawaasummaa fayyadamuurratti waan dabarsaniif aadaan dubbisuu haalaan gadi bu’eeras jedhan.















