Qonnarraa gara aartii, aartiirraa ammoo gara qonnaa - wellisaa Ayyalaa Nugusee

Bara 1990oota gara dhumaarra sirboota aadaa, keessumaa kanneen Shawaa keessatti sirbamaniifi sirboota biroo kaaseeta tokkoon dhageettii guddaa horatee ture.

Ergasii aartiin isa waamte of bira hin tursiifne. Dhiibbaa dinagdeefi hawaasummaatin baadiyyaatti deebi’ee jireenya qonnaan bulaatiin jiraachaa jira.

Wellisaa Ayyalaa Nugusee, bu’aa bahii jireenyaa, dhiibbaa sirbarraa isa fageesseefi jireenya amma keessa jiru ilaalchisuun BBC waliin turtii taasiseera.

Godina Shawaa Kaabaa aanaa Warra Jaarsoo ganda baadiyyaa Maliyyuu Cawaa jedhamtu keessatti dhalate.

Ijoollummaa isaatti akkuma dargaggeessa Salaalee biroo iddoowwaan affeerraan sirbaa jirutti sagaleedhaan sirbaa akka guddate hima.

Sirbi inni naannoo isaatti sirbu kuni waltajjiitti bahee ni mul’ata jedhees yaadee hin beeku.

Baadiyyaatti jireenya qonnaan bulaa, bulti ijaarratees ilmaan horaatee jiraachaa akka ture hima.

Boodarra deeggarsa obboleessa isaatiin kennaan aartii inni qabu gara kaasetta baasuutti akka dhufes hima.

“Obboleessi kiyya yeroo Dargii humnaan gara waraanaa geeffame. Yeroo Dargiin kufu Finfinneetti deebi’ee mana Muuziqaa ‘Tokkummaa’ jedhamu banate. Dandeettii kiyya waan beekuuf walaloofi yeedaloo, akkasumas waan barbaachisu hunda na gargaaree kaaseeta sana baase,” jedha.

Yeroo sana sirboota 13 kaaseeta tokkoon baase. Isaan keessaa sirboonni akka Darroo Roobe, Kamakkame Hoolani, Walancitiin, sirba Atileetotaafi kanneen birooti.

“Darroo Roobee Daarii Habeebee farsoo quufee daadhiin kajeele xinnumashii qor itti naagodhi.

Arsii Roobee Daarii Kambaataa farsoon keetuu daadhii fakkaataa xinnumashii qor itti naagodhi,” kan jedhufaa qaba.

Kanaan alattis, sirbi atileetotaa bara 1999 kaaaseta isaa kana keessatti sirbe kanneen jaalatamaafi beekamtii ittiin argaate ture.

“Egaa yaa Maammoo Waldee guraamalatoo, yaa Abbabaa Biqilaa, yaa Abbabaa Biqilaa. Maal itti gaabbitanii maqaa keessan kaasera Qananiisaa Baqqalaa” kan jedhu ture sirbichi.

Cufamuu mana muuziqaaa Tokkummaa…

Manni muuziqaa Tokkummaa kan obboleessa isaa Faayyisaa Nuguseetiin baname kun yeroo sanatti sirboota hedduu Afaan Oromoo qindeessaa kan turedha.

Manni muuziqaa Finfinnee naannoo Awutoobis Taraa jedhamuun beekamutti hojii aartii Oromoo guddisuuf hojjetu kun sababa muuziqaa Oromoo hojjetuuf dhiibbaan irra gahaa akka turelleen yaadata Ayyalaan.

Obboleessi isaa kun damee mana muuziqaa kanaa magaala Shaashamanneetti banee turulleen boodarra lubbuun isaa yoo darbu hojiin mana muuziqichaas, imalli aartii wellisaa Ayyalaa Nugusees achumarratti dhaabbate.

“Mana muuziqaa sana dhiibbaatu irra ture. Obboleessi kiyya kun boqonnaan ani bakka isaa sana bu’ee hojjechuudhaaaf yaaleen ture. Inni beekumsas muuxxannoos qaba ture. Anammoo hanga ta’e isumatu na barsiise malee muuxxannoos hin qabu. Kanaaf, booda gara cufuutti deemne,” jedha.

“Yeroon sun anaafi maatii kiyyaaf yeroo rakkisaa ture. Obboleessikoo kun du’ee tibbuma sana haati kiyyas duute. Booda maatiin kiyya baadiyyaa jiranis rakkoo kana caalu keessa qooda seenan jedheen baadiyyaatti galee hojii qonnaatti deebi’e,” jedha Ayyalaan.

Wellistoonni Oromoo yeroo sana manni sun akka hin cufamneef deeggarsa nuuf gochaa turanillee dhiibbaan ture waan humnaa ol ta’eef cufame jedha.

“Manni muuziqaa kun hin cufamiin jedheen lafan baadiyyaadhaa qabu kontiraata kennee hojjechuuf yaaleen ture.

Ani ijoollee saddeet qaba. Booda maatiin kiyya baadiyyaas qooda rakkoo keessa seenu jedheen mana muuziqaa sanas cufuun ofiikoos muuziqaa dhiisuuf dirqame,” jechuun hima.

Waggoota 15 darbanis dirree aartiirraa guutumatti adda citee jireenya qonnaan bulaa baadiyyaa jiraachaa ilmaan isaa barsiifachaa jiraachuus dubbata.

Fedhii aartiitti deebi’uu…

Wellisaa Ayyalaa Nugusee waggoota dheeraaf dirree sirbaa irraa fagaatulleen amma nama isa gargaaru yoo argate sirboota hojjechuuf fedhiifi dandeettii akka qabu himeera.

“Amma ijoollee kiyyas barsiifadheera. Gargaarsuma dhaba malee fedhiin aartii na keessa jira. Sirboota aadaa hedduu osoon hojjechuu danda’uun humna dhabaaf callisee taa’ee jira,” jedha.

Wellisaan kun yeroo Dargii barnoota hanga kutaa sadaffaatti qofa kan barate ta’ulleen sirbootaaf walaloofi yeedaloo barreeffachuuf akka hin raakkannes hima.