'Waa’ee Oromiyaa callisuun gumaa goototaa gatuudha' - Taaddalaa Gammachuu

Yeroo diinni Oromiyaa bittinneessuuf waliigaletti waa’ee Oromiyaa callisuun gumaa goototaa lafatti gatuudha jedhe Artist Taaddalaa Gammachuu sirba qeenxee 'Bara Baraan' jedhu tibbana gadhiise ilaalchisuun turtii BBC waliin taasiseen.

Magaalaa Finfinneetti dhalatee kan guddate Artist Taaddalaa Gammachuu, aartii Oromoo keessatti hojii kanaan dura hojjeteen jaalatamummaa guddaa horateera.

Sirba mata-dureen isaa 'Bara Baraan' jedhu Amajjii 1, 2022 baaseen Oromoo fi Oromiyaa, akkasumas goototashee kaasuun faarseera.

Sirba kana namoonni daawwatan ergaa isaa, sagalee fi suur-sagalee isaa, akkasumas haala itti qopha'e jaallataniiru.

Taaddalaan erga sirba haaraa uummata biraan gahee gara waggoota 10 akka gaheefi hojiima muuziqaa kana keessa osoon jiruu hammana turuun kiyya ergan sirba haaraa kana gadhiisee natti beekame jedha.

“Waggaa 10 sirba osoo hin baasin baduun kiyya kan natti beekame, beeksisni sirba haaraa gadhiise kanaa yeroo gadhiifamu yaada uummanni kennerraayi," jedha.

Ani yeroo hunda muuziqaa waanin hojjedhuuf waanin fagaadhe natti fakkaachaa hin turre. Egaa waggaa 10 booda uummata kiyyaan walitti deebine,” jedha.

Sirboota qeenxee hojjechuurraa albama hojjechuutu na gammachiisa kan jedhu Artist Taaddalaan, sirbi haaraan tibbana gadhiise garuu haalli yeroo waan na dirqamsiiseefan qeenxee gadhiise jedha.

Sirba waa’ee Oromiyaa…

Sirba haaraa tibbana uummataan gahe kan ‘Bara Baraan’ jedhu kana walaloo isaa Yoosan Geetahun yeedaloo ammoo Geetish Maammootu hojjete.

Sirbi kun Oromiyaaadhaaaf nuti dhaloonni kun jirra, osoo nuti jirruu hin sheenoftu bara baraan ergaa jedhuun jaalala Oromiyaaf qabnu kanin ittiin ibsedha jedha Taaddalaan.

Yeroo kanatti waa’ee Oromiyaa weeddisuuf maaliif akka filate yoo himus, “Yoo Oromiyaan jiraatte Itoophiyaan jiraachuu dandeessi. Abbaan fedhe waan fedhe jechuu danda'a, ani garuu qooda Oromummaa kiyyaa bahuun qaba jedheen sirbe,” jedha.

Oromiyaan akka seera biyyattiitti naaannoo jedhamee waamamulleen, Oromiyaan anaaf biyyadha jedha Taaddalaa Gammachuu.

“Seera ittiin bulmaata biyyattiin qabdurratti naannoo jedhamee kaa’ame malee anaaf Oromiyaan biyya.

Miidiyaa adda addaa irratti halkaniif guyyaa murna hedduutu akka Oromiyaan diigamtuuf hamuummata. Diinaafi murna hedduutu kana barbaada,” jedha.

Gareen jibba Oromiyaa qabu diigamuu Oromiyaa irratti waliigalaniiru kan jedhu weellisaan kun, amma kan itti jiran akkaataa ittiin diigan irratti jedha.

“Yeroo kun hundi ta’u teenyee ilaaluu qabna jedhee hin yaadu. Gaafa sin balleessa, yookan sin ajjeesa albee sana natti kenni gaafa siin jedhu albee ittiin si ajjeesan akka kaastee kennuuti kana ofirratti ilaaluun. Kuni cubbuudhasi.”

“Gaafa kuni ta’u callisnaan haqa ilmaan Oromoo hedduun dhiiga isaanii itti lolaasanii lafee isaanii cabsaniif, goototniifi ilmaan qaqqaaliin itti wareegaman gumaa isaaanii lafatti gatuudha. Waan kana taa’anii laaluurra jedheetuman waan kanarratti sirbe,” jechuunis dubbata.

Komii sirbicha irratti ka'e

Sirba qeenxee tibbana baaseefi Oromiyaafi goototashee faarsu kanarratti goototni maqaa hin dhahamne jiru jechuun namootni tokko tokko komataniiru.

Yaadni namootaa akkas jedhanii komatanii hammina qaba jedhee hin yaadu jedha artistiin kun.

“Namoota gootni naannoo akkasii hin kaane jedhan ani akka cubbuutti hin fudhadhu. Ilmasaanii qeequu danda'u. Anis sirreessuuf waadaa galeefiin jira.

Sirreessinees jirra. Ta’ummoo ani gaafan Taaddasaa Birruu kaasu Waaqoo Guutuun keessatti arga. Gaafan Nadhii kaasu gootota Oromoo biroos isa keessattin arga. Gootni kutaa hin jiru hunduu gootota Oromiyaati,” jedha.

Ani ilma naannoofi gandatti amanu osoo hin taane ilma Oromiyaati kaan jedhu Artist Taaddalaa Gaammachuu, fuuladuraaf dhimmoota akkanaa qoqodinsa uuman irratti hubannoo qaabaachuun gootni naannoo tokkoo Oromiyaa hundaaf goota ta’uu hubachuu qabna jedha.

Artist Taaddaalaa Gammachuu albama haaraa hojjechaa akka jiruufi yeroo dhihoottis uummata biraan gahuuf akka jiru BBC’tti himeera.