Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Istokarweer: Appiiwwan bilbilaa abbootiin warraa dubartoota saanii ittiin basaasan
Maariyaan maatii amantaa Kaatoliikii cimsu keessatti guddatte.
Yeroo hunda Dilbata walitti qabamanii irbaata nyaatu. Maatii tasgabba'aa fi waliitti dhiheenyatti amanu keessatti guddatte.
Wayita maatii dhaabbattutti jireenya akka maatiishee jiraachuuf hawiiti. Kan yaadde hin hafne gaa'ila dhaabbatte.
Gaa'ila keessattis walitti bu'insi waanuma jiru waan ta'ef ishees mudachu eegale. Booda keessa ammoo ijaan wal arguu hanga jibban irra gahan.
Abbaan warraashees jalqabarratti tuffii agarsiisu eegale. Booda ammoo jireenya kee guutuu ani si to'adhu malee jechuu jalqabe.
Ittaansee ammoo sochii maallaqaa ishee to'annoo isaa jala godhe. Itti fufuunis ijoollee horatan sadi ofiisaa jala taasise.
Maariyaan namoota biraa waliin akka wal hin agarree, hojiis akka hin hojjanneef abbaa warraa isheetiin dhorkamte. Kana qofaa miti, kompitaratti akka hin fayyadamne dhorkeen.
Maariyaan haala akkasiitiin waggoota 25'f gaa'ila keessa jiraatte. Jireenyishees baayyee ulfaataa ture.
Kan biraa hafee abbaa warraashee kanaan wali hiikun mataansaa rakkoo biraa ture. Guyyaa tokkos deeggarsa maatiitiin manaa akka baatu taasifamte.
Achinis jireenya haaraa eegaluuf sochii eegalte. Jaalallee haaraas qabate.
Haata'u malee jaalallee ishee haaraa maqaa isheetiin irra deddebiin ergaan ergamaaf. Innis bitaa itti gale. Isheenis ergichi hin ergine jetti. Inni garuu maqaasheetiin ergaan ergamaaf jirachu mirkanaan beeka.
Kun attamiin ta'u danda'e? Dhimma bitaa namatti galu ta'e. Waanti isaan haasa'an hundi deebii'e isaan gaha.
Suuta suuta ammoo Kaaffee Maariyaan seente, daandii isheen irra imalte, hoteel itti nyaata nyaatte hundi eessa akka ta'e itti himamuu eegale.
Edaa abbaa warraashe duraatu bakka isheen deemte hondatti hordofaa jira.
Innis itti bilbiluun daandii kam irra deemaa akka jirtu itti hima. Yoo barbaade ammoo konkolaataa ishee duba oofuun sagalee olaanaa itti dhageessisa. Kunis isheedhaaf yeroo baayyee badaa ture.
Yoo barbaade ammoo suuraa bilbilashee keessaa deebiisee ergaaf. Odeeffannoon icciitiidha jettu hundi isa bira gaha. Kanaan kan ka'ees sodaa olaanaa keessa galte.
Booda dhukkuba sammu cimaa keessa galte. Booda garuu abbaan warraashee appii mobaayilii ittiin ishee hordofu (stoker ware) jedhamu fayyadamaa akka jiru hubatte.
Appiin Istokweer maaliidha?
Appiin bilbila harkaa kunis yeroo baayyee hojiirra kan oolfamu namoota tikaatiin. Amma garuu namoonni dhuunfaas qabaachu akka danda'u mul'ateera.
Namni appii kanatti fayyadamu lakkoofsa nama hordofuu sana gachuun qofa jireenya isaa/ishee to'achu danda'a.
Kana jechuunis, ergaawwan namni sun nama biraatiin wal jijjiruu, suuraawwan fi viidiyii hunda argu danda'a jechuudha.
Kana qofaas osoo hintaane, namni hordofan sun eessa akka jiru GPSn argachu danda'a.
Maariiyaa dhimma kana calliiftee dhiisuu hin barbaadne. Namoota dararama walfakkaataa keessa darban walitti qabuun waldaa hundeessite.
Gareen kunis amma appii kana fayyadamuun yakka akka ta'ufi seeraan akka dhorkamuuf hojjataa jiru.
Appiin kunis erga uggura koronaavaayirasitiin asi bal'inaan faayidaarra oolfamaa akka jiru qorannoon tokko himeera.
Appiin bilbila harkaa kun waggoota lamaan darbaniitti Apple fi Google akka man-kusaa isaanii keessaa haqaniif dhiibbaan itti cimeera.
Haaluma kanaan Google appiiwwan basaasa jaalalleetiif oolan hedduu haqeera. Appiiwwan kunneen irra caalaan kan xiiyyeeffannaa taasifatan maatiidha.
Maatiin garuu ijoolleen isaanii eessa akka oolan baruuf appichatti akka fayyadamaniif jajjabeefamu.
Haata'u malee appiiwwan kunneen abbootiin warraa haadha warraasaanii irratti basaasaa akka oolan kan jajabeessu ta'e mul'ateera.
Appiiwwan kanneen keessaa tokko kan ta'e 'SpyFone' seera Komishinii Daldala Federaalaa Ameerikaatiin seeraan ala jedhamu dhorkameera.
Sababiinsaas beekkamtii namoota malee odeeffannoo walitti qabuun qaama sadaffaaf akka dabarsu waan bira gahameef.
Ta'us ammalleen appiiwwan bilbila harkaa keenya keessaa odeeffannoo namoota icciitii ta'aniin gaha gabaarraa hin dhabamne.
Appiiwwan kunneenis namoonni eessatti akka argaman, sochii sa'aatii 24 dhoksaan qaama biraatiif kan dabarsu ta'unsaa yaaddoo olaanaa akka uumee oggeessoonni ni akeekkachisu.
Keessatti irra caalaa dubartoota balaaf saaxilamtoota taasisu.
Bilbilli keenyaa istokarweeriin butamu attamiin barra?
Appiiwwan kunneen namoota teekinoloojiin beekumsa qabu jedhaman mataasaaniitu kan rakkisaniidha. Haalli itti hojjataman dafanii akka baran kan taasisu miti.
Shaarlat dubartoota sababii appii kanaatiin rakkina keessa galan keessaa tokko. Akka isheen jettuttis, bilbilli ishee tibba tokko amala hinbaramne agarsiisuu eegale.
Fakkeenyaa baatiriinsaa ariitiin dhuma. Akkasumas ofumaan badee deebiise saaqama.
Yeroo kana ture bilbillishee ogeessatti geessuun istokarweeriin butamu kan itti himan.
Dhimmicha qaamolee nageenyaatti geessitulleen kan gurra kenneef hin arganne.
''Aadaan abbaan warraa haadha warraasaa basaasuun rakkoo akka hinqabaannee yaadu jiraachun kan naaf gale yeroo sana ture,'' jetti.
Dhaabbileen intarneetiin hojii jaaaleewwan basaasuu kana hojjataa ibsan hedduutu jira. Appicha bitachuuf garuu kanfaltiin bifa kiriiptokaransiin gaafatama.
Sababii rakkooleen bal'aafi balaa appiiwwan kanaan walqabatee umaman baayyee ta'aniif, amma biyyoonni hedduun appiiwwan kanneen seeraan dhorkaa jiru.
Fakkeenyaaf Faransaay appiiwwan bilbilaa akkasii miidhaa mana keessatti dubartoota irra gahu jajabeessan kamuu yakkaan kan gaafachiisan taasisuun bara 2020tti labsite.
Faransaayiitti namni appii kanaan osoo fayyadamuu argame hidhaa waggaa tokkoofi addabii yuuroo kuma 45tu eeggata.
Oggeessoon garuu tarkaanfii kana caalaatu fudhatamu qaabaata jedhu.
Keessattuu Google fi Apple appiiwwan akkasii kunneen akka bilbila irratti hin feeniie qajeelfamni hanga hin baaneetti rakkinichi bal'ataa malee fooyya'aa hin adeemu jechuu sodaasaanii ibsu.