'Durbi dur hin geerartuu, kan Ilfee Qannoo raajaa'

Dhiha Oromiyaa naannawa magaalaa Naqamteetti dhalattee magaalattii keessatti guddatte, hojii muuziqaas achumatti eegalte. Sirboota qabsootiin beekamti. Jaalalaan qabdee hacuuccaa ummatasheerra ga'u ibsiti. Isa booda mootummaa Dargiitiin magaalaa Naqamteerraa hari'amtee gara magaalaa Finfinnee deemtee achitti sirboota qabsoo itti fufte.

Amma Noorway magaalaa Bergen jiraatti.

Hojii aartii keessatti miidhaan jabaan akka irra ga'e dubbatti. Mataa gogaa qaruuraa cabaadhaan haadamuu, mana hidhaatti dararamuufi mirga sirbuu dhabaa akka turte dubbatteetti.

Ta'us garuu ifaajeen keenya lafatti hin hafne, dhaloonni ammaa jabaatee artii keenya oluma kaasaa jira jetti Ilfinash Qannoo.

Jiruufi jireenya Oromoo keessatti artiin iddoo guddaa qabaachuu kan dubbattu Ilfinash, hawaasni keessatti guddatte gara sirbaatti akka galtuuf akka ishee kakaase dubbatti.

Sanuma keessa darbee hanga kaassettoota kudhanii akka qabdus dubbatti.

Durummaa kaastee geeraruu akka barbaaddus dubbatteetti.

''Geerarsa baayyeen jaalladha''

Godina Wallaggaa Bahaa naannoo magaalaa Naqamtee bakka Sibuu Guutoo jedhamtu kan dhalatte Aartisti Ilfinash Qannoo bara 1969 AlI tti qabsootti makamtee achumaan hojii artii akka eegalte BBC'tti himteetti. Hojii artiitti dhiiga ijoollummaa fixeeera kan jettu Aartist Ilfinash Qannoo haalli jiruufi jireenya hawaasa keessatti guddattee ogummaanshee garanatti akka luucca'uuf sababa ta'uu ibsiteetti.

''Warri keenya yeroo qotiisa qotan, yeroo haramaa haraman, ciraa ciran, meesii meesan ni geeraruu, ni sirbuu, cidharratti ni sirbuu, isa kanan baadiyyaa keessatti argaa guddadhe'' jetti Ilfinash. Geerarsa baayyeen jaalladha kan jettu Ilfinash Qannoo geerarsa jalqabaa keessaa muraasa BBC'f gumaachiteetti.

Geerar geerari jettuu

Ani maalan geeraraa

Anoo yaadan yeelalaa

Geeraree maal na gonfuu

Yoon dhiise natti kolfuu

Yoon geerare maal qabaa

Eessa kootu mudaa qabaa

Gudar gubbaan lafaaree

Dubartummaan fafaaree

Citee namatti hafaaree

Jedheen itti joorekaa

Foon maddii na qoorekaa

Yoo dhiirri rafee ka'ee

Anatu teellaatti hafaaree

Mee takkan raajii raajaa

Unkuroon buqqee raajaa

Farsoon diinnichaa raajaa

Lafti kaa hin ijaajjuu

kan Oromiyaa raajaa

Nadheen hareeda hin baastuu

kan haadhoo reettii raajaa

Durbi dur hin geerartuu

Kan Ilfee Qannoo raajaa

Jaalala fakkeesseen ergaa siyaasaa dabarsa

Sirboota isheen ittiin beekamtu keessaa 'malli maali' kan jedhu keessa ergaan siyaasaa Oromoo dhokatee jiraachuu kan ibsitu Ilfinesh, bar sana yoo jaalala irra dibnee sirbine malee qabiyyeen siyaasaa waan gulaalamuuf mootummaan Dargii nuuf hin dabarsu jetti.

''Ani sirba jaalalaa hin sirbu. Sirbuma siyaasaa kan garbummaa saba koorraa fonqolchun onnadhee sirba''

Sababa waa'ee Oromoofi hacuuccaa ga'aa ture sirbaan mul'isteef mataa gogaa haadamuufi gara-jabinaan reebamuu , eelaan sunimmoo amma dhibee itti ta'ee akka jiru dubbatti.

Muudannoo hojii artii keessatti na mudate baran bilisoomen dubbadha jetti Ilfinesh,''Uummanni Oromoo waanan miidhame bareechee beeka, sababa isaaniin jira, uummata Oromoo biyya keessa jirutu waan narra ga'e sirriitti beeka.''

Milkaa'uun ergaa Oromoon ga'uudha

''Ergaa sirbaan gurra Oromootiin ga'uun milkii hunda caaluudha. Kan biraa faayidaan argannu hin jiru'' jetti Ilfinash.

Albeema baasan irrattillee hacuuccaan akka ture kan dubbattu Ilfinash, wal'aansoodhumaan yoona geenye malee sirba baasnu gurgurannee hin beeknu jetti.

"Uummata Oromoo hamma ga'e bira haa ga'u, hammi hubate ergaa keenya haa hubatu jenneetu jabaannee hojjenna. Haala kanaan gara kaaseta 10 baasera.''

"Ijoolleen koo dullaa koo na harkaa fuudhaniiru"

Hojii artii keessaa harka fudhachaa jiraachuu garuummoo ijoolleenshee akka itti fufsiisaniif deggeraa jiraachuu dubbatti.

''Sirba ijoolleen koo lamatu sirbu, Dawwiifi Daangaa jedhamu, isaanitti dabarseera, isaantu na harkaa fuudhe dullaakoo. ''

Eelaan bara artiin qabsaa'aa turtee amma kan harka kennachiifte ta'uu kan dubbattu Ilfinash, amma sagaleenis waan na dideef ijoollee koon gorsa jetti.

''Ijoolleekoo guddisee uummata Oromoof kenneera,'' jetti Aartist Ilfinash Qannoo.

Sadarkaan artiin Oromoo har'a irra jiru abdachiisaa ta'uu kan dubbattu Ilfinash, artistoota Oromoo warren jabana kanaa galateeffatteetti.

Yeroo barasaanii rakkoon guddaan akka tureefi ofirratti murteessanii waa'ee uummata Oromoo sirbaa akka turanis ibsiteetti, amma waan baayyeen jijjiirameera, ammoo ammallee waan hedduutu hafaa jetti.

''Yeroo keenyaa teekinooloojiin hin turre, mul'achuun hin jiru, masaraa mootummaa jala dhaabbannee qawwee malee maaltu bilisaa nu baasa jechaa turre. Ofirratti murteessineetti.''

''Nuti dur dukkana keessatti dhumaa turre. Amma garuu ijoolleen booda keenyaan ka'aniiru. Artiin keenya waan hedduu mo'achaa dhufeera. Ijoolleen Oromoo wayita isaan mootummaa sana keessa dhaabbatanii sirban nan gammada. Ammas ciminasaanii kana otoo hin nuffin, utuu hin hiikkatiin fuulduratti deemuu qabu,'' jechuun sirbitoota Oromoo jajjabeessiteetti.

''Hojii artistoonni Oromoo amma hojjechaa jiraniin hamilee horadhee asham ofiin jedheen jiraadha,'' jetti Ilfinash.

Lagarra Ceeneerra, galaanni ceenu garuu ganaadha

Aartistoonni Oromoo bara durii qormaata keessatti artii Oromoo miilaan dhaabaniiru, akeekkiin ganamaafi kaayyoon galgalaa amma waan milkaa'aa jiru fakkaata, garuu ammallee lagarra ceene malee galaanni nu hafa jetti Ilfinash.

Galaanarra ceenaan biyyatti galla, egereen keenya ifaadha ta'us garuu of eeggachaa sirbuun barbaachisaadha jetteetti Ilfinash. ''Akka bara 1992 biyyatti nam'inee biyyee nyaanne sanatti salphachuu hin qabnu. Ilaallachaa deemuun gaariidha. Qabsoon nuti manaa baaneef bakka geessi jedheen abdii qaba.''

Dhiigni qeerroo fi qarree, bilisummaa harkaan nu qabachiisaa jira. An har'a du'ullee na hin gaabbisiisu, qeerroon keenya kaateetti, Gadaan Oromoos ka'eera, kanaafuu bilisummaa barbaannu bira yeroo gabaabduu keessatti ni geenya jedheen abdii qaba.''

Qabsoo Oromootti kan lubbuu hortee jabeessite Ilfinash sirboota qabsooshee keessaa tokko nuuf gumaachiteetti.

An abdii hin kutadhuu ya qeerroo ganamaa

An abdii hin kutadhuu ABO ganamaa

Obsi an sin dhiisu kallachi koo sumaa

Otoon goflaa baasee akkuma allaattii

Barareen siif dhufaa bosona keessatti...

Sagalee Kiiloleen kun garam deema?

Aartistoonni Oromoo guutaniiru. Keessumaa Artistoonni biyya jiran aannan na obaasan. Kan na dadhabsiise umurii koo otoo hin taane dullaa wayyaaneeti. Yeroo ijoollummaa kan na tuman amma natti dhagahamaa jira. Homaa miti, ani amma yoon du'es qeerroon koo waan naaf kaateef, ekeraan koollee ni gammada. Hojii koos na arkaa fuudhaniiru. Kanaaf isaan jajjabeessuudha hojiin koo.''