Ameerikaatti dargaggeessa gurraacha jaarsa adiitti dogoggorsanii hidhaa buusan

Dargaggeessa dogoggoraan poolisiin qabame

Madda suuraa, CBS

Poolisiin namicha gurraacha Ameerikaa dhalataa naannoo Nevaadaa kan nama adii wajjin maqaa wal-fakkaataa qabu dogoggoraan guyyaa ja’aaf mana hidhaa buuse jedha himanni seeraa baname. Namni adii kuni umriidhaanis dachaa nama isa gurraachaati.

Namni gurraachi Sheen Lii Biraawun umrii ganna 25 yoo tahu Amajjii 2020 keessa eeyyama konkolaachisummaa agarsiisuu dhabuun qabame.

Poolisiin Laas Veegas ajaja mana hidhaa maqaa isaatiin argateeti qabate.

Haa tahu malee ajajni mana murtii suni nama adii Sheen Niil Biraawun jedhamuuf ture kan bahe. Namni kuni umrii ganna 40-60 gidduutti kan argamuufi areeda qabu dha jedha himatichi.

Namichi gurraachi himannaan irratti banamuu baatus mana hidhaa turuusaaf beenyaa gaafataa jira.

Dubbii himtuun magaalaa Hendarsan miidiyaalettii akka himanitti namni inni gurraachi eeyyama konkolaachisummaa haaromfame agarsiisuu dhabuun qabame jedhan.

Dogoggora maqaa uumameen tarkaanfiin seeraa fudhatame hin jiru jedhan.

Himanni seeraa garuu poolisonni Sheen Lii Biraawun nama ganna 51 rifeensa booraa, ija cuqulisaa fi areeda qabu kan bara 1994 yakka biraan hidhamee ture Sheen Niil Biraawun wajjin dogoggorsan jedha.

Miidiyaaleen US, bara 1994 namni kuni yeroo jalqabaaf gaafa hidhame gurbaan gurraachi immoo hin dhalanne ture jedhan.

Namni ganna 25 kuni nama isa adiirraa hojjaadhaanis ni gabaabbata akka himanni seeraa isaa agarsiisutti.

‘’Yeroo seeraan ala hidhamee ture Sheen Lii Biraawun poolisii magaalaa Handarsaniif nama ganna 49 fi adii akka hin taane akkasumas kana dura yakka hojjetee akka hin beekne ibsee ture,’’ jedha himata baneen.

Himanni nama kanaan baname poolisiin ‘’of eeggannoo barbaachisaa,’’ tahe fudhachuun suuraasaa nama isa guddaa waliin wal bira qabee hin ilaalle jedha.

Sheen Lii Biraawuun kan hidhaa irraa bahe erga abukaatoonsaa suuraa isaafi kan nama isa adii mana murtiitti agarsiisaniin booda dha.

Himataan kuni amma beenyaa doolaara 500,000 gaafachaa jira.

Poolisiin Laas Veegas nama gurraacha kana gadhiisee guyyaa saddeet booda namni inni barbaadu Sheen Niil Biraawun Kaalifoorniyaatti hidhamuusaa kan bare.

Yeroo namni inni umriidhaan xiqqaatu hidhamee ture namichi inni adiis hidhaarra turuu waan beekamu jiraachuu baatus dhuma baatii Amajjii keessa mana murtiitti dhiyaateera.

Dubbii himtuun magaalaa Hendarsan garuu gaafa Wiixataa miidiyaa NBC’tti akka himanitti eeyyama konkolaachisummaa qabaachuu dhabuusaan ‘yeroos hidhamuunsaa sirrumaa’ jedhan.

’’Obbo Biraawun poolisoota isa qabaniif akka eeyyama konkolaachisummaa hin qabne amanee ture,’’ jedhan dubbii himtuun Kaatliin Riichaards.

‘’Himataan seeraa kuni ragaaleefi haalota barbaachisoo yeroos hidhamuunsaa sirrii akka hin taane mirkaneessan ijaa hin dhiyeessineef abbaan alangee magaalatti mana murtiif deebii keenna,’’ jedhan.