‘Ani gurraattiidha, jaalalleen kiyya adiidha - daa'imni kun dhuguma keetii jechuun na gaafachuu dhaabaa’

Madda suuraa, Ena Miller
Ennaa Miilar yeroo daa'ima deessetti, yaadaafi gaaffii gara garaa bifa intalashee ilaalchisee walitti fufinsaan isheef dhiyaatuuf hin qophoofne turte.
Mucaan koo guyyaa dhalatterraa kaastee sababa bifasheetiif yaadni gara garaa irratti dhiyaataa ture.
Da'umsaaf hospitaala seenee guyyaa tokkoofi halkan tokko kutaan wallaansa addaa keessan ture.
Yeroo sanatti mucaa koo Boonii waliin saatii muraasaaf qofa wal argina ture. Dubartiin tokko balbalaan morma ol seensifattee ciree maal akkan nyaachuu barbaaddu na gaafatte.
Gaaffii ciree akkamii akkan nyaadhu dubartiin kun gaafatte osoon hin deebisiin dura, akkas jechuun na gaafatte, "Kun mucaa keetii?"
Itti aansitee akkana jetti jedheen tilmaame - "Bareedduu mitii!" ykn "Maddiin ishee baayyee miidhaga!"
Dubartiin kun gamasheetiin deebistee, "Dhuguma kun mucaa keetii?"
Sagaleerraa akka waan ajaa'ibamte fakkaatti, hanga tokkos rifatteetti. Jecha 'dhuguma' jedhu fayyadamuun ishee ammoo qalbii nama qabata.
"Isheenoo baayyee adiidha. Mee rifeensa ishee ilaali, baayyee dheeraadha," jechuun dubbatte.
Dubbiin yeroo kana jalqabe - namoonni haaraa nu argan bilisa ta'anii ani haadha Boonii ta'uu koo na gaafatu ykn bifa ishee ilaalanii yaada kennu.
Hospitaala bakkan itti da'etti na jalqabe. Boodarra ammoo yeroon waa bitachuuf suuqii deemu, mana nyaataa keessa teenyuufi hiriyoota dubbisuuf deemnu nu mudachuu itti fufe.
Ani bifaan magaaladha. Jalalleen kiyya ammoo adiidha. Booniin ammoo sanyii makaa taatedha.

Madda suuraa, Ena Miller
Kutaa da'umsaa keessa osoon jiruun suuraawwan Boonii namootan jaalladhuuf ergaan ture.
Namoota ani suura Boonii ergeef keessaa muraasni isaanii hima toora tokko tokkoon yaada isaanii barreessaa turan. Yaadni isaan barreessanis ana dubartii reefu haadha taatuuf hubachuudhaaf rakkisaa hin turre.
"Isheenoo dhugaadhumatti adiidha."
"Suuraa isa isheen irratti caalaa Afrikaa fakkaattun filadha."
"Isheenoo baayyee daalachooftuu mitimoo?"
Warra yaada kennan keessaa namni tokko ammoo qub-guddeessaan barreessuun yaada isaa ibsachuu isa feesisee akkas jedhe: "Isheenoo AMMALLEE adiidha."
Nama miidha.
Booniifi ani qophaa keenya guyyoota shan hospitaala keessatti dabarsine. Yeroo jalqaba weerarrri COVID-19 itti hammaate waan tureef - namni akka seenee nu gaafatu hin hayyamamu ture.
Jaalallee/michuun kiyya WhatsApp fayyadamuun viidiyootiin nu gaafataa ture. Kana jechuun ammoo Google gochuuf ykn yaadawwan namoonni kennan irratti dhiphachuuf yeroo gahaan qaba ture.
Namoonni yeroo hunda akka ani haadha Boonii hin taanetti fudhatuu laata?
Booniin ammoo yeroo hunda ani eenyu akkan ta'e ibsaa haftii?
Animmoo guddistuu daa'imaa itti fakkaadheen hafaa laata?
Gaaffileen jedhan kanneen waliin jiraachuuf qophaa'ee hin turre.
Erga hospitaalaa baanee booda guyyaa tokko qilleensa fudhachuuf baanee miira gamachuu keessa osoo jirruu wanta nama hin gammachiifne tokkotu nu mudate.
Namichi tokko sagalee ol fudhatee miira dheekkamsaan nutti dhufe. "Mucaan kee maaliif akkas baayyee addaatti?" Akkasuma jechaa nutti naanna'e, kan baayyee aare fakkaatas.
"Maaliif akkas baayyee addaattee? Nama adii waliin ciifteetta mitii? Kun kan ta'e yoo ati nama adii waliin ciifteetta ta'edha!
Ilaalaa kan isheen fakkaattu, ilaalaa maaloo kan isheen fakkaattu, ilaalaa kan isheen fakkaattu - maaliif akkas addaattee?"
Ani baayyeen dhiphadhe, nan sodaadhes. Namoota akkas jechuu isaatiin qalbiin isaanii gara keenya ta'e durattis nan qaana'e. Namichi bifti isaa ana fakkaatu [gur'aacha) kun maaliif akkas akka aare beekuu hin dandeenye.
Waa'ee bifa mucaa kootii ilaalchisee yaadawwan hin taane kan dhufan namoota bifti isaanii ana waliin wal fakkaaturraati. Maaliif akka ta'e hin beeku. Maatiin bifa sanyii makaarraa ta'an kana keessa darbu jedhee tasa yaadee hin beeku.
Yeroo namichi nutti aaree akka jechaa ture sanatti ani maatiikoof hin dhaabbatiin hafuukootiif nan gaabbe.
Namicha aariin akka sanatti natti dubbachaa ture sana irraa gara galeen imimmaan ija na guute ciniinnadhee qabachaan gara mana kootti gale.
Hangan gaafa Wendii argutti dhiibbaa inni anarratti uume tasa hin dubbannen ture.

Wendii Looopez jiraattuu Kibba Landa umuriin ishee waggaa 60 ta'edha. Wendiin dubartii jireenya salphistee ilaaltudha.
Waggaa 28 dura Oliiviyaa deesse. Jaalalleeen/michuun ishee Ameerikaa Kaabaa, Guyaanaa irraa osoo isheen kutaa da'umsaa jirtuu mucaan ishee gurraattimoo adii akka taate baruuf bilbileef. Wendiin maaliif akka kana gaafate yaadaachaatuma kokkolfite.
Oliiviyaan rifeensa daalacha, garuu luuccaa, dheeraa gurmuu qabu qabdi.
"Mana rifeensaa deemtee kan namni rifeensa ishee keessa faachoo dheeraa kaa'e fakkaata," jetti Wendiin.

Madda suuraa, Ena Miller
Doktorri tokko ammoo, "maatii kee keessa namni adiin jraa" jechuun Wendii gaafate.
Isheenis deebistee abbaan Oliiviyaa adiidha jette. Inni garuu akkas jedhe: "Lakki, lakki, maatii kee keessa namni adii ta'e jiraayyuti kan Oliiviyaan baayyee adii taate."
"Baayyee na dhibee jennaan yaadaan jira, 'Kan hunda garuu maaliif anatti himtaa?'" jechuun akka isa gaafatte yaadatti Wendiin.
Harmeen Wendiis mucaa akkayyaa taatuuf kana bifa ishee garaan ishee waan hin fudhanneef yeroo baay'ee "intalattii adii'' jetti. Garuu akkuma isaattimmoo dhiibbaa jiru ni dandeessi.
Wanti guyyaa tokko ishee mudatee ture garuu addatti ishee aarsee ture. Guyyaa tokko Oliiviyaa qabattee waa shamatachuuf gabaa torbaniif gara suuqii Deepotfoord jedhamu Kibba Landanitti argamu deemte.
Osoo karaashee darbaa jirtuu namoonni gugurraaleen sadii balbala mana dhugaatii tokko dhaabataa turan.
"Isaan keessaa tokko gara kootti dhufe. Oliiviyaa ilaalee akkas jechuun gaafate, 'ishiin mucaa keetii?"
"Animmoo lakkin jedhe.''
"Mucaa kiyyan kan koo akka hin taanetti fudhadhe, garuu haala sana keessatti kanuma gochuutu anarra ture.
"Waanan gaabbu hin qabu. Doorsifameera. Sodaadheera. Namichi dhugaatii dhugaa akka tures fooliin isaa ni beeksisa. Nu rukuta jedheen yaade," jetti Wendiin.
"Dubartoonni gur'aacha ta'an dhiirota adii waliin ta'uu hin danda'an isa jedhamaa ture sana keessa akka jiran argita."
Yeroo ammaa kana garuu namoonni yeroo baayyee ilaalcha kana mormaa jiru; Wendiinis ilaalcha kana cabsuudhaaf hin callisne.
"Ji'oota muraasa dura talaallii COVID fudhachuuf deemeen narsiin na talaaltu Oliiviyaan daa'ima ani akkan kunuunsuuf qacarameef ta'etti na gaafatte.
''Ani garuu akkan haadha ishee deesse ta'en itti hime. Narsii kun irra deebitee 'dhugumatti simatu da'ee' jechuun nagaafatte," jette Wendiin waan ishee mudate yeroo ibsitu.
"Namoonni wantoota akka kanaa anaan jedhanii deeman dhiisuu hin danda'u."
Yaadawwan akka kanaa Oliiviyaan eenyu akka taaterratti miidhaa qaqqabsiisuudha jetti.
Wendiin yaada namoonni ishee argan waa'ee intalashee bifti adii irra deddeebiyanii gaafatanii maaliif akka obsa ishee dhowwate of gaafatte.
Hanga tokko obsitee gaaffii namootaa deebisuun jiruu ishee itti fuftullee, itti baayyachuu isaarraan kan ka'e nuffuun ishee hin oolle.
Erga deessee ji'oota 14 booda namoota ishee gaafatan maraaf intalli ishee bareedduun kun kan ishee ta'uu mirkaneessuu ni dadhabde.

"Jaarraa 21ffaa keessa jirra. Namoonni yaadaan deemaniiru jettee yaadda garuu, miti," jette haati daa'imman sanyii makaa guddistu Fariibaa So'eetan.
Fariibaan dubartii umuriin ishee waggaa 41 taate yommuu ta'u, sanyiin ishee gariin Iraan, gariin ammoo Ingiliiz. Abbaan warraa ishee ammoo nama Naayijeeriyaadha.
Fariibaafi abbaan warraa ishee kun ijoollee sadii umuriin isaani 10, 8fi 6 ta'an qabu.

Madda suuraa, mixedracefamily.com
"Ijoollee durbaa sadii bifi isaanii addaa adda ta'e qabaachuu keenyaaf yaadawwan nutti dhufan baayyee nama sodaachisu," jetti Fariibaan.
''Mudannoowwan gara garaa ijoolleen koo akkamiitti akka hawaasa keessatti ilaalaman arguu nan danda'a."
Mudannoo tokko bara darbe ishee mudate baayyee ishee aarsees ture. Fariibaan intalashee umuriin waggaa torbaa mana barumsaa Kaaba Landa jiru tokko keessaa fudhachaa turte.
"Yeroo ani ishee hammadhu ijoollee barattootaa keessaa tokko akkas naan jette, "Isheen intala keetimoo?'
"Anis 'Eyyeen' ittiin jedhe. Barattuun sun itti fuftee, 'Bifti ishee kana fakkaatee otuma jiruu ishee ni jaallattaa?'
"Intalli kiyya sana dhagesseetti," jetti Fariibaan osoo boo'i, boo'i isheen jedhee imimmaan hudhaa jiruu.
Haata'u malee, dhimma kanarratti barreessuun faayidaa qaba. "Dhiibbaa akka fidutti natti dhaga'ama. Akkasumatti fudhadheen dhiisa miti. Waa'ee kanaa waan tokkon hojjedha."

Madda suuraa, mixedracefamily.com
Haadha ijoollee durbaa bifti isaanii garaa gara ta'anii Fariibaan waan ishee mudate kana abdii ni jijjiirma jedhuun fuula ofiin banatte (blog) irratti barreessuun barsiisuu itti fufte.

Madda suuraa, Ena Miller














