Tarraakii፡ Appii kitaabaa seenessu

Madda suuraa, NAahom
Hundi keenya fiigicharra jirra, hojiifi jiruudhaaf fiigna. Fiigicha yeroof dhiifnetu mee meeqa keenyatu barreeffamoota dheeraa dubbisa?
Teeknoloojiin filannoo hedduu fideera; Tiktook, Inistaagiraamii, Tiwitara, Feesbuukiifi miidiyaalee hawaasa biroo kaaniif yeroo gahaa kennina otoo jennee, hundasaa waliin gahuuf umriin keenya guutuun nu gahaa laata?
Miidiyaalee hawaasaa tokkorra gara kan biraatti ceena. Yeroo heddu oduu mata-duree isaa qofa dubbisnee bira tarra. Viidiyoos guutummaasaa yeroo hedduu ilaalle hin xumurru. Kanaafuu 'share, comment, like' goonee bira tarra.
Barri teeknoloojii kun waanta nu dagachiise keessa tokko kitaaba dubbisuudha. Otoo jennu, yeroon isin kitaaba si'a xumuraaf dubbistanii xumurtan yoomi laata?
Maalumafu Naahomiifi Tsaggayeen kanaa falaa qabana jedhu. Naahomiifi Tsaggayeen waliisaaniif hiriyoota. Bilbila isaanii irraa akka salphaatti hin fagaatan ture.
Bara darbe weerarri koronaavaayirasii namoota hunda manatti wayita dachaasetti Naahomiifi Tsaggayeen kitaaba kitaaba dubbisuuf fedha horatan. Akka duraan baratametti dubbisuu hin feene.
Hiriyoonni lamaan kun apppilikeeshiniidhaan dhaggeeffachuu barbaadan. Dargaggoonni lamaan kun aappii 'Tarraakii' jedhamu hojjatan.
Nahoom kompiyuutar Inijinariingiidhaan eebbifame, hiriyaan isaa Abeel immoo Arkiteekcharii barachuun eebbifame.
Seenessa aappii Tarraakii
Aappii Tarraakii jedhamu kana namoonni 9,000tti dhiyaatan bilbila moobayilaa isaaniirratti buufataniiru.
Afaan Oromoo, Amaaraa fi Ingiliffaan kitaabota seeneeffaman ni qaba. Kitaabota asoosamaa, siyaasaa, seenaa, falaasamaa, tapha ijoolleefi kitaabota biroos ni qaba. Kana malees, poodkaastiiwwan of keessaa qaba.
Poodkaastiiwwan qabiyyee bashannaa, teeknoloojii, saayiinsiif amantaa qaban keessatti argamu.
Waltajjii guddaa Afrikaa daldalaan walitti hidhu 'Inter-Africa Trade fair'jedhamurratti barana Tarrakiin injifateera.
Argarsiisa daldalaa Afrikaa Kibbaa, Darbanitti dhiyeenya gaggeeffameeratti gama daldaltoota haaraatiin beekamtii argachuu isaanii Naahom BBCtti himeera.
''Barsiifanni kitaaba dubbisu gadi bu'eef fala barbaadna jennee aappii kana uumne,'' jedhe.
Daldalli, haasaafi dubbisni fi ta'iiwwan biroos gara bilbilaatti geeddaramaniiru-Kitaabotas garasitti dabaluun dirqama.
Tarraakiin sagaleen kitaaba dhiyeeessun qaroo dhabiyyeef yaadameti, Waldaa Qaroo-Dhabeeyyii waliin hojjata.
''Kitaabota Afaan Ingilizii barreeffaman lammileen Itoophiyaa barreessan qabna. Dhiyootti Afaan Tigireetiin eegalla.
Adeemsaan afaanota Itoophiyaan kaanis waliin gahuuf karoorsineerra,''jedha. Poodkaastiwwan, taphoota, walaloo fa'aan miidiyaalee hawaasarratti wayita bahan qabiyyeewwan yeroo yerootti bahaniin haguugamu, Tarraakiin garuu waltajjii idilee isaaniif kenna.
Naahom akkas jedhe:''Itoophiyaatti poodkaastiin Itoophiyaatti baratamaa erga dhufee guyyaa guyyaatti maamila argachaa jirra,''jedhe.
Waggaa tokko dura appii Naahoomifi Abeel jalqaban damee teeknoloojiifi seenessa kitaabaa qaba.
Kutaan seenessaa kitaaboota istuudiyootti sagaleen waraaban qabu.
Haqa-abbaa(copy right)
Kitaabota Itophiyaatti karaa Tarrakiin dhiyaatan barreessitoota wajjin waliigaluun mirga haqa-abbaa qabaatu jedhe Naahom.
Kitaabni tokko yeroo maxxanfame fi ulaagaleee biroo bu'uura godhachuun barreessaan kitaabicha keessaa gahee 30-65 ta'u argata jedhe.
Tarraakiin akkatti barreessitoota bira gahuufi barreessitoonni akkatti seenessitoota bira dhufaniif haala mijeessineera.
Aappii kanaan kitaaboota gurgurtaaf dhiyaatanirra bu'aan argamu ni qoodama. Kitaabonni muraasni appii kanarratti bilisaan yoo beeksisuuf bahan maallaqni itti hin kaffalamu.
Naahom''Itoophiyaatti barrrssitoonni bu'aa hojiisaanii gitu argataa hin jiran''jedha. Tarrakiin maallaqa hojii adeemsiftuu galii biraa irra argata.
Fuulduratti namootni appii kana fayyadamuuf wayita galmaa'aniifi karaa biraatiin appii kanaan bu'aa akka argatan Naahom kan amanu.
''Maarroo ittaanu dureeyyiin inveestimeenti kanarratti akka bobba'an affeerra,''jedhe.

Madda suuraa, Naahom
''Guyyaa guyyaatti 'audio-book' tokko na dhaggeeefadha,''
Tarraakii keessa kitaabonni durii fi haaraan jiru jedhe.
Kitaabota seenessuuf mijatoo ta'an gareen filatu jira. Sana booda barreessa irraa eeyyama gaafanna. Barreessitoonni Tarraakiirratti nuuf haa dhiyaatu jedhanis jiru.
Daraggoonni kun laman kitaabota gurgurtaarra jiraniifi barreefamanii garuu otoo hin maxxanfamiin hafan aappii kana keessatti dabaluuf karoora qabu.
Namoonni appii kana buufatanii kallattiin toora intarneetiirra dhaggeeffachuu danda'u, kitaabicha tuquun intarneetii dhaamsanii dhaggeefachuus ni danda'u.
Karoorri keenya biraan, waldaaleen qaroo-dhabeeyyii akka itti gargaaraman gochuudha.
''Qaroo dhabeeyyiin kan namni dubbisuuf caala bilbila isaanitiin yeroo fedhanitti, kitaaba fedhan akka dhaggeefatan gargaara.
Keessattuu kitaabota haaraa maxxanfaman ni argatu,''jedhe Naahom. Naahom guyyaatti si'a tokko 'audio book'tokko dhagggeeffachuu bareera jedhe.
''Ganama daqiiqaa 30, halkan daqiiqaa 30 nan dhaggeeffadha. Otoo appii kana otoo hin eegaliin duras muuxannoo akkasiin qaba, appii kana kan hojjanne muuxannoo keenya waliin waan wali simuufi,'' jedhe.
Itoophiyaatti dargaggoonni harki 70'tti dhiyaatan yeroo isaanii harka caalu bilbila isaaniitti tuttuqutti dababarsu.
''Barsiifanni dubbisuu miidhamuun gurgurtaa kitaabaa qofaa otoo hin taane biyya miidha '' kan jedhu Naahom, appiin seenessaa kun hanqina kan furaa jira jedhe.
Dameen teeknolojii quunnamtii Itoophiyaa dhaabbileetelekoomii biyyoota alaatiif banaa ta'aa wayita adeemu walgeettiin intarneetii ni guddata, maamiltoonni appii seenessa kitaabotaa kanatti gargaaraman akka ol guddatU Naahom kan amanu.
















